Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni waraanaa addaa mootummaa Iraan jalatti aangoo tiksu 'Baasij' maali?
Iraan keessa humnoota waraanaa hidhatan gosa meeqatu jiru? Dhimmooti ijoon waa'ee waraana addaa Baasij jedhamanii maali?
Gareen kun Eegdoonni warraaqsa Islaamummaa Iraanis ta'ee Raayyaa Ittisaa Iraan irraa adda.
Baasij humna addaati. Maqaan "Baasij" jedhu yaada '' Sochii diddaa ummataa'' jedhurraa mogga'eef. Lammiilee Iraan kaayyoo waloo tokkoof gurmaa'an ibsuuf kan moggaafame.
Baasij gama tokkoon milishaadha, gama biraan eegdota duudhaa hawaasummaati, akkasumas akka jaarmiyaa siyaasaati.
Qaama mootummaa Iraan aangorra jiru mormu kamuu akka tuuta kannisa itti duuduun hidda.
Itti gaafatummaan isaanii garee humna waraanaa Iraan keessatti humna guddaa fi hidhannoo cimaa qaban Eegdoota warraaqsa Islaamummaa Iraaniif ta'us, Baasiij garee tola ooltummaadhaan Iraan tiksuuf ijaarameedha.
Miseensonni Baasij masjiidota keessa, yunivarsiitiiwwan keessa, daandii magaalota keessaa fi bakka sochiin uummataa jirutti humni kun jiru.
Keessumaa bakka jeequmsi fi hokkorri ummataa jirutti dursee qaqqabuun nageenya biyyatti tiksuu fi aangoo mootummaa tiksuuf humna mootummaaf amanama ta'edha.
Deeggartoota Iraaniif Baasiiji akka eegduu Rippaabiliika Islaamaa fi mallattoo warraaqsa Iraanitti wareegamutti fudhatama.
Qeeqxootni garuu humna mootummaa Iraan jalattii aangoo tiksuufi sagalee mormii ummataa ukkaamsuuf bobbaafamee akka ta'etti ibsu.
Miseensootni humnoota Baasiij leenjii qaban tilmaaman gara kuma 450 ol ta'a. Akka Iraan jettutti lakkoofsi miseensota kanaa hanga miliyoona hedduu ta'a.
Akka Dhaabbata qorannoo tarsiimoo idil addunyaa jedhutti, miseensoti waraana kunneen miseensonni Eegumsa Warraaqsaa Islaamummaa fi waraana idileetin ala.
Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa nageenya daangaa fi sagantaa misaa'ela balistikii faa kan to'atu yoo ta'u, waraanni Idilee ammoo walabummaa biyyattii kan tiksuudha.
Baasiij waggoota kurnan lamaan darban keessa humna waraanaa dhiibbaa guddaa qabuu fi falmisiisaa ta'an keessaa tokko ta'uu danda'eera.
Akkaataa hundeeffama humna diddaa Baasiij
Warraaqsa Iraan booda, sirna Hogganaa Olaanaa Iraan isa jalqabaa, Ayatolaa Ruhollah Kaamenii kan sirna mootummaa yeroo sanaa kuffisee Rippabiliika Islaamaa hundeessen Sadaasa bara1979 ijaarame.
Kaayyoon jalqaba humni kun hundaa'eef,lammileen Iraan fedhiin ykn tola ooltummaan waraanatti dabalamuun sirna haaraa yeroo sanaa fi biyya isaanii ittisuuf akka qophaa'aniif ture.
Yeroo sanatti Iraan raafama cimaa keessa waan turteef Ayaatolaa Ruhollah Kaameniin rakkoo keessoo fi balaa alaa Iraan irratti aggamamuuf tola ooltonni warraaqsa kana akka ittisan waamicha dhiyeessun humnichi hundaa'e.
Humni sadarkaa milishaa xiqqaan gurmaa'e sun yeroo gabaabatti dargaggoota, barattoota, hojjettootaa fi hordoftoota amantii mootummaa haaraa kana deeggaran hedduu hawwachuun humna isaa cimsate.
Humni hedduun leenjii waraanaa xinnoo ykn homaa hin qabne saffisaan jijjiramee leenjii fi hidhannoo cimaa mootummaa Iraanitti dhufu fuuldura dhaabachuuf ga'e.
Bara 1980 Iraaq Iraan yeroo weerarte, Baasij humna waraanaa ijoo fi kanneen leenjii sasalphaa kennuun humna waraanaa hedduu dhiyeessu ta'e.
