Ameerikaan kaayyoo waraana Iraanitti banteef galmaan ga'atteettii?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Torbanoota jalqabaa Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti waraana bananirraa kaasee waajirri waraanaa Peentaagoon adeemsa waraana kanaa ilaalchisuun yaadota gara garaa dhiyeessaa tureera.

Humna waraanaa guddicha addunyaa kan hogganu ministirri waraanaa Ameerikaa Piit Heegiseet haalli ibsa gaazexeessitootaaf itti kenne akkaataadhuma osoo gara aangootti hin dhufiin Fox News irratti xiinxala dhiyeessurraa adda hin turre.

Ibsa gaazexeessummaa jalqabaa kan kaayyoo Ameerikaan waraana kana keessatti milkeessuuf karoorfatte itti ibsaniii hanga waliigfaltee torban lamaaf dhukaasa dhaabuun booda ibsa kennaniitti ol aantummaa waraanaa Ameerikaa kan agarsiisanidha.

Waa'ee adeemsa waraanichaa fi gatii waraanni kun Ameerikaa baasisu isa dhugaa ta'e hubachuuf qorannoo gadi fagoo gochuu gaafata.

Hanga waliigaltee dhukaasa dhaabuu yeroo ammaa hojiirra oolaa jiru garuu gufuun itti baayyachaa jiru kanaatti Ameerikaan maal milkeeffatte?

Waraaana kanatti hangam baaste?

Dhimma nukilaraa hanga barbaadame hin deemiin jiru

Kaayyoon guddaa Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana kanaaan milkeessuu yaadee ture Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa omishuu humna dandeessisu akka hin qabaanne gochuudha. Iraan garuu jalqabarraa kaastee meeshaa akkasii hidhachuuf karoora akka hin qabne ibsaa turteetti.

Galmi kun waggoota dheeraatiif dippilomaasii Ameerikaan durgfamuun akka milkaa'uuf carraaqqiin taasifamaa tureera. Bara 2015 hoggana pirezidantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaan Iraan waliin waliigaltee nukilaraa idil-addunyaarra ga'amee ture.

Itti aansee aangoo kan fudhateTiraamp garuu waliigaltee dadhabaadha ejjennoo jedhu qaba ture. Bara bulchiinsa isaa jalqabaan waliigaltee sana diiguun waliigaltee irra ga'amee ture sanaan bulaa kan turte Iraan irra irre deebiin qoqqobbii kaa'e. Tarkaanfiin kun ammoo Ameerikaan waliigaltee ture keessaa akka baatu godheera.

Murtee isaa kanaan dippilomaasii caalaa humna fayyadamuu kan filate Tiraamp, bara bulchiinsa isaa jalqabaa gara dhumaarratti ammoo ajajaa Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan Jeneraal Qaasim Suleyimaanii ajjeesera.

Tarkaanfiiwwan kunneen walitti dhufeenyi Teehraan waliin taasifamu carraaqqii dippilomaasii fi humna waraanaa gidduu akka asiifi achi dha'amuuf sababa ta'eera.

Waraanni ammaa kun akka ka'uufis sababa kan ta'es adeemsa akka kanaati.

Waraana guyyoota 40 booda waliigalteen dhukaasa dhaabuu amansiisaa hin taane hojiirra ooluu jalqabus, hanga ammaatti Tiraamp dhimma nukilaraa irratti bu'aa ifatti mul'atu argachuu isaa ragaan agarsiisu hin jiru.

Bara darbe yeroo waraanni guyyoota 12f gaggeeffametti Ameerikaan buufataaleen nukilaraa Isfahaan, Foordoo fi Naataanz keessa jiranirratti haleellaa gaggeessiteenhumni nukilartaa Iraan barbadaa'uu himee ture Tiraamp.

Waraana torbanoota shanii bara kanaan boodas, Iraan kuufama yuraaniyeemii isheef hafe qabdi.

Torban sadaffaa waraana kanaarratti itti gaafatammaan Dhaabbata To'annoo Nukilaraa Idil-addunyaa Raafaa'el Giroosii, fedhii nukilaraa Iraan dhaabsisuu kan danda'u filannoon waraanaa jiraachuu hin danda'u jechuun BBCtti hime.

Pirezidant Tiraamp Ameerikaan "galteewwan nukilaraa gadi fageenyaan qotamanii awwaalaman qoptee baasuu fi maqsuudhaaf Iraan waliin" akka hojjettu ibseera. Haata'u malee, ammas taanaan Tehiraan dhimma kanarratti diddaasheetiin itti fufteetti.

Guyyoota itti aanan keessas dhimmi kun magaalaa guddoo Paakistaan, Islaamaabaad keessatti marii Ameerikaa fi Iraan keessatti gaggeeffamurratti qabxii ijoo akka ta'u ni eegama.

Kan duraa caalaa hoggansa shakkitoota ta'an kan qabatte Iraan, irra deebiin haleellaan Ameerikaa akka irratti hin raawwatamneef ittisuuf jecha humna nukilaraashee gabbifachuuf fedhiin qabdu ni dabala malee hir'achuu hin danda'u jechuun kanneen falman jiru.

