Mana muuziqaafi abbaa mana muuziqaa Finfinneetti walfaana du'anii dagataman

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Bara sagaltamoota keessa sirboota Afaan Oromoo siyaasaafi aadaa sirbaman, keessummaa kaasseettota hawaasni dhoksee dhageeffatu duuba namoota turan keessaa tokko.

Finfinnee naannoo 'Atoobis Taraa' jedhamuun waamamutti bara sana keessa taappeellaan Afaan Oromootiin 'Mana Muuziqaa Tokkummaa' jedhu maxxansanii hojjechuunuu qabsoo laayyoo hin turre.

Manni Muuziqaa Tokkummaa kan dhuma sagaltamootaa keessa kaaseettota hedduu maxxansuun rabsaa ture akkamiin hundaa'ee booda dhabame, seenaa fi waa'ee du'a hundeessaa mana muuziqichaa qoranneerra.

'Maatii keessaa namni tokko akka baratu carraa buufanne'

Obbo Fayyisaa Nugusee hundeessaa fi abbaa qabeenyaa Mana Muuziqaa Tokkummaa turan.

Godina Shawaa kaabaa aanaa Warra Jaarsoo Ganda Maliyyuu Cawaa jedhamtutti kan dhalatan ogeessi kuni, ijoollummaatti abbaan isaanii waan irraa du'eef hireen barnoota argachuu salphaa hin turre.

Obboleessa hangafaa isaa kan ta'e weellisaa Ayyalaa Nugusee akka BBCtti himanitti, abbaan isaanii isaa fi obbolaa isaa sadii irraa waan du'aniif jireenya baadiyyaa keessa ta'anii barachuun bara Dargii keessa carraa laayyootti yaalamu hin turre.

Maatiin kuni garuu afur ta'anii maaddii barnootaa irraa hafuu akka hin qabne mari'atanii murteessan.

Kanaafis, ijoollee Obbo Nugusee afran keessaa namni tokko barnoota seenee akka baratuuf carraa buufachuuf murteessan.

Ijoollee afran keessaa carraan mana barumsaa seenuu kan baheef amma weellisaa kan ta'e Ayyalaa Nuguseetiif ture.

Ayyalaan ammoo maatii kana keessaa mucaa dhiiraa hangafaa waan ta'eef qe'ee dhiisee barnoota seenurra itti gaafatamummaa abbaan isaanii itti dhiisanii du'an milkeessuu akka qabu filatan.

"Carraan gaafa buufanne carraan barachuu anaaf bahe. Ani ammoo mucaa hangafaati. Bakka abbaa bu'ee qe'ee kan bulchuu qabu, ijoollee naduubaa guddisuu kan qabu ana waan ta'eef carraa kana Fayyisaadhaafin dabarsee inni barnoota seene" jedha Ayyalaan.

Fayyisaan barnoota sadarkaa duraa fi lammataa Qarree Gohaa fi Garba Gurraachatti barate. Dhuma bara Dargii keessa kutaa 10 erga xumuree loltummaaf leenjii waraanaa seene.

Yeroo Dargiin aangoo irraa bu'ee Addi Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)'n aangootti bahe bara ce'umsaa keessa hojii loltummaa kana dhiisuun gara jireenya dhuunfaa isaa tattaafachuutti deebi'e.

"Daldala adda addaa kana yaalaa ture. Nubira biyya baayyee waan hin dhufneef turree turreetuma walargina ture. Booda Baalee qamadii daldaluu akka eegales nan beeka" jedha Ayyalaan.

Hundeeffama Mana Muuziqaa Tokkummaa

Obbo Fayisaa Nugusee hojii dhuunfaa isaa hojjechaa wayita turetti Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensummaan hirmaachaa turuu fi fedhiin eenyummaa fi aadaa ofii guddisuu, keessumaa aartii irratti qabu olaanaa ture jedha obboleessi isaa.

Kanumaanis daldala qamadiin dabalatatti hojii aartii Oromoo keessatti qooda isaa bahachuuf A.L.I bara 1996 magaala Finfinnee bakka 'Atoobis Taraa' jedhamuun beekamutti Mana Muuziqaa Tokkummaa jedhamu bu'uuresse.

"Gara muuziqaa kanatti oggaa dhufu yeroo sana hawwisoon Salaalee fi kan Jimmaa, Shanan Gibee kuni laafe bakka tokkotti fideen hojjachiisa jechaa ture. Kan malees, wellistoota Harargee hedduutu isa biratti hojjechaa ture" jedha Ayyalaan.

Kaasseetota qabiyyee aadaa, seenaa fi siyaasaa qaban artistoota hedduu waliin hojjechuun hanga bara 1999tti sirba kaasseettii 40 ta'u qindeessuu fi rabsuutu himama.

Sirboonni siyaasaa inni wellistoota akka Zarihun Wadaajoo fa'a faana hojjete ammoo dhiibbaa fi hordoffii tikaa jala akka bu'u isa taasisuu kan himu ammoo yeroo sana isa waliin hojjechaa kan ture Tasfaayee Nuguseeti.

"Keessumaa sirboota qabsoo kan Zarihun Wadaajoo 'itti Afuufi haa diimatu' jedhu erga hojjetee fi Zarihun waliin yeroo hojii hojjetaa ture dhiibbaa fi yaaliin adda addaa irratti godhameera. Yeroo hedduus hidhamee ture" jedha Tasfaayeen.

Sirboota Giiftii fi Tiyyaa 'Maaf teenya, Oromiyaa daawwanna' jedhuu fi siboota Ayyalaa Nugusee hojjete 14 walaloo fi yeedaloo Fayyisaatu hojjete.

