Baajatni Peentagon waraana Iraaniif gaafate falmisiisaa ta'e

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministeerri Ittisa Ameerikaa- Peentagon waraana Iraan keessatti gaggeeffamuuf maallaqa dabalataa doolaara biiliyoona 200 ol akka raggaasisu Waayit Haawus gaafate jedha gabaasni Za Waashingitan Posti(The Washington Post).

Gaaffiin kun yoo ragga'e gara Kongireesii Ameerikaatti kan ergamu ta'uu fi Kongireesii Ameerikaa keessatti falmii siyaasaa guddaa kaasa jedhamee eegama.

Qondaalli olaanaan bulchiinsa Ameerikaa tokko Waashingitan Postitti akka himanitti maallaqni kun meeshaalee waraanaa itti fayyadaman bakka buusuuf akkasumas oomishni meeshaalee waraanaa ijoofi murteessaa ta'an akka dabalamuuf gargaara.

Peentaagoonis ta'ee Waayit Haawus lamaan isaaniiyyuu gabaasa kana irratti yaada akka kennan gaafatamanii hanga yoonaa yaada irratti hin kennine.

Baatii Mudde darbe miseensonni seera baastotaa mana marichaa doolaara baasii ittisa Ameerikaatif oolu biiliyoona 901 kan bara kana raggaasisaniiru.

Garuu pireezidaantiina Ameerikaa Doonaald Tiraamp baajati kana caalu akka raggaasifamu gaafachaa turaniiru.

Tiraamp Ameerikaan ''yeroo baayyee rakkisaa fi balaafamaa'' keessa jirti jechuun ibsan kanatti baajatni dabalataa akka barbaachisu gaafatan.

Rakkoo kana furuuf maallaqni Ittisaaa Ameerikaa bara 2027tti doolaara Tiriliyoona 1.5 gahuu qaba jechuun falmeera .

Baajatni guddaan kun Ameerikaan ''waraana biyyattiin ijaaruu barbaadduu'' fi ''nageenyaa fi tasgabbii'' biyyattii kanbachiisu akka ijaartu gargaara jechuun Tiraamp baatii Amajjii darbee keessa dubbatan.

Ameerikaan erga waraanni Iraan jalqabee baasii hangamii waraana kanatti akka baafte ifatti hin ibsamuu baatus, gabaasaaleen addaa addaa akka mul'isanitti maallaqa baayyee qaala'aa dha.

Akka gabaasa Rooyitarsitti guyyoota jalqabaa jaha waraanichi gaggeeffame keessatti qofa baasiin waraanaa Ameerikaa yoo xiqqaate doolara biliyoona 11 olitti tilmamama.

Waranichi erga jalqabe torban sadaffaa qabataa waan jiruuf baasiin kun gara harka sadiin baay'achiitti dhiyaata jechuudha.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, baasiin kun kan gadi xiqqeeffamee himame malee baasii dhugaa kana kan caalu ta'uu hin oolu.

Waraanni kun osoo hin jalqabin duras Ameerikaan gara doolaara miliyoona 630 baasuun dooniiwwanii fi xiyyaarota gara naannoo Baha giddu-galeessatti sochoosaa turte.

Akka gabaasaleen adda addaa eeranitti, Ameerikaan meeshaa waraanaa bakka buusuuf, loltoota bobbaafamaniif, kaffaltii dabalataa fi gargaarsaaf doolaara miliyoona heddutti tilmaamamu guyya guyyaan baasti.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, gatiin boba'aa ol ka'uunis baasii dabalataa ta'eera.

Gatiin boba'aa dolaara 10 qofa dabaluun isaa qofti baasii waraanaa Ameerikaa waggaatti gara doolaara biliyoona 1.3 dabaluu danda'a.

Ameerikaan hanga baatii Muddee darbe qofaatti waraana Yukireen keessatti gaggeeffamuuf tilmaamaan doolaara biiliyoona 188 akka bahu kongiressiin raggaasisuu qondaalotni Ameerikaa kan himan.

Baasiin waraana kun Bulchiinsa Tiraamp dhiibbaaa siyaasaa guddaa keessa galchaa akka jiru xinxaltootni kan himan.

Dhiibbaa Siyaasaa cimaa Tiraamp eeggatu

Gaaffiin baajata dabalataa Ministeerri Ittisa Ameerikaa kun Kongireesii keessatti lola siyaasaa guddaa kaasuu hin oolu.

Gaaffiin maallaqaa kun kan dhiyaate yeroo ummatni Ameerikaa fi qondaaltootni siyaasaa biyyattii waraanaa kana mormaa fi qeeqaa jiranitti.

Kisaaraan waraanaa kanaa dhibbaa keessaa siyaasa Ameerikaa fi bulchiinsa Tiraamp irratti kan cimsuudha.

Kanaaf baajatni kun akka hin mirkanoofneef Dimookiraatonni qeeqa cimaa taasisaniiru.

Rippabilikaanonni gaaffii baajata dabalataa dhufuuf deeggarsa agarsiisaniiru garuu tarsiimoo seera baasuuf waadaan galan hin jiru. Yookan ulaagaa sagalee harka 60 Seenetii irra argachuu fi dhiisuun shakkii guddaa qaba.

Seera baastonni Paartii Dimookiraatawaa baasii waraana kanaaf ba'aa jiru irratti akkasumas iftoomina dhabuu baasii ba'aa jiruu irratti gaaffii cimaa kaasaa jiru.

Senetarri Ameerikaa Jaak Riid dhiibbaa waraanni kun nageenyaafi dinagdee Ameerikaa irratti qabu ilaalchisee lammiileen Ameerikaa odeeffannoo ifa ta'e barbaadu jedhu.

Senetarri Ameeriksaa biraa Liisaa Murkowskiin Kongireesiin gaaffii kana of eeggannoodhaan ilaaluu malee''callisee mirkaneessuu''akka hin qabne akeekkachiisaniiru.

Senetarri Ameerikaa biraa Bernii Saandaraas baasiin waraanaa hanaga yoonaa Iraan keessatti gaggeeffame yoo xiqqate daa'imman Ameerikaa miliyoona 6.8 ta'aniif wal'aansa fayyaa,manneen jireenyaa mootummaa miiliyoona 2.6 ijaaruu, deeggara namoomaa guddaa, baajata barattootaa kuma hedduu kanfaluu fi barsiisota kuma dhibba 2 ol qacaruu dandeessisa jechuun qeeqaa isaanii ibsan.

Waldhabdeen kun dhibbaa dinagdee malees ajjeechaa loltoota Ameerikaaf sababa ta'eera. Gabaasalee hanga yoonaa jiraniin loltootni Ameerikaa 13 ta'an ajjeefamaniiru.

Seera baastonni akka jedhanitti waraanni kun gatii boba'aa dabaluu fi baasii dabalataa hin barbaachifneef Ameerikaa saaxiluu akka sababatti bulchiinsa Tiraamp himataa jiru.

Waranaa Iraan ammayyuu itti fufe jiru keessatti, baasiin waliigalaa waraana kanaaf hanga ammaattibahe ifatti hin mirkanoofne.