Kuusaa meeshaa Iraan dadhabsiifame

Tiraamp ergaa mana jireenyaa isaa Maaraa A Laagoo irraa viidiyoon dabarseen waraanni jalqabamuu isaa yeroo labsetti galmawwan kaa'e keessaa tokko Iraan keessatti jijjiirama mootummaa fiduu kan jedhu ture.

Yeroo sanatti haleellaa Ameerikaa fi Israa'el raawwatan yeroo dhaabbatutti Iraanonni mootummaa isaanii akka to'ataniif waamicha dhiyeessee ture.

Guyyootaan booda ammoo sirni bulchiiinsichaa "haalduree tokko malee harka akka kennu" gaafateera, garuu ta'uu hin dandeenye. Israa'el hogganaa waliigalaa Ayaatolaa Alii Kameenii dabalatee aanga'oota olaanoo Iraan baayyee ajjeeftus, ilmi hagganaa waliigalaa duraanii Mojtaabaa Kameenii bakka bu'aa ta'ee filatameera.

Tiraamp bulchiinsi haaraa kan duraan ture bira qabamee yeroo ilaalamutti, "leellistummaan isaa kan hir'atee fi baayyisee abshaala" akka ta'e yeroo dubbatu dhaga'ameera.

Humnoonni Ameerikaa pirezidnt Nikoolaas Maduuraa biyyasaa Venezuweelaa deemanii ukkaamsanii fudhachuun mana hidhaa Niiwu Yoork kan galchuun hoggansa biyyattii fedhii Waashingiteniif kan biataman akkuma taasisan, Iraan irratti akka dabalan abdii godhatee ture.

Wanti akkasii Iraan keessatti ta'uutti dhiyaachuu isaa garuu ragaan tokkollee hin jiru.

Aanga'oonni olaanoo pirezidant Tiraamp, Ameerikaan humna misaa'ela, kan ittiin furgugaasan, diroonii, kan meeshaa waraanaa omishan fi humna galaanaa "barbadeessuu" dubbatu.

Waa'ee kuusaa misaa'elaa fi diroonii ibsi kenname garuu odeeffannoo basaasaa miliqee baherraa kan ka'een shakkisiisaa ta'eera.

Akka odeeffannoon basaasaa kun agarsiisutti, Iraan waraana kana dura kuusaa meeshaa qabdu keessaa walakkaa kan ta'u, akkuma qabatetti jirti.

BBCn yaada falmsiisaa kana ofiin hin mirkaneeffanne.

Kanas ta'e sana, bulchiinsi Tiraamp jalqaba waraana kanaarratti galma kaawwatee ture adeemsa keessa jijjiirera.

Jijjiiramni mootummaa Ameerikaa fi Israa'el kaayyeeffatanii turanis hojiirra ooluu hin dandeenye.

Baasii waraanaa

Ameerikaan waraana kanaan loltoonni 13 jalaa ajjeefamanii, dhibbootaan kanneen lakka'aman ammoo madaa'aniiru. Misaa'eloota atoomikii lakkoofsaan olaanaa ta'e dabalatee dhukaatuuwwan baayyeen hatattamaan hojiirra akka oolfaman himameera.

Baasiin waraana kanaa guyyaa tokkotti dolaara biliyoona tokkoo ol akka ta'es ni tilmaamama.

Ammatti ragaa guutuu fi qulqulluun mummee waraanaa US irraa bahe hin jiru. Maddeen Peentaagoniifi bakka bu'oota uummataa garuu gabaasa marii keessatti dhiyaatan hanga ta'e miidiyaaleetti himaa jiru.

Qondaaltotni bulchiinsa Pirezidant Doonaald Tiraamp gabaasa jalqaba torbee waraana dhiyaate keessatti guyyoota jalqabaa jaha waraanichi gaggeeffame keessatti qofa baasiin waraanaa yoo xiqqaate $11.3 (biliyoona) ni ta'a jedhanii akka tilmaaman maddeen waabeffachuun Rooyitarsi gabaaseera.

Gabaasichi baasii guutuu waraanichaa akka hin taaneefi seera baaftotni bajata dabalataa waraanichaaf akka hayyaman odeeffannoo kennuurratti kan xiyyeeffate akka ture ibsameera.

Gabaasa walfakkaataa Rooyitarsi qondaalota bulchiinsa Tiraamp waabeffachuun baaseen guyyoota jalqabaa lamaan waraanichi eegaletti baasiin meeshaalee waraanaa US $5.6 biliyoon akka ta'u ibsa.

Maddi odeeffannoo kanaa ammoo koree Konigireesii Ameerikaaf gabaasa Kibxata darbe dhiyaatedha.

Miseensonni Kongireesii dhiyootti waraanichaaf bajata dabalataa raggaasu jedhamee eegama. Ammoo waraanichi humna ittisaa biyyattii laaffisa jedhanii akka yaaddahan dubbataniiru.

Barruun The New York Times maddeen Pentagoon waabeffachuun akka gabaasetti ammoo baasiin waraanaa torban jalqabaa biliyoona $6 jedha. Maddeen kaan ammoo sanaa oluu akka ta'uu danda'u tilmaamu.

