Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Xiyyaaronni US jeettii waraanaa F-15 Iraan jalaa kuffiiste baraaruuf deeman lama itti dhukaafame - CBS

Aanga'oonni US lama maqaa dhokfachuun yaada CBSf kennaniin xiyyaarotni paayilatii jeettii US rukutamee kufeef biramatan lama rukutamuu himan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaarotni US baraarsa F-15f duulan lama rukutaman

    Aanga'oonni US lama maqaa dhokfachuun yaada CBSf kennaniin xiyyaarotni paayilatii jeettii US rukutamee kufeef biramatan lama rukutamuu himan.

    Xiyyaarri inni tokko A-10 Warthog kan jedhamu yoo ta'u rukutamee ibiddi itti qabatee jennan balaliisaan keessaa utaalee Galoo Galaanaa keessa bu'uufi achiis baraaramuu gabaasan.

    Helikooptaroonni lamas ogeessa meeshaa waraanaa barbaacha osoo deemanii helikooptarri paayilatiin baraarame keessa ture miishaa xiqqaan rukutamuu himan.

    Haata'u malee hilikooptarichi nagaan qubatus, namni tokko miidhameera jedhan.

    Ogeessi meeshaa waraanaa jeettii Iraan rukuttee kuffuste F-15 ammallee barbaadamaa jira.

    Iraan xiyyaara A-10 jedhamu rukuttee kuffisuu beeksifteetti.

    Naannoo Ulaa Hormuuzitti rukutamuu waraanni Iraan himeera.

  2. Afyaa'iin Paarlaamaa Iraan xiyyaara US kufuu booda aangawootatti qoose

    Afyaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohaammad Gaalibaaf Iraanitti jeettiin waraanaa US rukutame jedhamuu booda X gubbaatti Waashingitanitti qoosan.

    ''Iraaniin yeroo walitti aanu 37 injifachuu booda, waraanni ajaa'ibaasaanii tarsiimoo hin qabne mootummaa jijjiiruurraa gara ijoo! paayileetii keenya namni arge jiraa? Adaraa? jechuutti gadi guddate'' jedhe.

    Tiraamp guyyoota muraasa dura Iraanitti bulchiinsa haaraa dhufeera jedhe. Bulchiinsi haaraan baayyee finxaalessa miti, sababaan amana jedhee ture.

    Galibaaf dabaluun ''Wow. Jijiirama aja'aaibaa akkamiiti. Dinqii hin jirredha'' jechuun qoose.

    Afyaa'iin Paarlaamaa Iraan kun akka maddeen US himanitti aanga'oota biyyattii bulchiinsi Tiraamp akka michuutti ilaalaniifi bulchiinsa haaraaf abdataniidha.

  3. Puutiin fi Erdogaan warannii baha Giddugaleessaa hatattamaan akka dhaabbatu gaafatan

    Puutiin fi Erdogaan Baha Giddu Galeessaa keessatti hatattamaan dhukaasa akka dhaabbatu gaafatu.

    Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi gitni isaanii Turkii Recep Tayyip Erdogan Jimaata har'aa bilbilaan mari'achuun waraanni Baha Giddu Galeessaa hatattamaan akka dhaabbatu gaafachuu isaanii ibsa Keremlin baaseen beeksiseera.Ibsichi "hoggantoonni kunneen barbaachisummaa dhukaasa hatattamaa dhaabuu fi waliigalteewwan nagaa naannolee naannichaa waraanaa keessa jiran hunda tilmaama keessa galchu qopheessuuf akka hojjetan irratti waliigaltee isaanii mirkaneessaniiru" jedha.

    “Tarkaanfiin waraanaa cimaan naannoo qofa osoo hin taane akka addunyaatti, gama anniisaa, daldalaa fi loojistikii dabalatee bu’aa badaa hamaa akka fidaa jiru hubatameera,” jechuun Kremlin dabalee ibseera.

    Ibsichi itti dabaluudhaan, "Haalli waraanaa cimaan kun bu'aa hamaa hamaa akka baha giddu galeessa qofatti utuu hin taane akka addunyaatti akka fidu ibsedera.

    Kunis, sadarkaa addunyaatti, keessumaa damee anniisaa, daldalaa fi dhiyeessii irratti balaa hammaataa kan qaqqabsiisu ta'uu ibsichi cimsee akeekkachisera.

  4. Xiyyaara rukutame keessaa miseensi tokko baraaramuu aanga'oonni US himan

    Xiyyaara waraanaa US, F-15E, daangaa Iraan keessatti rukutame keessaa hojjetaan tokko baraaramuu aanga'oonni US CBStti himan.

