Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirni mootummaa Iraan miidhamus ammayyuu 'cimaadha'- Tika Ameerikaa
Qondaalli tikaa olaanaan US tokko mootummaan Iraan ''irra caalaan isaa miidhamus'' ammayyuu ''cimaadha'' jette.
Daarikterri Tika Biyyaalessaa Tulsii Gabaard, fi qondaalonni olaanoo bulchiinsa Tiraamp yaaddoo Ameerikaa mudachuu malu irratti koongireensiif ibsa kennanniiru.
Erga Guraandhalaa as waraani kun jalqabee yeroo jalqabaaf haala waktaawaa irratti ibsa kennan.
Hogganaan farra shororkeessummaa US Iraan ammatti Ameerikaaf yaaddoo nageenyaa miti jechuun aangoo gadhiisaniiru.
Gbaard ammoo yeroo dhimma tika biyyattii hogganaa jiran kanatti balaan Hulaa Hormuuzitti mudate kun akka dhufu dirsinee tilmaamneerra jedhan.
"Tikni Ameerikaa ammayyuu sirni mootummaa Iraan ''cimaadha'' jedhe. Garuu hoggansi waraanaa fi humna waraanaa biyyattii irratti haleellaan waan gaggeeffameef akka malee miidhameera jedhe.
Dursaa CIA, FBI fi Ejeensii Nageenya Biyyaalessaa fuulduratti dhiyaachuun ibsa kan kennite Gabaard, miseensa Dimokiraatotaa kan tahe Joon Osoof gaaffii Iraan yaaddoo nageenyaa Ameerikaa taatee turtee jechuun ishee gaafateef deebii hin kennine.
''Yaaddoo nageenyaa hatattamaatii kan jedhu kan murteessu pirezidaantii qofa'' jette.
Erga waraanni kun jalqabees miseensonni paartilee ameenii maaliif Tiraamp Iraan irratti akka waraana bane gaafachaa turan.
Tiraamp garuu Iraan nageenya Ameerikaa fi Israa'eliif yaaddoo guddaa kan tahe nuukileera gabbisaa jirti jechuun deebise.
Hulaan Hoormuuz cufamun rakkoo guddaa akka tahe osoo beektuu maaliif waraanicha jalqabde kan jedhu gaaffii namoota siyaasaa US irraa ka'udha.
Jooy Keent Iraan Ameerikaaf yaaddoo hin taane jechuun waraanicha mormee hoggansa farra shororkeessummaa irraa ka'e.
Daarikterri CIA Joon Raatkiliif yaada Keent kana waliin wlaii hin galu.
''Iraan yeroo hundumaa nageenya Ameerikaaf yaaddoodha. Amma ammoo yaaddoo nageenyaa cimaa taatee turte'' jedhe.
Gaabaard haleellaan Ameerikaa fi Israa'el Baha Gidduugaleessaa keessaa humna waraanaa Iraan akka malee dadhabsiiseera jette.
Iraan waraana guyyaa 12 irraa bayyannachuun gabbisa nuukileeraatti deebi'uuf yaalaa turte. Dirqama sakatta'insa gabisa nuukileeraa gaafatamteefis eeyyamamtuu hin taane jette.
Ameerikaa fi Israa'el Iraan nuukileera gabbisuuf yeroo gabaabaa hafe jechuun Waxabajji 2025 keessa haleellaa boombii guddaa Iraan irratti raawwataniiru.
Barreeffama akka dhiyeesituuf qophaa'eef irratti Gaabaard, ''haleellaan sun guutummaan guutuutti gabbisa nuukileeraa Iraan barbadeesseera. Iraanis deebistee gabbisuuf humna isaa hin qabdu,'' bakka jedhu sagalee ol kaastee hin dubbisne.
Senaaterri Dimokiraatotaa Maark Waarner maaliif bakka sana hin dubbisne jedhee yoo gaafatu, yeoo waan hin qabneef jecha gabaabsuufi jettee deebiste.
''Kanaafuu odeeffannoo bakka dubbii pirezidaantichaa falleessu dhiisuuf filatte'' jechuun deebiseefii.
Seera baastonni waraana kana banuuf Tiraamp gorsitoota tikaa waliin mari'ateeraa jedhanii gaafatan.
Hogganaan CIA wal gahii hedduu waliin gaggeessaa turre. Yerootti qofaa taa'ee Tiraamp murtoo tokko dabarse hin beeku jedhe.
Dabalataan Iraan Hulaa Hormuuz haleeluu fi cufuu akka dandeessu gorsitoonni tikaa odeeffannoo pirezidaantichaaf kennanniiruu? jechuun gaafatan.
Raatkiliif pirezidantichi yeroo yerootti odeeffannoo argataa turan jedhe.
Iraan hulaa boba'aan guddaan addunyaa irra darbu Hormuuz cufteetti.
Hoggantuun Tikaa US, Iraan akka hulaa kana cufuu dandeessu hubachuun dursamee tarkaanfiin fudhatamaa ture jette.
Dhiyeessiin boba'aa addunyaa sababa kanaan akka malee miidhameera. Gatiin boba'aa Baarmela tokkoos doolaara 110 caaleera.