Tiraamp Ulaa Hormuuz cufuuf doorsisuun yaaddoo balaa dabala malee rakkoo jiru hin furu

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gareen dippilomaasii pirezidantii itti-aanaa US JD Vaansiin durfamu waraana US Iraan waliin itti jirtu dhaabsisuuf yaalee osoo hin milkaa'iin hafeera. Kana hordofee ammoo Pirezidant Doonaald Tiraamp waan itti aanee ta'u murteessuun irraa eegama.

Mariin ture waliigalteerra osoo hin ga'iin xumuramuu hordofee Dilbata Doonaald Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti wal walirratti aansuun barreesse.

US humna galaanaa karra Ulaa Hormuuz Iraan ni cufu jedhe Tiraamp. "Qaamni kaffaltii seeraan alaa kaffalee galaanarra darbuu barbaadu kamiyyu nagaan hin darbu," jedhe.

Itti dabaluun dooniiwwan michoota Ameerikaa ta'an nagaan akka Ulaa Hormuuz keessa darban taasisuuf US dhootuu(fanjii) awwaalame qulqulleessuu itti fufti jedhe.

Waraanni US, "cufatee, fe'atee" Iraan irratti "yeroo sirrii ta'etti" haleellaa gaggeessuu deebisanii jalqabuuf qophaa'aniiru," jedheera.

Marii Islaamaabaaditti sa'aatii 20f gaggeeffameen,fooyya'iinsi kan argame yoo ta'u, Iraan fedhii US Iraan akka gabbisa nukilaraashee dhaabdu feetu fudhachuu hin dandeenye.

Ergaa Tiraamp maxxansu akka torban darbe of tuulmaan qaroomina Iraan nan barbadeessa jedhu of keessaa kan hin qabne ta'ullee, rakkoowwanii fi yaaddoo balaa haaraa Ameerikaatiif dhalaa jira.

Hojiin fanjii (dhootuu), humna galaanaa Ameerikaa yaaddoo guddaa Iraaniin haleelamuuf hin saaxilamuu? US akkamitti akka eenyu Iraaniif kaffaltaa Ulaa Hormuuzitti faffayyadamuu murteessiti? Biyyoonni akka Chaayinaa boba'aa Iraan irraa argatanirratti hundaa'an akkamiin deebii kennu?

Tarkaanfiin kun toora galii guddaa Iraan hudhuun, gatiin boba'aa akka kana caalaa dabalu gochuu kan kaayyeeffatedhaa?

Deebiin ifa ta'e hin jiru.

"Akkamitti akka ulaa kana cufuuf yaaluun akka Iraan bantuu dirqisiisuu danda'u hin beeku," jechuun Dilbata CNN'tti dubbate qondaalli Koree Intelejensii Seneetii warra Dimokiraatotaa Virjiiniyaa Senaatar Maark Waarnar.

Torban darbe, osoo Iraan fi US waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaarra hin ga'iiniifi fuulaafi fuulatti wal hin argiin dura, Tiraamp haala rakkisaa keessatti of argee ture.

Haleellaa Ameerikaan Iraan irratti raawwattu itti fufuu danda'a, bu'uuraalee misoomaa siiviilii biyyattii irratti miidhaa yeroo dheeraa geessisuu danda'a, rakkoo namoomaa dabaluu fi dinagdee addunyaa daran tasgabbii dhabsiisuu danda'a.

Yookaan ammoo, waraana yeroo hunda ummata Ameerikaa biratti fudhatama hin qabneefi deeggartoota Tiraamp tokko tokko osoo hin hgafiin mufachiisuu jalqabe dhiisuu danda'a. Kun ammoo waadaa inni waldhabdee biyya alaa dheeraafi walxataa hambisuufi rakkoo Baha Giddugaleessaa irraa akka of qusachuuf waadaa abdachiiseef furmaatadha.

Erga Ameerikaan injifannoo galmeessuu ibstee, tobran tokkoo ol ta'eera, garuu rakkoon pirezidaanticha mudate hin jijjiiramne.

Tiraamp Wiixata ganama Fox News waliin kan dubbate yoo ta'u, Iraan dhumarratti Ameerikaaf "waan isheen barbaaddu hunda" akka kennituuf dubbateera.

Itti dabaluun ji'oota dhufan keessatti gatiin boba'aa akkuma jiruun itti fufus ykn kan ammaan ol ta'uu danda'us, dinagdeen Ameerikaa akka gadi akka hin deebine akka amanu kaase. Kun garuu, sossobbaadha jechuun ni danda'ama

Akkasumas, filannoon walakkeessa waggaa Sadaasaa waan dhihaateef, Paartiin Rippabilikaanii pirezidaantichaa yoo dogoggore filannoo irratti gatii guddaa kaffaluu danda'a.

Torban darbe, osoo Iraan fi US cabsa dhaabuu torban lamaarra hin ga'iiniifi fuulaafi fuulatti wal hin argiin dura, Tiraamp haala mana keessatti argee ture.

Sambata halkan wayita pirezidantiin itti-aanaa Paakistaan kessatti Iraan waliin mariyachaa jirutti, Tiraamp gara Maayaamii deemee dorgommii waldhaansoo UFC daawwate.

Akka namoonni dorgommii kana gabaasan jedhanitti, taateen achi ture ijaafi gurra kan hin qabne ture.

Pirezidantiin Yunaayitid Isteetis ammoo dorgommii geengoo waldhaasoo keessatti hanga dhiiga wal dhangalaasuutti gahe kana daawwataa ture.

Yeroo sana namoota bebbeekamoo waliin taphachaa, yeroo tokko tokko ammoo ministira dhimma alaa isaa Maarkoo Ruubiyoofi gorsitoota biroo waliin osoo hirmaattonni kumaatamaan lakkaa'aman isa ilaalaa jiranii marii bal'aa irratti yeroo dhimmamu mul'ateera.

Waldhaansoon Tiraam daawwataa ture sun, warri wal lolan humna qaban hundaan waliif ba'anii booda seeraafi daangaa yeroo qaba waan ta'eef dhumarratti eenyu akka mo'ate sa'aatiin isaa eegamee barameera.

Waraana Iraan keessatti gaggeessaa jiraniif garuu waan ifa ta'e [eenyu akka mo'atuufi yoom akka xumuramu] kennuu waan hin dandeenyeef, ji'oota lamaaf itti fufee waliigalteen dhukaasa dhaabuu torban lamaaf labsamee tures cabuuf jira.

Walitti bu'iinsi kun qormaata fedhiin itti seenanidha - dandeettii Iraan haleellaawwan US fi Israa'el dandamachuun itti fufuufi dhukkubbii dinagdeefi siyaasaa waraanni kun dhaleef obsa Tiraamp qabaatudha.

Dhumarratti, waraana kana keessatti warri hirmaatan hunduu gaaga'amuu malu.