Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp Iraanitti loltoota bobbaasuun Odola Kaarg qabachuuf yaadaa jiraachuu ibse

Yeroo gatiin boba'aa addunyaa dabalee jirutti Tiraamp loltoota US Iraanitti bobbaasuun Oddoola Kaarg qabachuuf yaada akka qabu beeksise

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Humni galaanaa, Humni addaa lafoo fi Komaandoon US Baha Jiddu-galeessaa gahe - CBC News

    Loltoonni Humna addaa Ameerikaa dhibbaan lakkaawaman - Humnoota galaanaa dabalatee amma Baha Jiddu-galeessaa dhaqqabuu miidiyaan michuu BBC ta'e CBS News gabaase.

    Humnoonni galaanarraa US kumaatama ta'anii fi komaandoon US Baha Jiddu-galeessaa gahuu isaanii gabaasni CBS kun mul'ise.

    Maddeen CBS akka himanitti bobbiiwwan kunneen Donaald Tiraampif Iraan keessatti hireewwan garaagaraa uumuuf akeeka qabu,akeekni kunneenis, Oppireeshnii Ulaa Hormuuz bansiisuu, boba'aa Odola Kaargi irraa fudhachuu fi Yuraaniyeemii Iraan gabbifte to'achuu akka ta'an gabaasni kun ni agarsiisa.

    Ajajni giddugaleessaa US (Centcom) haala deemaa jiru kanarratti yaada kennuu ni dide.

    Sanbat-duraa dabre Ajajni giddugaleessaa US hojjettooonni humna galaanarraa 3,500 fi humnoonni galaanaa doonii USS Tripoli jedhamtuun Baha Jiddu-galeessaa gahuu himee ture.

  2. Waajirri galiiwwanii Finfinnee hojjettootni sa'aatii hojiitti mobaayila akka hin fayyadamne dhorke

    Waajirri galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf jecha har'a Bitootessa 30, 2026 irraa kaasee hojettootnisaa sa'aatii hojiitti bilbila mobaayilaa akka hin fayyadamne dhorkuun gabaafame.

    Waajirichi kenninsa tajaajilaa ammayyeessuufi rifoormiiwwan milkeessuu wajjin walqabatee hojjetootasaa waajira olaanaa jiraaniif dameeleerrra hojjetan walumatti kuma torba ta'an waliin sa'aatii hojirratti itti fayyadama bilbila mobaayilaa ilaalchisee mariyachuu waajirri kominikeeshinii bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

    Marii kanarratti hojjettootni maamila teessisanii bilbila moobiyaalaa ofii tuttuqaa ooluufi kompiitara waajiraa irratti dhimma dhuunfaa bahachuun rakkoo guddaa maamila mufachiisu ta'uun akka hubatame ibseera.

    Rakkoo kana haala waaraa ta'een furuuf guyyaa har'aarraa eegalee hojjetaan kamuu sa'aatii hojiitti bilbila mobaayilaa dhuunfaasaa fayyadamuun dhorkameera jedha.

    Kompiitara waajiraa dhimma dhuunfaaf oolchuunis akkasuma akka siirreefamu qabu waliigalameera jedha.

    Hojjettootni walgahii kanarratti argamanis kenninsa tajaajilaa si'ataa gochuuf fayyadama bilbila moobaayilaa wajjin walqabaturratti murtee darbe hojiirra oolchuuf qophii ta'uu ibsaniiru jedha gabaasni waajia Kominikeeshinii magaalichaa.

  3. Yeroo gabaabaa keessatti waliigalteerra hin gahamu yoo ta'e buufatalee anniisaa Iraan mancaasuuf Tiraamp dhaadate

    Pirezidantiin Ameerika Doonaald Tiraamp Iraan waliin yeroo gabaabaa keessatti waliigalteerra hin gahan yoo ta'e buufataalee anniisaa biyyattii mancaasuuf dhaadate.

    Hooggansa haaraa Iraan sababatti amanu waliin marii faara qabu gaggeeffamaa akka jiru dubbate. Ammoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu mallatteeffamuu yoo baate buufataalee hanga ammaatti sababab gahaaf osoo hin tuqiin dhiifte akka rukuttu beeksise.

    Tiraamp yeroo fi haalduree kaahuun waliigalteerra akka gahamu dhiibba ayeroo godhu kun kan jalqabaa miti.

  4. Iraan buufata boba'aa calalu Israa'el haleeluu himte

    Midiyaan biyyalessaa, Iraan kaaba Israa'el iddoo buufataaleen oomishni boba'aan jiru misaayelaan haleeluu hime.

    Viidiyoon miidiyaa Isra'el fi miidiyaa hawaasaa Iraan irratti tamsa'aa jiru aara buufata boba'aa calau Haayifaa jedhamu keessa yeroo bahu mul'ata. Kanaan duras iddoon irratti qiyaafatame ture.

