Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF aangoo MM Abiy naaf kenne akka hin fudhanne naan jedhe -Jen. Taaddasaa Warradaa
Jeneraal Taaddasaa Warradaa torban darbe gara Finfinnee deemuun gabaasa hojii MM Abiy Ahimediif dhiyeessuun yeroo aangoo isaanii waggaa tokkoof dheereffamuu isaa dursee TPLF ''aangoo siif kenamu akka hin fudhanne'' na jedhee ture jedhan.
Ibsa Eebla 2026 kaleessaa kennan irratti Jeneraal Taaddasaan TPLF yeroo aangoo dheereffameef akak hin fudhanne itti himuu ibsan.
TPLF ibsa isaanii kana hordofee deebii kenne hin qabu. Pirezidaantiin Yeroofii naannoo Tigiraay kun gara Finfinnee kan deeman afeerraa MM Abiy AHimediin tahuu himaniiru.
Ji'a lama dura yeroon aangoo isaanii kennameef xumuramuuf waan jedhuuf hoggantoota TPLF'f gaaffii dhiyeessaa turuu himaniiru. Garuu deebiin naaf kenname hin jiru jedhan.
Jen. Taaddasaan yeroo gara Finfinnee deeman garuu dursaa TPLF Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el waliin mari'achuun waliigalteerra gahuun akak tahe himan.
DR Dabretsiyoon kanneen waliingaltee Piriitooriyaa mallatteessanii fi hojiitti hiikan keessaas tokko.
Yeroon bulchiinsa yeroofii isaanii waggaa tokkoof dheereffamuu erga ibsamee garuu TPLF ''murtee mootummaan federaalaa ofumaan fudhate'' jechuun qeeqe.
''Yeroon aangoo bulchiinsa yeroofii naannoo Tigiraay yeroo dheereffamu mariin qaamolee lamaan hammachiise osoo hin gaggeeffamiin, hirmaannaa fi beekumsa TPLF ala murtoo mootummaa federaalaan qofa kan fudhatame'' jechuun ibsa baase.
Jeneraal Taaddasaan garuu osoo ofii isaanii gara Finfinnee hin deemiin dura gama paartii TPLF'n namni isaan bakka bu'us tahe akka aangoo qabatu barbaadamu dhiyaate akka hin turre himan.
Garuu erga yeroon aangoo isaanii dheereffamee booda TPLF ibsa baaseen Jeneraal Taaddasaan yeroo aangoo dheereffameef kana fudhachuu hin qbau ture jedhan.
Jeneraal Taaddasaan ibsaa fi yaada TPLF kana waan fudhatama hin qabne jechuun ibsan.
''Aangoo hin barbaadu, lakki hin fedhu jechuun mirgadha. Garuu atis hin fudhatiin, hin barbaadu jedhi kan jedhu garuu sirrii miti,'' jedhan.
Ofii isaas yaada kana akka hin fudhanne ibseera.
''Qabaa na gadhiisaa jechuu fi jeequmsaan waan dhalatu hin jiru. Warra qe'ee isaanii irraa buqqa'an qe'ee isaaniitti deebisuu fi olaantummaa seeraa naannoo Tigiraay keessatti deebisuuf ni hojjenna'' jedhan Jeneral Taaddasaan.
''Dhaadachuudhaan'' qofa tahuu hin qabu kan jedhan Jen.Taaddasaan warra buqqa'an qe'eetti deebisuu qabna jedhan.
Magaalaa Finfinneetti gabaasni MM Abiyyiif dhiyeessan ammoo gabaasa hojii naannichaa irratti kan xiyyeeffate akka tahe himaniiru.
Pirezidaantichi gabaasa miidiyaalee mootummaan bahan irratti ''dhugaan yoomiyyuu dhokattee hin haftu. Suuraaleen achi keessatti maxxanfame waanuma dhiyoo kana tahee fi gabaasicha keessaati.
Haa tahu malee, rakkoowwan gabaasicha irratti ka'an gabaasuu dhabuun hanqina miidiyaalee kanneenii tahuu himan.
Gabaasichis warra qe'eerraa buqqa'an deebisuu, tokkummaa fi nageenya daangaa kabachiisuu, dhaabbilee waraanaan manac'a deebisnee ijaaruu, sochii barnootaa fi tajaajila fayyaa keessa jiru, baajanni adda cituu hordofee rakkoowwan isaan mudatan fa'aa kanneen gabaasicha irratti ka'an tahuu himameera.
Naannoo Tigiraay keessa hanqinni nyaataa, boba'aa fi bu'uuraalee kanneen biroo jiraachuu himuun garuu harka marannee hin teenye jedhan. ''Tigiraay misooma adda addaas hojjechaa turteetti'' jedhan.
Ji'oota muraasa darbaniif sababa mootummaa federaalaa irraa baajata hin arganneef hojjettoonni miindaa argachaa akka hin turres ibsaniiru.
Mootummaan federaalaa naannoo Tigiraay deebisanii misoomsuuf kan oolu, ijaarsa daandiiwwanii fi manneen barnootaa akkasumas kaaniif kan oolu baajata haga tahe akka kenneef Jeneraal taaddasaan himaniiru.
Miindaa hojjettoota mootummaa naannichaa ilaalchisee mariin gara biraa akka barbaachisu himaniiru.
Miidyaaleen akka gabaasanitti bulchiinsi yeroofii naannoo Tigiraay waggaa tokko keessatti hojii jajjabeessaa hojjeteera.
Garuu rakkoolee naannicha mudatanii jiran gabaasa isaanii keessatti hammachuu dhiisuun hanqina tahuu kaasan.
Mootummaa federaalaa fi bulchiinsa naannoo Tigiraay gidduutti dhimmi buqqaatota qe'ee isaaniitti deebisuu, tokkommaa daangaa naannichaa kabachiisuu fi humnoota Tigiraay hidhannoo hiikkachiisuu dhimma wal falmisiisaa tahee itti fufeera.