Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhibdee Baha Gidduugalaan namootni miliyoona 30 ta'an hiyyummaatti seenuu malu'
Waraanni Baha Giddugaleessaa US, Israa'eliifi Iraan gidduutti gaggeeffamu dhukaasa dhaabuu amansiisaa hin taane keessa jira, daafoonsaa garuu fiixee addunyaa mara waliin gaheera.
Sagantaan Guddinaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii gabaasa haaraa baaseen sababa waraana kanaa guutuu addunyaatti lammiileen miliyoona 30 ta'an hiyyummaatti galuu maluu jedheera.
Waraanni Baha Giddugalaatti gaggeeffamaa jiru kun biyyoota 162 keessatti namootni miliyoonaan lakkaa'aman yaaddoo hiyyummaatti seenuuf akka saaxilaman godheera jedha dhaabbatichi ibsa torban kana keessa baaseen.
Qorannoon dhaabbatichaa biyyoota kallattiin waraana kanaan miidhaman irratti hundaa'e. Keessumaa warra bobaa'aa bitatan keessatti. Ammoo daafoon waraanichaa biyyoota hiyyeeyyiirratti dhiibbaa yeroo dheeraaf turu qabaata jedha.
Waraanni US-Israa'eliifi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru amma torbee jahaffaasaa qabateera. Ammayyuu waliigalteen dhukaasa dhaabuu waaraafi waliigalteen gahame hin jiru. Yeroof garuu dhukaasni dhaabateera.
Haala akka malee hamaa jedhamurraa qabee kan dabalaa adeemuu danda'uudha. Rakkoon kun hammuma itti fufaa deemeen biyyoota hedduu saaxilamoodha jedhaman keessatti hiyyummaan akka babal'atu sababa ta'a.
Haalli jiru hammaachaa deema yoo ta'e namootni miliyoona 32 ta'an hiyyummaatti galu jedha gabaasichi.
Biyyootni yaaddoon kun isaan ilaallatu ammoo Biyyoota Galoo Galaanaa, Eeshiyaa, Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii, biyyoota odolaa misoomarra jiraniiti.
Bulchaan UNDP Aleksaander De Kroo ''waraanni misooma dubatti deebi'eedha. Walitti bu'insi wanta biyyootni waggoota keessatti ijaaran torbanoota keessatti boodatti deebisa'' jedhan.
Waraana kanaan walqabatee gatiin boba'aa fi wantoota nyaatamanii akka malee qaala'aa jira. Kun ammoo namoota fiixee addunyaa adda addaatti saaxilamoo ta'an balaaf saaxila.
UNDPn biyyootni balaa kana dandamachuuf tarsiimoo tolfachuu qabu jedheera. Tarsiimoo gargaaruu danda'a jedhu keessaa tokko omishaalee baayyee barbaachisoo ta'an irratti doggomaa gochuudha. Kanaafis maallaqa gahaa ramaduun akka barbaachisu ibse.
Doggomaan kun jumlaan godhamuu hin qabuu jedha. Sababnisaas warra baayyee isaan barbaachisu dhiisee sooreyyii akka malee fayyaduu danda'a kan jedhuudha.
Ofii sababa waraana kanaa diinagdee biyyoota kamiitu miidhame?
Hangisaa wal haa caalu malee waraanni Baha Giddugaleessaa biyyoota addunyaa hedduu miidheera.
IMF gabaasa tilmaama Diinagdee Addunyaa haaraa baaseen haala hamaa ta'een - bakka gatiin boba'aa, gaazii fi nyaataa bara kanaa dabalee mul'ate bara dhufus itti fufa yoo ta'e, guddinni addunyaa bara 2026tti %2 gadi bu'uu akka danda'u ibseera.
Wanti hamaan diinagdee addunyaa boodatti harkisu gatiin boba'aa barmeela tokkoo bara kana yoo giddugaleessaan $110 ta'ee fi bara dhuftu ammoo $125 ta'eedha jedha IMF.
Akka IMF jedhuttu diinagdee gurguddoo jiran keessaa kan UK sababa hanqina boba'aa waraanni Iraan uumeen hedduu miidhameera.
Guddinni Diinagdee bara kanaa UK duraan 1.3% ta'a jedhamee tilmaamame amma gara 0.88%tti gadi bu'eera.
Biyyootni Galoo Galaanaa boba'aa gurguruun beekamanis guddinni diinagdee galmeessan baayyee gadi bu'aa ta'a jedhameera.
Diinagdeen Iraan bara kana 6.1% gadi bu'a jedhee tilmaame. Yoo torbanoota keessatti waraannichi karaa nagaa xumurame ammoo bara 2027tti 3.2% ta'aa jedhe.
Dinagdeen Kataar bara kana 8.6% gadi bu'ee bara dhuftu ammoo 8.6% guddachuutti deebi'aa jedhe
Biyyootni Galoo Galaanaa $200 biiliyoon dhabu
Biyyootni Arabaa waraana kanaan akka malee miidhamaniiru. Miliyoonaan kan lakkaa'amanis gara hiyyummaatti galuu malu jedha Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii.
Sagantaan Misoomaa dhaabbatichaa gabaasa torbanoota dura baasee tureen, guddinni omishaalee waliigalaa(GDP) waraana ji'a tokkoo booda dhibbeentaa 3.7n gadi bu'ee 6% ta'a jechuun tilmaame.
Kunis maallaqaan yeroo shallagamu doolaara biliyoona 120-194 ta'a.
Addunyaarratti biyyi bob'aa hedduu gurguruun tokkoffaarra jirtuu fi diinagdee guddicha biyyoota Arabaa kan taate Saawdii Arabiyaan ji'oota afur dura diinagdeenshee 4.4% guddata jedhamee tilmaamamee ture.
Waraana torbanoota jaha darbaniin misaayelotaa fi dirooniiwwan Iraan guyyaa guyyaan qolachaa baatuss damee misooma boba'aasheerra miidhaan gaheera. Gurgurtaan boba'aas danqameera.
Sababa kanaatti IMF tilmaamasaa 1.4% gadi siqsee 3.1% guddina agarsiifti jedheera.
Miidhamni ishee kun biyyoota Galoo Galaanaa ollaashee jiran waliin walbira yeroo qabamu badaa hamaa miti.
Diinagdeen Iraan bara kana 6.1% gadi bu'a jedhee tilmaame. Yoo torbanoota keessatti waraannichi karaa nagaa xumurame ammoo bara 2027tti 3.2% ta'aa jedhe.
Baahireen, Iraaq, Kuweet fi Kataar guddina diinagdee gad-aanaa ta'e galmeessu jedhamee tilmaamameera.