Kaardii diimaan Baarseloonaa gatii baasise, Arsenaal har'a akkam taha?

Lamiin Yaamaalii fi taphattoota Atileetiikoo Maadrid; Shaampiyoonsi Liigii tapha deebii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Baarseloonaa tapha marsaa lamaaniin kaardii dimaatu Shaampiyoonsi Liigii keessaa baase. Atileetiikoo Maadrid waliigalaan 3-2'n mo'atee walakkaa xumuraaf darbe.

Torbee darbe sarara ittisaarra kan taphatu Paawuu Kubaarsii kaleessa ammoo Eerik Gaarshiyaan kaardii diimaa argachuun Baarseloonaan morkii cimaa Atileetiikoo Maadrid waliin taasise akka harka laatu sababa guddaa taheera.

Inumaa taphni jalqabee daqiiqaa 25 osoo hin guutiin galchii 2-0 kan durse Baarseloonaan sararri ittisaa isaa of eeggannoo dhabuu irraa kan ka'e Atileetiikoon galchii tokko lakkoofsise.

Sana booda Gareen Deegoo Simoonee qabxii isaa eegsisee bahuuf ittisatti deebi'e.

Ittis milkaa'eera. Baarseloonaan galchii sadaffaa lakkoofsisee taphaan ala jedhamuun jalqaa haqameera. Taphattoota 10nin taphatanis tapha guutummaatti caalaniru.

Lamiin Yamaal umurii 18'n gahumsi agarsiise ajaa'iba. Garuu garee isaa marsaa itti aanuuf dabarsuu hin dandeenye.

Rakkoon Baarseloonaa bilchina dhabuu taphattoota sarara ittisaa fi guutummaan sarara isaanii keessaa hanga walakkaa dirreetti seenuun taphachuun akka galchiin irratti lakkaa'amu taasiseera.

Ilma isaa Juliyaanoo Simoonee sarara gidduurra taphachiisuun garicha kan dursu leenjisaan Atileetiikoo Deegoo Simoonee gammachuu isaa yeroo ibsatu imimmaantu isa hudhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Waggoota 14 guutuu sadarkaa guddaarra jirra. Taphattoonni hedduun jijjiiramaniiru. Garuu ammayyuu sadarkaa Awurooppaatti dorgomtoota jajjaboodha'' jedhe.

Atileetiikoo Maadrid kileba har'a darbe Arsenaal ykn Ispoortiing Liisban waliin walakkaa xumura waancaaf darbuuf morkata.

Arsenaal torbee darbe 1-0 Ispoortiingi Liisbaniin mo'ateera.

Baarseloonaan carraa galchii lakkoofsisuu hedduu uumeera. Fermin Looppez haga karra eegaa Atileetiikoo waliin walitti bu'ee miidhamuun baay'ee dhiigutti falmii cimaa taasise.

Feeraan Toores galchii lammaffaa erga lakkoofsisee carraa gaggaarii argates balleeseera. Baarseloonaan hanga daqiiqaa dhumaatti waan qabu hundaan yaaleera.

Baranas hin milkaa'iin hafe. Bara darbe daqiiqaa dhumaatti Inter Miilaan galchii lakkoofsisuun kan kufe Baarseloonaan dogogora isaa irraa waan barate hin fakkaatu.

Amma kileboota Awurooppaa sadarkaa kanarra gahan baranaa afur keessaa tokko tahuu keenya.

''Kun miira akkamii namaa kenna seete! Ammas dorgommii itti aanuuf ofitti amanamummaan qophoofna. Ciminaa fi dadhabina keenya sirriitti beekna. Amma hundaaf qophiidha'' jedhe Simooneen.

Itti dabaluun isa waggoota dheeraaf barbaadaa turre sana mo'achuuf waan dandeenye hundaa ni goona jedhe.

Taphni osoo hin jalqabiin dura deeggartoonni Atileetiikoo sagalee guddaa dhageessisuun taphattoota Baarseloonaa dhiphisaa turan.

Barreeffamni isaan qabatanii galan ammoo 'Lucha por tu Camiseta' jechuun ''hidhannookee kanaaf falmadhu'' kan jedhu yoo tahu taphattoonnis ergaa kana haala gaariin hojiitti hiikaniiru.

Yeroo Baarseloonaan galchii lamaan lakkoofsisu leenjisaan Atileetiikoo naasuu caalaa akka tasgabbaa'an taphattoota isaaf dhaamaa ture.

Osoo Fermin Looppez galchii sadaffaa lakkoofsisee jiraate silaa qabxiin arginu kan biraa tahuu mala. Karra eegaan Atileetiikoo yeroo kubbicha deebisuuf yaalu fuula Looppez keessa dhiituun dhiiga qofa godhe.

Galchiis oolche. Kun Atileetiikoon akak walakkaa xumuraaf darbuuf shoora olaanaa taphateera.

Luukmaan bara darbe Atalaantaan yeroo xumura waancaa Awurooppaa Liigiif gahu galchii sadii lakkoofsisee waancaa mo'atan.

Amajji darbe Atileetiikoo Maadrid kan gale Luukmaan kaleessa kileba isaa haaraa walakkaa xumuraaf dabarse.

Atileetiikoo Maadrid bara 2014 xumura Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabee Riyaal maadridiin dhumarratti mo'amuun waancaa dhabe. Ergasii xumuraaf gahee hin beeku. Baarseloonaan erga waancaa mo'atees tahe xumuraaf gahee waggoonni 11 darbaniiru.

Jules Kuundee Luukmaaniin dhaabuu dadhabuun adabbii guddaa isaan mudatedha.

Ittisni Baarseloonaa ammayyuu tasgabbii dhabuun gatii isaan kaffalchiiseera.

Bara darbe shaampiyoonaa tahuun kan xumure PSG'n Liiverpuuliin waliigala 4-2'n mo'atee darbe.

Baayern Muunikiifi Riyaal Maadrid keessaa kan injifatu PSG waliin wal arga. Baayern Muunik tapha marsaa jalqabaa Beernaaboo irratti 2-1'n mo'atee deebi'eera.

Kiliyaan Imbaappee fi kaan akka Muunikiin dirree isaa irratti mo'atan amanu. Baayern Muunik garuu baay'ina galchii bara kana wlaiigalaan lakkoofsiseen rikardii waggaa 50 olii cabseera.

Kanaaf Riyaal Maadridiif gaara guddaa bahuu itti taha.