Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Doolaarri 436,000 lafaa argee abbaaf deebise jaalalaa fi jibba natti fide'
Hojjetaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Amaare Taaddasa yeroo gara garaatti maallaqa callaa fi cheekii, waliigalatti doolaara Ameerikaa kuma 436 taβu iddoo hojii isaaniitti irraanfatamee argan abbaaf deebisuu himu.
Galmeen Dinqisiisoo Afriikaa βObbo Amaareen maallaqa iddoo hojii isaaniitti gatamee argan doolaara kuma 200 waajjira isaaniif deebisuu isaaniitin waraqaa ragaa miseensummaa kabajaa Galmee Dinqisiisoo Afriikaa kennineerraaf,β jechuun Ebla 23, 2015 waraqaa ragaa kenneefii jira.
Haataβu malee, namoonni gochaa isaanii kana jaalatanii fi dinqisiifatan akkuma jiran, kunneen gochicha akka gowwummaatti ilaalan akka jiran Obbo Amaare Taaddasa turtii BBC walin taasisaniin himaniiru.
βHiriyaas taβe firri fi ummanni dhibbeentaa 95 taβu βati nama hin jijjiiramnedha, siif hin darbu, maalif deebistaβ naan jedhu,β jechuun himan.
βHaala itti guddadhetu buβuura naaf taβeβ
Obbo Amaare Taaddasaa gaβeessa umurii waggaa 56 yemmuu taβan, yeroo ammaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Booleetti iddoo bashanannaa sadarkaa olaanaa (Business Class Lounge) keessatti keessummeessaa olaanaa taβun hojjechaa jiru.
Obbo Amaaran bara 1984 Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessatti qacaramanii hojii eegaluu himu.
βWaggaa kurnan jalqabaa kaafteeriyaa hojjettootaa keessattin hojjedhe. Waggaa 22 harβaa immoo laawunjii keessatti hojjechuu eegale,β jedhu.
Sababa hojii isaaniitin imaltoota biyyoota addunyaa garagaraa irraa dhufaniin akka wal arganii fi beekumsallee akka irraa horatan kan himan Obbo Amaaran, imaltoonni tokko tokko meeshaalee garagaraa irraanfatanii gatanii akka deemanis himu.
βNuti wanta baayβee arganna. Moobaayilli ni argama, korojoon (wallet) ni argama, wanti hin argamne hin jiru. Isaan kunneen iddoo meeshaan lafaa argame itti kaaβamutti keenya,β jedhan.
Waan gatamee yookiin irraanfatamee argan abbaa qabeenyaaf deebisuu akka aadeffatanii fi haalli guddina isaanii buβuura akka taβeef kan himan Obbo Amaaran, βnaannoo itti guddadhetti heeyyama nama sanaa malee maallaqa nama biraa fudhachuun cubbuu guddaadhaβ jedhu.
Mudannoo Doolaara kuma 200
βAkka lakkoofsa faranjootaa Onkololeessa 06, 2010 daldalaa Naayijeeriyaadhaa gara Chaayinaatti imalaa turetu korojoo maallaqa doolaara kuma 200 qabu irraanfatee deeme,β jechuun Obbo Amaara Taaddasaa mudannoo akka beekaman isaan taasise himu.
βAnis wayitan laawunjii keessa deddeemu korojoo kana arge. Banee yemmuun ilaalu doolaaratu keessa jira. Naannoo saβaa tokkoofi walakkaa eegee abbaan maalaqichaa deebiβuu didnaan hoggantoota kiyyatti kennee bahuuf yemmuun jedhu abbaan maalaqichaa dhufeβ jedhu.
Sana boodas gaafiiwwan garagaraa gaafachuun maallaqichi kan isaa taβuu erga mirkaneeffatanii booda imalaa biyya Naayijeeriyaaf maallaqasaa akka deebisan Obbo Amaaren dubbatu.
Imalaan kun rifaatuu cimaa keessa akka ture himuunis, βnamichi maallaqasaa waan argatu itti hin fakkaanne ture. Amanuu hin dandeenye, ni ajaaβibsiifate. βUmmanni Itoophiyaa ummata gaariidha, dhaabbatichis dhaabbata gaariidhaβ jedheβ jedhan Obbo AMaaraan yoo haala ture yaadatan.
Mudannoo biraaβ¦
Obbo Amaare Taaddasaa guyyaa mudannoo isa biraa haalaan kan hin yaadanne taβuu himu.
Haataβu malee waqtii sanatti bilbilli moobaayilaa Itoophiyaa keessatti hagas mara yeroo itti hinjirrefi akka waan qaaliitti itti ilaalamu akka ture dubbatu.
Haaluma kanaan guyyaa tokko osoo iddoo hojii isaaniitti hojiirra jiranuu, korojoo cheekii doolaara kuma 234 fi maallaqa dheedhii doolaara 2000 qabu arguu isaanii himu.
βNamichi gara Ameerikaatti imaluuf ture. Namicha argee waanin tureef gara xayyaara inni yaabbate fiigee deemeen itti kenne. Namichi baayβee ajaaβibsiifatee βtorbee tokko booda nan deebiβa maal sif yaa fiduβ naan jedhe.
βAnis mobaayilii naaf fidaan jedheen. Battalumatti bilbila isaa keessaa simkaardii keessaa baasee bilbilasaa βBlackBerryβ jedhamu naaf laatee deemeβ jedhan.
Maallaqni wanta dhalli namaa hojjetee argatu taβuu kan himan Obbo Amaaran, amantaan garuu buβuura waa hundaa taβuu isaatiin waan lafaa argan amantummaan abbaaf akka deebisan dubbatu.
Haataβu malee, βhiriyaas taβe firri fi ummanni dhibbeentaa 95 taβu βati nama hin jijjiiramnedha, sif hin darbu, maalif deebistaβ naan jedhu,β jechuun kunneen gochaa isaanii kanaan dallanan fi aaran akka jiranis himu.
βHawaasni na jibbeera jechuun dandaβa. Ani garuu kanan barbaadu inni dursaa seera dhaabbatichaa kabajuudha. Inni lammaffaan immoo amantaakoo fi waaqa kabajuu kooti. Inni sadaffaan immoo maatiinkoo yoo gammadan inni kaan anaaf hoomaa miti,β jedhan.
βSeerri Daandii Qilleensa Itoophiyaa βwanta kan kee hintaane hin fudhatinβ jedha. Kun immoo qajeelfama sirrii fi kan nama gammachiisudha,β jedhan.
Gochaa isaanii kanatti kan hin gaabbine taβuu himuunis, βani baayβee gammadaadha. Miira addaatu natti dhagahama. Nama irraanfate sanaaf yemmuun deebisu nan gammada,β jedhu Obbo Amaare Taaddasa.
Odeeffannoon Obbo Amaare Taaddasaa doolaara kuma 200 arganii deebisan jedhu tibbana miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa kan ture yemmuu taβu, namoonni tokko tokko βakkamiin doolaara kuma 200 qabatanii buufata xayyaaraa seenuun dandaβameβ jechuun gaafii kaasaa turan.
Obbo Amaaren gama isaaniitin imaltoonni biyya biraarraa kaβuun Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Boolee qubatanii buufaticha keessaa osoo hin bahin gara biyyoota birootti imalan (transit godhan) maallaqa karaa seera qabeessaan biyya isaaniitii fidanii dhufan qabatanii imaluu akka dandaβan himaniiru.