    Tajaajilli Balaa Ibidda Israa'el taankariin boba'aa caccabaa misayelaan haleelamuu Rooyitarsitti hime.

  5. Iraan ajajaan humna galaanaashee ajjeefamuu mirkaneessite

    Iraan ajajaan humna galaanaa Humnota Eegumsa Warraaqsa Islaamaa biyyattii Alireezaa Tangisiirii ajjeefamuu ifatti mirkaneessite.

    Israa'el haleellaa gaggeessiteen ajajaa humna galaanaa Iraan kana ajjeesuu ibsitee turte. Haa ta'u malee, Iraan yeroo sana sobas dharas hin jenne. Alireezaan haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu amma mirkaneessiteetti.

    Miidiyaan Eegdota Humna Warraaqsaa Islaamaa Iraan waliin hidhata qabu Taasnim akka gabaasetti, Alireezaa Taangisiirii miidhaa irra qaqqaberraa bayyanachuu dadhabee du'e jedhe.

    Humni Eegumsa Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) ibsa baaseen, "diina keenya hanga guutummaan mancaasnutti hin rafnu" jedhe.

    Ajajaan humna galaanaa IRGC ajjeefame kun, keessumaa Ulaan Hormuuz akka cufamu gochuurratti gahee guddaa qaba jedhama.

    Waraanni kun erga eegalee as qondaalota Iraan gadi bahanii USfi Israa'elitti dhaadataa turan keesaaa tokko Alireezaa ture.

    Iraan bara 2019 diroonii basaasaa US Ulaa Hormuuz irratti rukuttee kuffisuu hordofee, Ameerikaan Alireezaa Tangisiirii qoqqobbii irra keessee ture.

  6. Tiraamp 'yuraaniyeemii Iraan baafachuu yaadaa jira' - Wool Istiriit Joornaal

    Pireezidantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp yuraaniyeemii Iraan kg500 tahu oppireeshinii waranaan baasuuf akka tahe gaazexaan Wool Istriit Joornaal gabaaseera.

    Oppireeshiniin kuni ''humni waranaa Ameerikaa guyyootaaf biyyattii keessa turuu gaafata,'' jedha gaazexaan kuni qondaala nageenyaa maqaa hin himne eeruun.

    Tiraamp dhimma kanarratti hamma yoonaa murtii kennuu baatus, ''dhimma kana hojiirra oolchuuf yaadaa jira, kunis Iraan lammata meeshaa waraanaa nukilaaraa akka hin hojjenne dhorka,'' jedha qondaalii kuni.

    Dhimma kanarratti BBC'n Waayit Haawusiifi Peentaaga dubbisuu yaalee hin milkoofne.

    Gabaasni Niiw Yoork Taayimis akka agarsiisutti loltoonni amma naannichatti ramadaman ''ergama yuraaniyamii Iraan buufata Isfaanaahitti gabbifame irratti qiyyaafachuu ykn ammoo odola Kaarg fudhachuuf ykn Ulaa Hormuuz eeguuf ramadaman taha,'' jedheera.

    Kanaan dura jedha Niiw Yoork Taayimis, meeshaa akka niwkilaaraa gaara Isfaanaah jalatti owwaalamee jiru irratti oppireeshinii raawwachuuf Tiraamp ''yaadaa ture,''

    Karaan kamiyyuu oppireeshiniin kuni wal-xaxaa fi balaa guddaa kan qabu tahuu agarsiisa.

  7. Tiraamp bara 1988 waa'ee odola Kaarg fudhachuu dubbataa ture

    Qaata pireezidantii otoo hin tahiin Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp odola Iraan Kaargirra ija buufatee ture. Tiraamp gaazexaa Financial Times waliin haasaa taasiseen dhimma kana dubbateera.

    • 1988: Tiraamp ''odola Kaarg nan mancaasa'' jedhe af-gaaffii The Guardian waliin taasiseen. ''Dhaqeen fudhadha. Iraan Iraaqiiniyyuu mo'achuu hin dandeessu, Ameerikaa ammoo asiifi achi raasti. Odola sana yoo fudhanne addunyaaf gaarii taha''
    • 13 Bitootessa, 2026: Af-gaaffii raadiyoo Fooks jedhamu waliin taasiseen, waan bara 1988tti jedhe gaafatame jennaan odola kana fudhachuun dhimma ''tarree dursaa'' keessa jiru miti jedhe. Yaadasaa geeddaruu akka danda'u dubbate. ''Dhimma kana raawwachuufan tures, hin turres,'' jedhe. Maalin siin jedha?'' jedhe.
    • Guyyaama sana: Miidiyaa hawaasaa isaa dhuunfaa Truth Social irratti haleellaa boombii ajajeen ''gonfoo Iraan kan taate odola Kaarg'' mancaasneerra,'' jedhe. Haleellaa kanaan ''bu'uuraalee boba'aa odolichaa hin haleelle,'' jechuun Iraan Ulaa Hormuuz irratti dhiibbaa uumuu yoo itti fufte haleeluu akka yaadu hime.
    • Af-gaaffii Financial Times har'a baheen Tiraamp odola kanaan wal-qabatee ''filannoo baayyee'' akka qabu hime. ''Odola Kaarg fudhachuus, fudhachuu dhiisuus dandeenya. ''Kana jechuun yeroo murtaa'eef achi(odola Kaarg) turuu qabna jechuu dha,'' jedhe.
  8. Ameerikaan odola Kaarg yoo to'atteyyuu Iraan taankaroota haleeluu dandeessi

