Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TPLF MM Abiy muudama L/J Taaddasee dheeressuu morme, maal akeeka?
Addi Bilisa Baasaa Ummatoota Tigraay (TPLF) turtiin aangoo Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay dheereffamuu morme.
Dhaabichi ibsa baasen murteen kuni Waliigaltee Piritooriyaa kan mootummaafi TPLF waraana dhaabuuf Afrikaa Kibbaatti waliigalan faallessa jedhe.
Dhimma kanarratti gama mootummaa federaalaa wanti jedhame hin jiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban kana ture yeroo turtii aangoo Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/J Taaddasaa Warrradaa waggaa tokkoon kan dheeressan.
Kunis, isaan magaalaa Finfinneetti argamanii hojiiwwan ijoo bulchiinsi isaanii waggaa tokko keessa dalagan erga gamaggamame booda akka ta'e Waajjirri Ministira Muummee Abiy ibseera.
Dabalataanis, murteen kuni heera mootummaa federaalaafi labsiiwwan bahan bu'uura godhachuun akka ta'e keeyyata eeruun ibseera.
Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo guyyaa Kibxataa magaalaa Finfinneetti argamuun waggaa tokko keessatti bulchiinsi isaanii waan dalagee MM Abiy fi aangawoota federaalaaf dhiheessaniiru.
Kanaan ala wanti waa'ee marii kanaa ifatti ibsame hin jiru.
Boodarra akka miidiyaaleen mootummaatti hidhata qaban gabaasanitti, mariin isaanii misooma naannichatti raawwatamanirratti xiyyeeffata.
Miidiyaan biyyaalessaa ETV fi FBC'n akka gabaasanitti, ''dibbeen waraanaa naannichatti dhagahamu misooma lafarra jiru'' akka dhokse eeruun milkaa'ina dameewwan garagaraan argaman jedhan tarreessaniiru.
Durumaa waggaa dura Obbo Taaddaseen labsii bara aangoo bulchiinsota yeroo naannooleetti hundeeffamanii ala lamaaf hanga waggaa lamaatti akka dheeratuu dandeessisu mana maree bakka bu'oota ummataatti dhiyaatee erga raggaasifamee booda muudaman.
Wixineen labsii kunis aangoo mana maree federeshinii kanaan dura murtee yeroo aangoo bulchiinsa yeroo naannoo dheereessuu af-yaa'ii mana mareetiif kenna.
Parlaamaan walgahii Ebla 1, 2025 gaggeessee irratti dhiyaachuun kan raggaasifame labsiin kun, bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay kan barri aangoosaa yeroos xumuramaa jirutti qophaa'e.
Akkaatuma kanaan barri turtii aangoo isaanii dheerachuu waajjirri Ministira Muummee Abiy ibsee ture.
Addi Bilisa Baasaa Ummatoota Tigraay (TPLF) ibsa baasen Bulchiinsi Yeroo Tigraay ''waliigaltee marii mootummaa Itoophiyaafi TPLF'' irratti hundaa'e jedhe.
''Garuu, mootummaan Itoophiyaa Waliigaltee Piritoriyaa cabsuun Bulchiinsa Yeroo Tigraay waggaa tokkoof dheeresse,'' jedheera.
Murteen kuni beekamtiifi marii siyaasaa TPLF malee mootummaan Itoophiyaan 'qofaa isaa' kan murtaa'edha jechuun ibse.
Maal akeeka?
L/Janaraal Taaddasaa Warradaan waggaa dura ture Obbo Getaachoo Raddaa bakka bu'uun Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay ta'un kan muudaman.
Aangawaan kuni gartuu TPLF kan Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el fi Obbo Getaachaw Raddaa gidduu hammaatetti aangootti dhufan.
Inumaa TPLF kan Dr Dabratsiyooniin hoogganamu waggaa lama dura gara Finfinnee imaluun Obbo Taaddasaan akka pirezidantii ta'an yaada dhihesseera.
Yeroo muddamni gartuuwwan TPLF lamaan gidduu hammaatettis gartuun Dr Dabratsiyoon L/Janaraal Taaddasaa duubaan deeggaraa ture jedhamuun himatama.