Kana malees, artistoota akka Fandishee, Adam Haaruun, Abdusalaam, Miliyoon, Zarihun, Daffar fi wellistoota hedduu qindeessuun maxxansee rabsaa turuu hima obboleessi isaa kuni.

"Yeroo sanatti manneen muuziqaa naannoo 'Atoobis Taraa' jiran keessaa akka isaatti kan gabaa qabuu fi hojii hojjetu hin turre. Istuudiyoodhaan alatti artistoota iddoo fagoorraa dhufan mana jireenyaa kireeffate keessa jiraachisaa walaloo fi yeedaloo shaakalchiisaa ture" jedha Ayyalaan.

Qonna keessaa fuudhee wellisaa nagodhe

Obboleessa hangafaa Fayyisaa kan ta'e Ayyalaa Nugusee, ittigaafatamummaa abbaa isaa bahuuf hiree barnoota idilee dhabus carraa sirni Dargii uumeen Barnoota Bu'uuraa waan barateef dubbisuu fi barreessuu bareera.

Fayyisaan erga mana muuziqaa banee hojii artistoota biroo waliin hojjetu cinaatti dandeettii obboleessi isaa qonnaan bulaa ta'e kuni qabu waan beekuuf carraa uumuufiif murteesse; gara Finfinneetis waame.

"Barumsa gahaa yoon dhabes dandeettiin ani sirba irratti qabu waan beekuuf walaloo fi yeedaloo ofiisaa naaf qopheessee sirboota 14 na hojjachiise" jedha.

Weellisaa Ayyalaa Nugusee deeggarsa obboleessa isaaniitin kaaseeta sirboota 12 qabu bara 1998 maxxansiisuun fudhatama guddaa argate. Keessumaa, sirbi waa'ee Atileetotaaf sirbe jaalatama guddaa argatee ture.

"Sirbi kiyya akkuma gabaatti baheen baayyee jalatame. Bara sana gurgurtaan kaaseeta kiyyaatuu gara birrii miliyoonaa gahee ture. Innis baayyee gammade" jedha Ayyalaan.

Manni Muuziqaa Tokkummaa Finfinnee keessatti bu'uureffame hojiin isaa jabaachaa dhufuun boodarra damee 2ffaan Shaashamanneettis baname.

Tasa du'ee manni muuziqaas isa hordofee du'e

Manni muuziqaa kuni hundaa'ee waggoota afur keessatti wellistoota beekamoof sirboota qindeessee kanneen lafaa dhufaniifis deeggaree hojiin isaanii akka mul'atuuf tumse.

Kana keessatti dhiibbaan bakka hojii fi haala siyaasa yeroo sanaa laayyoo hin turre jedha mana muuziqichaatti gurgurtaarra hojjechaa kan ture Tasfaayeen.

Bara 1999 loltuun duraanii fi hundeessaan Mana Muuziqaa Tokkummaa, Fayyisaa Nugusee sababa hin beekamneen du'e.

"Ani biyyaa daboodhaan midhaan walitti qabuuf galeen ture. Osoon achi jiruu du'e jedhanii natti dawwalan. Sababa kanaan du'e kan nuun jedhe hin jiru. Shakkii tokko tokko inuma qabna. Garuu qaamni qorates hin turre," jedha Ayyalaan.

Fayyisaan yeroo du'etti bultii hin ijaarranne dhalas hin qabu. Fuudhi jechaanii turre jedha obboleessi.

"Anuu yeroo baayyee fuudhi , maaf hin fuune jechaaniin ture. Namni kaanis yeroo kana gaafatu inni 'Ilmoon kiyya mana muuziqaa kana isa bakkan yaaduun gaheen fuudha' jechaa ture" jedha .

Lafa qonnaa kiyya kireessee mana muuziqichaa itti fufiisuu yaaleera.

Hundeessaan Mana Muuziqaa Tokkummaa Obbo Fayyisaa Nugusee erga du'anii manni muuziqaa inni akka ilmoo isaatti ilaalu kuni akka itti fufuuf ijibbaata godhee hin milkoofne jedha Weellisaa Ayyalaa Nugusee.

"Erga inni du'ee hojiinsaa kuni hin badu jedheen itti fufsiisuuf socho'e. Ergan ani hojicha jalqabee dorsisni ana biras gaheera. Hidhaas ta'u ajeechaan haa dhufu malee hojiinsaa kuni hin badu jedheen hamma ta'e socho'e".

"Biyyaa lafa qonnaa kiyya namatti kireesseen manni muuziqaa kuni hin cufamin jedhee yaalaa ture. Booda manni kiraatis nutti dabalee hojichi karaa hundaan humna keenyaa ol ta'e" jedha Ayyalaan.

Hojii ogummaa gaafatu kana xiiqiin itti fufsiisuuf yaalanii erga milkiin dhabamee bara 2001 manni muuziqichaa cufamee weellisaa Ayyalaanis hojii aartii guutumatti dhiisuun hojii qonnaasaatti baadiyyaatti gale.

Gara jalqabaatti artistoonni Oromoo mana muuziqaa kana waliin hojjechaa turan mana muuziqaa kana baraaranii itti fufsiisuuf sochiin jalqabames fiixa hin baane.

Hundeessaan mana muuziqichaa du'ee manni muuziqichaas isa hordofee waggaa lamaan booda cufamee dagatame.

Weellisaa Ayyalaan waa'ee cufamuu fi dagatamuu Mana Muuziqaa Tokkummaa fi Obbo Fayyisaa dubbachuuf imimmaantu isaan durse.

"Waan godhantu hin jiru. Manni muuziqaa inni ilmoo kiyya jedhee aarsa itti kaffale suni cufame. Cufamuu qofa miti, hojiisaa, seenaasaa namni gaaftokko dubbate hin jiru. Seenaan isaas, kan Mana Muuziqaa Tokkummaas ni awwaalame" jedha.