Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yoo mo'atamne dhuma hiree waancaa injifachuu keenyaa ta'a'- Peep
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa morkii murteessaa Arsenaal waliin Etihaaditti gaggeessan dursee yaada kenneen yoo mo'aman Arsenaal waancaa akka injifatu yoo qixxee bahan garuu hiree qabaachuu dubbate.
Morkii kanaf Ooreeliiy akka hirmaatu, Ruuben Diyaaz garuu akka hin jirre mirkaneesseera.
Morkii murteessaa kanaaf akka ta'utti qophoofneerra jedhe. Taphattootni koo miiraan oofamuu keessaa bahuun kubbaa miilaa sirrii tapahchuu akka qaban itti himuufi kanaafis xiyyeeffannoonsaanii kubbaarratti qofa akka ta'u hubachiisuu dubbate.
Ammoo Arsenaal baroota lamaan sadan garee baayyee fooyya'aa dhufee fi garee jabaa ta'uu dubbatte. Tapha isaanii ilaaluu akka jaalatus hime.
''Namni waan guddaa eega. Miidiyaan, deeggartootni , hunduu. Ani isaan daawwachuun na gammachiisa. Karaa hedduu isaaniirraa nan baradha.''
Peep garee waggoota 22f waancaa Piriimiyeer Liigii hin kaafneefi seenaa sana dagachiisuuf morkaachaa jiru duukaa morkii gochuun baayyee ulfaata ata'uu dubbate.
''Wanta adda isaan godhu tokko qabu. Sana nan beeka'' jedhe.
Leenjisaa Mikeel arteettaa gama isaan morkii Etihaaditti gaggeeffamu kana irratti jifataansaa Bukaayoo Saakaa miidhamaan kan hin hirmaanne ta'uun mirkanadha jedheera.
Maaduweekee, Kaalaafiyoorii, Odeegaardiifi Timbar ammoo akkam akka ta'an shaakala Sambata godhamu booda ilaallaa jedhe.
Arsenaal morkii Etihaaditti godhu kana qixxee bahee deebinaan gahaa jedhu ogeeyyiin kubbaa miilaa.
Arteettaan garuu ''waayee qixxee bahuu sakendii tokkoofillee yaadaa hin jirru'' jedhe.
Yeroo marayyuu kan qophoofnu injifannoodhaafi morkii Siitii waliin goonus injifachuuf qophoofna'' jedhe Arteettaan.
Morkii PL 10 darban Arsenaaliifi Maanchister Siitiin walitti dhufan keessaa Siitiin yeroo shan injifateera. Arsenaal ammoo yeroo lama. Taphoota hafan sadii ammoo qixxee bahan.
Addatti morkii PL dirree Etihaaditti gaggeeffame gaafa kaasnu garuu qabxiin jiru Arsenaaliif badaadha.
Arsenaal taphoota 10 darban gara Etihaad deemee morkate keessaa tokkollee hin injifanne. Torba mo'amee sadii ammoo qixxee bahe.
Seenaan kuniifi yeroon murteessaa amma irra jiran Artettaafi gareesaatti dhiibbaa uumuu mala.
Arteettaan garuu morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan walakkaa xumuraaf gahuun isaanii morkii Siitii waliin qabaniif hamilee akka kennuuf dubbate.
Arteettaan Ammaan tana Arsenaalitti kan qormaata ta'u Siitii moo xiinsammuu mataasaaniiti kan jedhurratti deebii kenneera.
''Xiinsammuun keenya fooyya'aa fooyya'aa dhufeera. Amma gaarii jirra'' jedhe.
Peep Gaarditoolaa taphni kun garee lamaaniifu akkaan barbaachisaa ta'uu dubbatee ammoo taphoonni hafan jaha(isaaniif). Piriimiyeer Liigii keessatti taphoota mo'achuun salphaa mitii jedheera.
''Hunda keenyaafuu taphootni jajjaboon hafaniiru. Mee ni laalla, waan fedhes ta'u garuu ittuma fufna'' jedhe.
Taphni kun abbaa waancaa fudhatu hangam murteessa?
Herrega taphoota hafaniifi garaagartummaa qabxii jiruu yoo ilaalle dhugumatti waancaan kan eenyuu akka ta'u Dilbata dhuftu hin murtaa'u.
Maanchister Siitiin hiree bal'aa qe'ee ofiitti qabu fayyadamee yoo injifate gargaagartummaan qabxii Arsenaal waliin qabu jaharraa gara sadiitti gadi bu'a. Ammoo tapha tokko harkaa qaba.
Arsenaal yoo injifate ammoo ammallee Siitiin tapha tokko osoo harkaa qabuu garaagartummaan qabxii amma jiru jaharraa gara sagaliitti ol guddata.
Tapha Dilbataa kana booda Arsenaaliif taphootni shan Maanchister Siitiif ammoo taphootni jaha ni hafu.
Sun Arsenaal yeroo kamuu caala gara waancaatti akka siiqu gargaara. Garuummoo taphootni hafan ammallee murteessoo ta'u.
Arsenaal taphootni isa hafan shanan gareelee mudhii gabatee liigichaan gad jiraniidha.
Siitiin ammoo gareelee akka Evartaniifi Bireentaford kan hiree morkii Awurooppaa bara dhuftuu milkeessuuf fiigan fa'a waliin qaba. Guyyaa dhumaatti ammoo Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dhufuuf kan morkatu Astoon Viilaa waliin taphata.
Taphoonni hafan Arsenaaliif loogu.