    Maddeen michuu BBC lama namni tokko baraaramuu CBStti himaniiru.

    Akka maddeen kun jedhanitti namni kun kan baraarame humnoota USn.

  5. Namni paayiletii US qabe maallaqa biliyoona 10 badhaafama- Iraan

    Bulchaan bulchiinsa Kibba biyyattii balaliisaa xiyyaara US naannichatti rukutamee kufee lubbuun osoo jiruu qabuun wanta dursi kennamuufi jedhe.

    Waajirri bulchiinsa naannichaa ''nama miseensa diiinaa (paayilaticha) qabe ykn ajjeese akka addaatti jajjabeessa'' jedheera jechuun ejensiin oduu ISNA jedhamu gabaaseera.

    Miidiyaaleen Iraan kaan ammoo nama paayiletii US ''lootee seentuu'' ittiin jedhan qabeef toomaanii (maallaqa biyyattii) biliyoona 10, kan paawundii 50,000 ta'u badhaasuuf daldaltootni naannichaa waadaa galaniiru jedhaniiru.

  6. Tiraayooreen uummatni Burkinaa Faasoo waayee dimookrasii 'dagachuu qaba' jedhe

    Hogganaan waraanaa Burkinaa Faasoo bulchaa jiru Kaapteen Ibraahiim Tiraayooree dimookrasiin ''nama fixa'' jedhe.

    Yaada televizhiinii biyyaalessaarratti darbeen uummatni Burkinaa Faasoo ''waayee dimookrasii dagachuu qaba'' jedhe.

    Humnaan erga aangoo qabatee waggaa sadii kan ta'e ajajaan waraanaa ganna 38 kun Afrikaan sirna dimookrasii hin feetu, Burkinaa Faasoon filannoo ofii kan biraa qabdi jedha. Maal akka ta'e garuu hin ibsine.

    Tiraayooreen bara 2024 keessa biyyattii gara sirna dimookraasittii akka deebisu ibsee ture. Booda ji'i lama yeroo hafu waggaa shaniif aangoorra akka turuu fedhu beeksise.

    Yaada Kamisa galgala tamsaafameen Tiraayoreen ''namni waayee dimookrasii dagachuu qaba. Dimookrasiin nuuf miti'' jedheera.

    Akka dimookrasiin hin hojjenne osoo fagoo hin deemiin Liibiyaan fakkeenya jechuunis dubbate.

    Kamisa kaleessaa dhaabbatni Humaan Raayits Waach ibsa baaseen erga Tiraayooreen aangoo qabatee namootni nagaa 1,800 ta'an ajjeefamaniiru jedheera.

  7. Obbo Shimallis fi Marroon mari'achuuf jedhuu?

    Dubbiin isaanii kuni keessumaa filannoo biyyaalessaa adeemaa jiruun dhimmi nageenyaa ajandaa yeroo ta'aa jirutti dhagahame.

    Rakkoon nageenyaa Naannoo Oromiyaa keessa waggootaaf adeemaa jiru jireenya hawaasaa danqeera.

  8. Ameerikaan balaliisaa xiyyaarashee daangaa Iraan keessatti haleelamee kufee barbaadaa jirti

    Dhaabbanni Oduu Tasnim kan Korporeeshinii Warraaqsa Islaamaa Iraan waliin hidhata qabu akka gabaasetti Ameerikaan balaliisaa xiyyaara waraanaa naannoo Iraan keessatti kufe jedhame barbaadaa jirti.

    Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa ammoo gabaasa Eegdota Warraaqsaa balalisaan xiyyaara waraanaa tokko haleelamuun Odoola Qashqaayi kan naannawa ulaa Hormuz itti kufe jedhu kana haaleera.

    Ibsi ajaja giddu galeessaa Ameerikaa kun kan haale gabaasa Iraan amma baaste haa ta'uu kan biraa ta'uun isaa ifa miti. BBC'n ajaja giddu galeessaa Ameerikarraa odeeffannoo dabalataa argachuuf gaafateera.

    Haa ta'uu malee qondalli Ameerikaa tokko xiyyaarri waraanaa Ameerikaa Iraanitti haleelamee yeroo ammaa sakatta’iinsi hojjettoota taasifamaa akka jiru qondaalli Ameerikaa tokko miidiyaa Ameerikaa Axios akkasumas Rooyitars fi New York Times’tti himeera.

    Addatti ammoo gaazexaan Wall Street Journal Ameerikaan hojjettoota xiyyaarichaaf hojii baraarsa gaggeessaa akka jirtu gabaasaa jira.

