Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaanonni viizaa Ameerikaa argachuuf hanga dolaara kuma 15 akka qabsiisan gaafatamuuf
Itoophiyaanonni daldalaafi daawwannaaf viizaa gara Ameerikaa deemuuf isaan dandeessisu argachuuf iyyatan maallaqa dolaara kuma shanii hanga kuma 15 akka qabsiisaniif gaafatamuuf.
Hojmaanni Itoophiyaanonni yeroo hayyamameefiin ol Ameerikaa keessa yoo turan maallaqni kun akka hin deebine taasisu kun, torban lamaa booda hojiirra akka oolu ministeerri dhimma alaa Ameerikaa beeksiseera.
Baqattoonniifi kolu-galtummaa warri gaafatan haala gara Ameerikaa itti deemaniif, akkasumas achi turuu itti danda'an dhiphisaa kan jiru bulchiinsi pirezidant Tiraamp, viizaa argachuudhaaf maallaqa wabiif akka qabsiisan hojmaata taasisu kan beeksise Adoolessa 2015 ture.
Odeeffannoon ministeerri dhimma alaa Mudde darbe baase akka agarsiisutti, biyyoonni dirqamni kun irra kaa'aman 38 keessaa 24 kan ta'an Afrikaa keessatti argamu.
Biyyoonni Afrikaa warri akka Jibutii, Naajeeriyaa fi Yugaandaafaa yeroo hojmaata kana keessatti makamanitti Itoophiyaan osoo hin eeramiin haftee turte.
Bulchiisni pirezidant Doonaald Tiraamp amma biyyoota dabalataa 12 dirqamni kun akka irra kaa'amu murteessuu isaa Rooyitars aanga'aa tokko eeree gabaaseera.
A L I Bitootessa 24, 2018 irraa kaasee biyyoota 12 hojmaanni kun hojiirra oolu keessaa tokko Itoophiyaa ta'uu odeeffannoon ministeerri dhimma alaa Ameerikaa fuula marsariitii isaarratti baase ni agarsiisa.
Zimbaabuwee, Tuniiziyaa, Lesoottoo, Moriishees fi Siishels tarreeffama haraa kana keessatti Itoophiyaa waliin biyyoota Afrikaa biroo makamanidha.
Ragaan ministeera dhimma alaa Ameerikaa kun akka agarsiisutti, hojmaanni kun kan hojjiirra oolu lammileen gosoota viizaa daldalaa fi turiizimiif dhufan viizaa "B1/B2" gaafatanirrattidha.
Iyyattoonni viizaa argachuu fedhan maallaqni qabsiisan dolaara 5,000, 10,000, 15,000 akka ta'u ibsameera.
Namoonni viizaa argachuuf iyyatan maallqa murtaa'an keessaa isa hangamii akka qabsiisuu qaban kan itti himamu kan murtaa'u yeroo gaaffiifi deebii viizaaf dhiyaatanittidha.
Itoophiyaanonni bifa kanaan viizaa argatan dirqamawwan gara garaatu isaanirra kaa'ama. Akka ibsa ministeera dhimma alaa Ameerikaatti, lammileen maallaqa qabsiisan gara Ameerikaa seenuu fi bahuu kan danda'an karaa buufata xiyyaaraa daldalaatiin qofadha.
Karaa daandii lafarraan, galaanarraan, xiyyaara kiraatiin (chartered) ta'een ykn imalawwan waliigalaa akka xiyyaara dhuunfaatiin taasifamu gargaaramuun gara Ameerikaa seenuus ta'e bahuu hin danda'an.
Itoophiyaanonni yoo karaa hayyamameefiin seenanii fi bahan socho'an, akkasumas guyyaa turtii viizaan itti dhumurra ykn dursanii Ameerikaatii yoo bahan maallaqni qabsiisuuf galchan "battalumatti' deebiyaaf.
Viizaa iyyatan argatanii booda gara Ameerikaa osoo hin deemiin yoo hafan ykn Ameerikaa gahanii akka deebiyan yoo taasifamanis maallaqa isaanii deebisanii argatu.
Dirqamoonni kaa'aman kan caban taanaan, waajirri dhimma nageenya biyya keessaa Ameerikaa dhimmicha gara tajaajila lammummaa fi immigireeshiniitti akka geeffamus ibsameera.
Itoophiyaanonni erga Ameerikaa seenanii booda kolu galtummaa gaafachuu dabalatee bakka jiranirraa adeemsawwan namni sadarkaa baqataa ta'e tokko irra jiru guutuu kan jalqaban taanaan maallaqni qabsiisan sun akka hin deebineef ragaan waajirichaa ni mul'isa.
Viizaa imaltoonni argatan guyyaan itti dhumati erga darbee booda Ameerikaa keessaa ba'uu fi guyyaan isaa dhumee booda biyyattii keessa turuunis akkuma kana akka seera cabsuutti lakkaa'ama.
Bulchiinsi pirezidant Doonaald Tiraamp tarkaanfiiwwan lammileen biyyoota gara garaa akka gara Ameerikaa hin seenne fudhatan keessatti Itoophiyaa yeroo maku kun kan jalqabaa miti.
Bara darbe Adoolessa keessa Itoophiyaanonni daldalaa fi daawwannaaf gara Ameerikaa deeman yeroon turtii viizaa isaaniif kennamu waggaa lama kan turerraa gara ji'a sadiitti hir'achuun isaa ni yaadatama.
Takka viizaa argannaan yeroon turii hanga xumuramutti irra deddeebiin gara biyyattii seenuun kan hayyamamaa ture amma jijjiirameera.
Hojmaanni haaraan turtiin yeroo viizaa argatanii xumuramuu baannaan takkaa Ameerikaa keessaa erga bahanii booda viizaadhuma sanaan deebiyanii seenuun akka kanaan duraa hin danda'amu.
Mudde darbe keessa ammoo Itoophiyaanonni mirga kolu galtummaa hin qabne kuma shanii ol ta'an Ameerikaa keessaa akka hin ari'atamne hojmaata dahoo seeraa kennamee ture mootummaan biyyattii akka addaan citu godheera.
Hojmaata kanaan Itoophiyaanonni Ameerikaa keessa turan guyyoota 60 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahaniif ajajni kennamee kan ture ta'us, manni murtii murtee kana yeroodhaaf dhorkeera.