Arsenaal v Niwukasil fi tilmaama Piriimer :Liigiifi taphoota FA Cup

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maanchester Siitii Piriimer Liigii dursuu jalqabuu isaa mirkaneeffateera.

Siitiin Sambata xumura walakkaa FA Cup Wenbileerratti Saawozihampitan waliin taphata.

Dursummaa Piriimer Liigii Maanchester Siitiitti dabarsee kan kenne Arsenaal, Niwukasil dirree isaarratti simatee keessummeessa.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan tilmaama taphoota Piriimer Liigii torban kanaaf tapha FA Cup kan xumura walakkaa akka itti aanutti tilmaameera.

Jimaata

Sanderlaand v Notigihaam

Notingihaam torban darbe mo'amullee cichoomina inni agarsiisaa ture ajaa'iba ture.

Gaalii 3 fi 1n durfamuurraa kaasee 3 fi 3 walqixa ta'ullee goolii daqiiqaa dhumaa irratti itti galeen mo'amaniiru.

Gareen kun goolii lakkoofsisuu irra deddeebiin agarsiiulleen, tapha kanaan garuu waan itti lakkaa'amu hin fakkaatu.

Haata'u malee, tapha kana Sandelaand ni mo'ata jedheen tilmaama.

Tilmaama: 1 - 0

Sambata

Fuulhaam v Aston Viilaa

Aston Viilaan torban dhufu Forest waliin xumura walakkaa Yurooppaa Liigiirratti taphatuun alatti Piriimer Liigii keessatti sadarkaa Shaampiyoons Liigii Awurooppaa taphachuu danda'u keessa galuuf morkataa jira.

Fuulhaam garee tilmaamuutiif nama rakkisu ta'uu isaa irra deddeebiin agarsiiseera.

Gareen kun taphoota lamaan darbanirratti goolii lakkoofsisuu baatu, tapha kanaan garuu akka lakkoofsisu nan tilmaama.

Tilmaama፡ 1 - 1

Liiverpuul v Kiristaal Palaas

Liiverpuul torban darbe Hiil Diinksan irratti morkataa isaa Everten mo'achuu danda'eera.

Palaas barana gara Anfiild deemee mo'achuu waan danda'eef kanas dabalannaan waan nama ajaa'ibu miti.

Gareen kun Piriimer Liigii keessatti waan milkeessuu barbaadu waan hin jirreef Konfereens Liigiirratti Shaktaar waliin morkiitu isa eeggata.

Liiverpuul fi taphattoonni isaa warri akka Aleksaandar Ayizaak ga'umsa gaariirratti argamuu baatanis, tapha kana garuu akka mo'atan tilmaama kooti.

Tilmaama፡ 2 - 1

West Haam v Everten

West Haam torban darbe Palaas waliin qabxii qooddatullee, amma Liigicha keessaa ba'uu ooluuf dhiibbaa keessa jira.

West Haam saffisa cimaatiin taphachuuf yaalus Everten deebii wal fakkaatu akka kennun tilmaama.

Gareen lamaan yeroo darbe waliin taphatanitti, 1 wal qixaan xumuran. Ammas kanumatu irra deebiya jedheen yaada.

Tilmaama፡ 1 - 1

Wolvis v Tootenhaam

Gareen kunneen lamaan marsaa jalqabaan yeroo waliin taphatanitti Tootenhaam sa'aatii dhumerratti goolii lakkoofsisuun mo'amuurraa ooleera.

Gareen kun taphoota shan hafan keessaa sadii mo'atee Liigicha keessaa ba'uu ooluudhaaf imala taasisu tapha kanaan jalqabuu qaba.

Woolvis ammoo Liigicha keessaa ba'uu isaa waan mirkaneefateef dhiibbaan Tootenhaam irra ta'a.

Tilmaama፡ 0 - 1

Maanchester Siitii v Saawozihaampiten (FA Cup)

Saawozihaampiten torban darbe Burustiil Siitii waliin hanga gaafa waliqixa ba'eetti Arsenaal dabalatee taphoota torba mo'atera.

Gareen kun bara 2023 Siitii Waancaa Liigiitiin ala godheera.

Amma waan wal fakkaatu ni mudata amantaa jedhu hin qabu.

Siitiin akkuma Barnilee waliin goolii lakkoofsisuu rakkate ta'uu baannaan tapha kana ni mo'ata.

Tilmaama፡ 3 - 0

Arsenaal v Niiwukasil

Arsenaal torban darbe Siitiin mo'amuu isaatiin abdiin gareen kun waancaaf qabu dukkanaa'uulleen, Siitiin Barnilerratti goolii tokko qofaa lakkoofsisuun kan abdii isaaf kennudha.

Arsenaal ammallee morkii waancaa keessatti argama.

Arsenaal fi Niiwukasil waggoota muraasa darban morkii ciccimaa taasisaniiru.

Gareen Eedii Haawu kun ga'umsi isaa gadi bu'uufi taphattoonni miidhamuun qoramaa jira.

Tilmaama፡ 2 - 0

Dilbata

Chelsii v Liids (FA Cup)

Liyaam Rosiiniyeer rakkoo Chelsii isa guddaadha jedhee hin amanu.

Tapha Biraayiten waliin tureen ejjennoo taphattoonni tokko tokko agarsiisan fudhatama kan hin qabne ta'uu dubbachuun leenjisaa kanaa sirriidha.

Liids Bornimaawoz waliin walqixa ba'uun qabxii gaarii galmeesseera.

Tilmaama፡ 1 - 2

Wixata

Maanchester Yunaayitid v Bireentifoord

Maanchester Yunaayitid taphoota muraasa darbaniin kan tilmaamamu ta'uubaatus bara dorgommii kana ga'umsa gaariin xumuruun irra jiraata.

Maaykil Kaarik garicha Shaampiyoons Liigiigiif akka qaqqabsiise hubadhullee taphni kun akkamiin akka xumuramu tilmaamuun ni rakkisa.

Bireentifoord marsaa duraan 3 fi 1 mo'achuun alatti Igoor Tiyaagoo goolii lama kan lakkoofsise yoo ta'u, tapha kanaan akka isaan qorun tilmaama.

Bireentifoord irra deddeebiin walqixa ba'aa kan jiru waan ta'eef qabxii walqixaan xumurama jedheen yaada.

Tilmaama፡ 1 -1