    Akka gabaasa dhaabbata oduu Tasnim baaseetti, humnoonni Ameerikaa balaliisaa xiyyaara waraanaa isaanii argachuuf ganama har’aa irraa eegalee sakatta’iinsa gaggeessaa jiru.

    Maddeen wabeeffachuun akka ibsetti, sakatta'iinsi kun helikooptarootan, xiyyaarota fi diroonii fayyadamuun barbaachi gaggeeffamaa akka jiru eerera Haa ta'u malee, carraaqqiin barbaachaa kun bu'aa tokkollee hin argamsiifnef jedheera.

    Akka Tasnim jedhutti balaliisaa xiyyaarichaa xiyyaarri waraanaa Ameerikaa wayita rukutamu xiyyaaricha keessaa utaaluun daangaa Iraan keessatti bu'u ibseera

    Buufatni televijiinii mootummaa Iraan tokko ammoo nama balaliisaa kana jiraa isaa qabee dhiyeesse kamiifuu badhaasni kan kennamu ta'uu gabaasera.

    BBC'n odeeffannoo kana addatti mirkaneeffachuu baatuus, odeeffannoo dabalataa walitti qabuuf hojjechaa jira.

  9. Obbo Shimallis Marroo waliin mari'achuuf qophiidha jedhan, WBO'n maal jedha?

    Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessa nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin mari'achuuf qophii ta'uu dhihoo dubbataniiru.

    Dhimma kana hidhattooti WBO maal jedhu?

  10. Waraanni Iraan guyyoota 34'tti Ameerikaa doolaara Bil. 38 baasise

    Hanga Kamisa Ebla 02, 2026, Ameerikaan waraana Iraan guyyoota 34'f gaggeeffameef gara doolaara biiliyoona 38 baasuu ishee gabaafameera.

    Kunis guyyaatti gara doolaara biliyoona tokkoo ol kan ta'uudha.

    Jalqaba waraanni kun eegale Gurraandhala 28, 2026 irraa kaasee , Ameerikaan haleellaa raawwachuufis ta’e ittisa misaa’ela Iraan irraa dhukaafamu ittiin qolachuufdoolaara biiliyoona 26 hanga biiliyoona 38 akka baaste tilmaamameera.

    Kanarraa kan ka’e Ameerikaan duula waraanaa Iraan irratti taasiftu irratti guyyaa guyyaan Doolaara miiliyoona 890 hanga biiliyoona 1 gidduutti baasaa jirti.

    Giddu-galli Qorannoo Tarsiimoo fi Idil-addunyaa akka gabaasetti, jalqaba haleellaa Iraan irratti raawwatameetti meeshaaleen waraanaa qaalii ta'anitti fayyadamaa turan.

    Giddugalichi meeshaalee ittisa qilleensaa baay’inaan qaalii ta'an sa’aatii 100 jalqabaa waraana kanaa keessatti itti fayyadamaan bakka buusuuf doolaara biiliyoona 3.1 akka baasisu tilmaamera

    Haa ta'uu malee, dandeettiin ittisaa Iraan laafaa dhufuun maallaqni waraana kanaaf oolu hir’achuu akka malu qondaaltonni Ameerikaa himaa jiru

    Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa lakkoofsi misaa’elaa fi diroonii Iraan furguggiftu haalaan hir’ateera jedhu

  11. Israa'el omisha sibiilaa Iraan dhibbeentaa 70 barbadeessiteetti- Netaaniyaahuu

    Pirezidantiin Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu haleellaa Iraan irratti raawwataniin humni sibiila omishuu Iraan dhibbeentaa 70 ta'u barbadeeffamuu ibse.

    Miidiyaa hawaasaa gubbaa ergaa viidiyoodhaan dhaameen gocha kanaan ''milkaahina olaanaa'' jechuun ibse. Dabaluunis dameen kun Humna Eegduu Warraaqsa Islaamaa Iraaniif madda maallaqaa fi waraanaati jedhe.

    ''Qindoomina anaafi Prezidant Tiraamp gidduu, Humna Ittisaa Israa'eliifi waraana Yunaayitiid Isteets gidduu jiruun Iraaniin cabsuu itti fufna'' jedhe.

    Hezbollaa haleeluu akka itti fufus beeksise.

  12. Waancaa addunyaa seentanii daawwachuuf hanga $ kuma 11 kafaltuu?

    Istaadiyoomiiwwan taphoota Waancaa Addunyaa keessummeessan seenanii daawwachuuf gatiin tikkeeta tokko meeqa akka ta'e ifa gohameera. Tapha xumuraa dirree seenanii ilaaluuf $10,990 akka gaafatu Fifa beeksiseera.