Tola ooltonni kumaatamaan lakkaa'aman, hedduun isaanii dargaggootaa fi leenjii idilee xiqqoo fudhatan gara adda waranatti bahuun falmii cimaa taasisan.
Waraana sana irratti miseensonni Baasij hedduun ajjeefamaniiru. Aarsaan isaan Rippaabiliika Islaamaatiif taasisan akka mallattoo biyyaa ofiif wareegamuu fi gootummaatti jajama.
Hariiroo IRGC waliin qabu
Waggaa lama boodas bara 1981 gareen waraanaa Baasij kun caasaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC) kana sadarkaa jalqaba jalatti hammatame.
Kunis dhaabbilee waraanaa biyyattii humna guddaa qabu waliin walatti dabalamuun isaa humna sochii yeroo waraanaa irraa gara caasaa dhaabbataa hawaasa keessatti jijjiirame.
Har'a Baasij guutuu biyyattii keessatti caasaa fi neetworkii isaa babal'isuun humna waraanaa mootummaa aangorra jiruuf amanamaa ta'ee tajaajilaa jira.
Magaalotaa, Manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan, Waajjiraalee mootummaa, Warshaalee fi bakka sochiin ummataa jiru maratti humni dafee qaqqabu Baasij jira.
Humni kun nageenya keessoo keessattis adda durummaan kan hirmaatu yoo ta'u yeroo baay'ee humoota poolisii idilee fi fi dhaabbilee biroo waliin hojjeta.
Yeroo jeequmsi fi hokkorri jiru humnootni Baasij daandii irratti bobbaafamuun nageenya kabachiisu.
Hiriira sirna mootummaa mormu baatii lama dura Iraan keessatti gaggeeffmaa dura adda durummaan kan dura dhaabataa fi hiriirtota bittimsaa ture humna Baasij jedhamu kana.
Filannoo pirezidaantii bara 2009 falmisiisaa ta'e booda mormii ture dabalatee mormii farraa mootummaa Iraan keessatti taasifamu irratti miseensonni Baasij humna garmalee fayyadamuun haleellaa raawwachuu fi ajjeechan gareewwan mirgaf falman biratti himatamaa turan.
Angawoonni Iraan ammoo humni kun tasgabbii eeguuf seera kabachiisuuf socho'u jechuun himannaawwan garee kana irratti ka'u kuffisu.
Seera hawaasummaa kabachiisuu
Humnootni Baasij irra caalaan hojii tola ooltummaan hojjatamu yoo ta'u kutaalee hawaaasaa adda addaa akka barattootaa, dargaggootaa, dubartootaa, hojjattootaa fi kanneen biroo heddutu jira.
Tokkoon tokkoon damee humna kanaa hojiiwwan hawaasummaa wajjin walqabatan raawwatu. Fakkeenyaaf Baasij yunivarsiitiiwwan keessatti sochii fi fincilli barattootaa mootummaa irratti akka hin kaane hordoffii cimaa taasisu.
Baasij gareen dubartootaa ammoo amantii fi sagantaalee hawaasummaa akka kabajamaniif kanneen ga'ee qabaniidha
Walumaa gala ga'ee humnoota kanaa inni guddaan poolisii fi humnoota nageenyaa biroo waliin hojjechuu qofa utuu hin taane, sirni uffannaa Islaamaa fi safuu ummataa akka eegamullee tiksuudha.
Yeroo balaa hojii baraarsaa, hojii tola ooltummaa biroo fi pirojektoota misooma naannoo irrattillee ni hirmaatu.
Baasijiin mootummoota biyyoota dhihaa fi dhaabbilee mirga namoomaa irraa qeeqni cimaan kan irratti ka'u yoo ta'u, gariin namoota dhuunfaa garee kanaan hidhata qaban irraqoqqobbii kaa'aniiru.
Iraanif garuu humna mootummaafi deeggartoota mootummaaf amanamoo qormaata keessoof hatattamaan deebii kennuufi isa murteessaa ta'ee akka ilaalamu gabaasaleen miidiyaa addaa addaa kan mul'isan
Yeroo amma Iraan waraanaa Ameerikaa fi Israa'el irratti bananiin dhiibbaa keessoo fi alaa keessa jirtu Iraan loltoota waraana kanaan miidhaman bakka buufachuuf humna kana abdatti.
Ajajaa humnoota waraanaa Iraan Baasij kan ta'an Golamreza Solemani haleellaa qilleensaa Israa'el Iraan irratti raawwatteeen Bitootess 17, 2026 ajjeefamuun isaani ni yaadatama