Obbo Getaachoon erga aangoorraa ka'an booda 'akka hin hojjenne kan danqaa natti ta'an' jedhanii qaamolee himatan keessaa tokko L/Janaraal Taaddasaadha.
Janaraalli kuni yeroo waraana Tigraay ajajoota humnoota Tigraay keessaa tokkodha.
Osoo bulchaa ta'un hin muudamiin dura Pirezidantii I/Aanaa bulchiinsa yeroofi hogganaa dhimma nagaafi tasgabbii naannichaa turan.
Kunis, bara bulchiinsa Obbo Getaachaw Raddaadha.
Erga aangootti dhufanii dirqamoota ijoo saddeet raawwachuuf waliigalaniiru.
Yeroo isaan muudamanitti dhimmoota mootummaan federaalaa yaaddoo natti uuman jedhe keessaa tokko TPLF Ertiraa waliin hariiroo tolfatte kan jedhu tokkodha.
Kanarraa ka'uunis, L/Janaraal Taaddasaan ''hariiroo heeraafi birmadummaa biyyaarraa maqan akka dhaabbatan gochuuf'' dirqamni irra ka'ameera.
Mootummaan federaalaa TPLF fi Ertiraan michummaa 'tsimdoo' jedhamu tolfachuu irra deddeebiin ibseera.
Haa ta'u malee, TPLF hariiroo kana ni waakkata. Yeroo kaanimmoo hariiroo ummataa cimsuu malee akeeka biraa hin qabu jedhaniis turan.
Gama kaaniin, hidhattoonni duraanii naannichaa ''meeshaa hikkachiisuu'' fi ''deebisanii ijaaru...atattamaan akka raawwatamu'' gochuuf itti gaafatamni bulchiinsa isaaniif kennamee ture.
Lammiileen qe'eerraa buqqa'an akka qe'eetti deebi'an gochuunis dirqama isaanii kenname kan biraadha.
Xinxaltoonni bara bulchiinsa isaanii waan raawwatame laafaa ta'u ibsuun qeequ.
Ta'us, turtiin aangoo isaanii waggaa tokkoof dheerateera.
Janaraalli waraanaa kuni waggaa darbe keessa yeroo bulchiinsi isaanii hanqina bajataa, boba'aafi kaan kaase mootummaa federaalaa komataa ture.
Akkasumas lammiileen miiliyoona 2.3 ta'an guyyuu deeggarsa akka fedhan Komishinii Balaa Sodaa Federaalaa gaafatee ture.
Mootummaan federaalaa fi gartuu TPLF gidduu muddamni itti fufeera.
Aangawoonni Tigraay qondaalota Ertiraa waliin ''wal keessa deemuu'' isaaniinis mootummaa federaalaa gammachuu hin qabu.
Mootummaan federaalaafi mootummaan Ertiraa yookiin humnoota TPLF gidduu hariiroon jiru hammaate walitti bu'iinsatti ce'uu mala jedhamee irra deddeebiin sodaatamaa ture.
Gama kaaniin, Itoophiyaan Filannoo Biyyaalessaa baatii Caamsaa keessa adeemsifti.
Naannoon Tigraay immoo bakka bu'umsaa Parlaamaa Biyyaalessaa erga dhabe bubbuleera.
Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay, bakka filannoon shakkii keessa jirutti teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoof kaadhimamaa tokkollee akka hin dhiheessine tarreen kaadhimamaa BBBn gamaaggame ni mul'isa.
Siyaasa Naannoo Tigraay keessa olaantummaa kan qabu TPLF bulchiinsa L/Janaraal Taaddasarratti mormii ibsuun rakkoo fiduu mala jedhu xinxaltoonni.
Keessumaa humnoota pirezidantichaaf amanamoo ta'aniifi qondaalota TPLF mataa jabaatan gidduutti.
Osooma mormii isaanii xalayaan hin ibsin dura TPLF harka wayyaa jalaan turtiin aangoo L/Janaraal Taaddasaa akka hin dheeranne sosso'aa turan jedhu gabaasonni.