Kana jechuun sochiin waraana US guyyaadhaa guyyaatti gargar ta'us baasiin waranaa guyyuu giddugaleessaan yoo xiqqaate doolaara biliyoon tokko akka ta'u agarsiisa.

Gabaasni Politico ammoo seera baastotni ibsa kophaatti kennameefiin baasiin guyyuu waraanichaa hanga doolaara biliyoona lamaa akka gahu itti himamuu mul'isa.

Barruun Forbis US meeshaalee waraanaa adda addaa 20 Iraanirratti fayyadamaa jirtu hangam qaalii akka ta'an agarsiiseera.

Akka gabaasa kanaatti, baasiin meeshaa waaraanaa inni xiqqaan diroonii haleellaa raawwattee achumatti baddudha. Gatiin tokkoo doolaara 35,000 ta'a. Misaayelootni Tomahawk ammoo qaaliidha, miliyoonaan baasiisu.

Dabalataan guyyaa Bitootessa 1 Kuweetitti dhukaasa dogoggoraan xiyyaarotni waraanaa F-15 Strike Eagles jedhaman rukutamanii kufaniiru. Dirooniiwwan MQ-9 Reapers jedhaman 11 ta'anis akkasuma kuffifamaniiru. Baasiin xiyyaarotaa sadiifi dirooniiwwan rukutaman kanaa walumatti doolaara miliyona 600 ta'a jedha gabaasichi.

Baasiin olitti ibsamu kun baasii baasii guyyuu loltoota naannicha qubatanii jiranii hin dabalatu jedhama.

The Washington Post kan waabeffate Forbes ammatti loltootni US 50,000 ta'an bifa adda addaan waraana kana keessatti hirmaataniiru jedha. Baayyinni loltootaa guyyaan dabalaa hanga dhufeen dabalamaatuma deemu.

Qondaalli muummee bajataa duraanii Peentaagon tokkommoo barruu The Wall Street Journal yoo himu, waraanni jalqabaa durayyuu Baha Giddugaleessaa keessa loltoota, dooniiwwan waraanaafi xiyyaarota sochoosuun mataansaa hanga doolaara miliyoona 630 fixeera jedhe.

Ministeerri Waraanaa Ameerikaa (Pentaagon) torbanoota ja'aaf dhimmicha qoracha ajiraachuu ibsus, hanga ammaatti ragaa hin baasne.

Torban kana keessa ammoo seera baastonni hedduun miseensonni kaabinee Tiraamp pirezidantiin aangoorra jiru akka ka'uuf seera taasisu akka hojiirra oolchaniif gaafataniiru.

Sababa cufamuu Ulaa Hormuuz irraa kan ka'een dhiibbaan dinagdee addunyaarra gahe ammumaaniyyu Ameerikaanota gatii daballii guddaa naafxaafi beenzilaaf akka saaxilaman godheera.

Gatiin boba'aa dabaluun kun ammoo gatii shaqaxaarratti dhiibbaa uumuun filannoo bara dhufu walakkeessa bara bulchinsa paartii Tiraamp irratti gaggeeffamuuf jirurratti qaala'insa jireenyaa tilmaamame akka daran hammaatu godha.

Waraanni kun bakka bu'oonni mana-maree Rippabilikaanotaa, akkasumas Seenetii keessatti ol aantummaa qaban isaan dhabsiisuu danda'a. Paartii Rippabilikaanotaa haalli kun gatii baayyee guddaa kan isaan baasisu ta'a.

Waraanni kun hanguma itti fufeen, Tiraamp gaaga'ama dinagdee dabalaa dhufeef deebii kennuuf ni dirqameera.

Yeroo waraana kana banetti wanti karoorsee ture hafee, amma galmi isaa Ulaa Hormuuz bansiisuu ta'eera.

Michoota US qormaata keessa seenan

Yeroo Iraan Ulaa Hormuz to'attee turte haasaan Pirezidant Tiraamp kennan irra deddeebiin jijjiiramaa ture.

Michoonni US ulaan kuni akka banamu gaafatamaniiru. Yeroo kaan US deeggarsa isaanii akka hin feene dubbataniiru.

Turanimmoo michoota isaanii waraana kana keessa qooda fudhachuu hin barbaanneetin ''dabeessa'' jechuun arrabsan.

Pirezidantiin US Waadaa Wal-ta'insaa Kaaba Atilaantikii (NATO) illee qeeqaa turan.

US waraanni jabaan ijaarte olaantummaashee yeroo dheeraaf kabachiisee tura ilaalcha jedhu qabu.

Biyyoonni Awuroppaa garuu eegumsa US irraa of fageessuuf filmaata garagaraa ilaalaa jiru.

Haalli kuni Chaayinaan faayidaa tarsiimoofi dinagdee akka argattu gochuu danda'a.

Wanti Tiraamp Waashingitanitti qeeqni akka irratti ka'u godhan keessaa tokko kanadha.

Miidhaan waraana kanaa hamma yoonaa hin shallagamne.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yookiin mariin gochuuf yaadame yoo fashale gatiin Ameerikaan kaffaltu kan kanarra caalus ta'uu danda'a.