    Gatiin boba'aa baarmela tokkoo doolaara 116 gallaan gabaan Eeshiyaa kufaa jira.

    Gama biraan ammoo Donaald Tiraamp ''boba'aa Iraan fudhachuu barbaada,'' jedheera, akkuma Ameerikaan pireezidantii Veenzuweelaa Nikoolaas Maaduroo Amajji darbe aangoorraa buuste sana jechuudha.

    Tiraamp Galoo-galaana Pasrhiyaatti odola Kaarg buufata boba'aan al-ergii Iraan %90 itti fe'amu to'achuun kana akka raawwatu gaazexaa Financial Times'tti himeera.

    Odola Kaarg fudhachuun danda'ama taha garuu akka Veenzuweelaa sana Ameerikaaf oppireeshinii salphaa hin tahu jedha gabaasaa daldalaa BBC Niik Maarsh.

    Humna namaa guddaa gaafachuurraan dabalataan to'annoo Iraan Ulaa Hormuuz irratti qabdu jijjiirama hin fidu.

    Taankariin Ameerikaa odola kanarraa bahu kamiyyuu Iraanin haleelamu danda'u jedha.

  9. Viidiyoo yeroo gamoon mana jireenyaa kibba magaalaa Tehraanitti argamu haleelamu agarsiisu

  10. Doonaald Tiraamp “boba’aa Iraan keessa jiru fudhachuu” nan danda’a jedhe

    Doonaald Tiraamp “boba’aa Iraan keessa jiru fudhachuu” nan danda’a jedhe. Kana kan godhu ammo wiirtuu boba’aa Iraan kan taate Odola Kaarg qabachuudhanaidha.

    Gaaffiifi deebii Faayinaanshiyaal Taayims waliin taasiseen, “odola kana salphaatti fudhachuu akka danda’u” dubbateera Tiraamp.

    Akkas jedhees garuu waliigalteen “qajeelummaan dafee” hojiirra ooluu danda’a jedhe.

    Iraan ammo tarkaanfii haaloo bahu fudhattu ballistae yunivarsiitiiwwaniifi maneen qondaalota US fi Israa’el irratti haleellaa raawwachuuf dhaadatteetti.

    Af-yaa’iin paarlaamaa Iraan humnoonni Iraan loltoonni Ameerikaa dachee isaaniirra ejjennaan “bokkaa abiddaa itti roobsina” jechuun “eeggachaa” jiraachuu dubbatee ture.

  11. Wiiirtuun industirii Israa'el gammoojjii Negeevitti argamu haleellaa misaa'ela Iraan booda yeroo gubatu viidiyoo agarsiisu kana daawwadhaa.

  12. Odolli Iraan, Kaarg Tiraamp fudhachuuf dhimmee barbaadu maali?

    Akkuma waraanni Baha Giddu Galeessaa cimee itti fufaa jiruun, xiyyeeffannaan Ameerikaa gara odola xiqqaa Galoo Galaana Pershiyaa keessatti argamtu kan wiirtuu dinagdee boba'aa Iraan Odola Kaargi ta'eera jedha gabaasni.

    Odolli xiqqaan kun qarqara galaanaa Iraan irraa gara kiiloo meetira 30 fagaattee galoo galaanaa kaabaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, wirtuu ijoo indaastirii boba'aa biyyattiitti.

    Odolli kun bakka tarsimoo Iraan qabdu ijoo taatus bakka kana haleellaa irraa ittisuun rakkisaa fi salphaatti irratti xiyyeeffatamuu kan danda'udha.

  13. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eeggalleera.

    Waraani Baha Giddugalaa ammayyuu ijoo addunyaan irraa haasa'u ta'ee itti fufeere. Tiraamp loltoota lafoo Iraanitti bobbaasuu akka fedhu ibse.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa kataa toora marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo isin biraa kenyu argachuu dandeessu.

    Tamsaasa kallattii keenyas asiin argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa"

Trending Now