    Gatiin Fifan tikkeetaaf ifa godhe kun isa yeroo kamuu caala qaaliidha jedhameera.

    Qopheessitootni sirna kanaa Kaanadaa, Meksikoo fi US sirna kana qopheessuuf yeroo dorgoman tikkeetni inni qaaliin tapha xumuraaf kafalamu $1,550 akka ta'u ibsanii ture.

    Wayita deeggartoota beekamoo garee biyyaalessaaf tikkeetni gurguramu gatii inni qaaliin $8,680 ta'uun mul'atee ture.

    Roobii darbe gatiin tikkeetaa inni marsaa dhumaa yeroo ifa godhamu ammoo gatiin kun ittuu qaala'eera.

    Waancaa Addunyaa Kataar bara 2022 irratti teessuma isa gatii qaalii tapha xumuraaf qophaaye argachuuf kan gaafatame $1,604 ture.

  13. Misaa'elli Iraan buufata boba'aa Abu Dhabii haleeluu hordofee ibiddi ka'e

    Misaa'elli Iraan buufata boba'aa Abu Dhabii haleeluu hordofee ibiddi ka'e. Angawoonni Abu Daabii balaa ibiddaa haleellichaan mudateef deebii kennaa akka jiran himaniiru.

    Balaan kun kan mudate dhaabbata boba'aa Habshan Gamtaa Immireet keessatti ''erga misaa'elli haleellaa qaqqabsiise booda'' jedha ibsi waajjira miidiyaa Abu Daabii irraa bahe.

    ''Aanga'oonni balaa ibiddaa kanaaf deebii kennaniin miidhaa caalu utuu hin qaqqabsiisin to'atu,'' kan jedhu ejensichi, hanaga ammatti lubbuun namaa darbe akka hin jirre ibseera.

    Yunaayitid Arab Emireetis kanaan dura haleellaa misaa'elaa fi diroonii '' Iraan irraa madde'' qolachuuf hojjechaa akka jirtu ibsuun, haleellaa misaa'elaa qolachuu ishee ibsiteerti.

    Odeffannoo kana waliin deeman biroof:

  14. Seera haaraa namoonni yoo wal hiikan 'saree' akka qixxee guddisan eeyyame

    Dhaddachi Biraaziil seera haaraa bahe jalatti haati warraafi abbaan warraa yeroo wal hiikan mirga bineelda madaqsan qixxee akka dhuunfatan murteessuuf deema.

    Bakka buutonni uummataa seerri haaraa kuni namoonni hangam bineeldota isaaniif iddoo akka kennaa jiarn agarsiisa jedhan.

    Seerri kuni namoonni wal hiikan bineelda madaqoo isaanii irratti yoo waliigaluu baatan ''daanyaan qabiinsa bineelda kanaafi baasii hirmaachuu irratti murtoo kennuu danda'a.''

    Biraaziil biyya uummata miiliyoona 213 qabdu yoo taatu bineeldoti madaqoo akka saree fa'a ammoo miiliyoona 160 tahu jedha Inatitiyuutiin Bineeldota Manaa Biraaziil.

    Seera kana hojiirra oolchuuf bineeldi kuni harka caalmaa jireenyasaa namoota kunneen waliin dabarsuu qaba.

    Namoota lameen keessaa tokko kanaan dura yoo seenaa yakka hojjechuufi haleellaa mana keessaa qaba tahe mirga kana hin argatu.

    Miseensoti paarlaamaa bineeldota manaa irratti wal loluun dabalaa dhufeera jedhu. ''Seerri kunis dhimma yeroo dhihoo as hawaasa Biraazil keessatti mudachaa jiru fura,'' jechuu ibsi seera kana hordofee bahe agarsiisa.

    Namoonni ijoollee muraasa qaban bineeldota isaanitti waan akka malee dhiyaataniif ''akka misensa maatii dhugaatti,'' isaan ilaalu.

  15. Kuweetitti calaltuu bishaaniifi madda ibsaarratti haleellaan raawwatame

    Ministeerri Ibsaa fi Bishaanii Kuweet Iraan dhaabbileen madda ibsaa fi calaltuu bishaaniirratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Ministeerichi itti dabaluun, haleellaa kana hordofee kutaalee dhaabbatichaa hanga tokorra “miidhaan” gahuun ibseera.

    Ministeerichi fuula X isaarratti ibsa baaseen, hojjetoonni balaa tasaa fi ogeessonni tekinikaa gara bakka sanaatti bobbaafamuufi “dhiyeessii jiru karaa sirrii ta’een itti fufsiisuuf” hojii jalqabuu isaanii dubbateera.

    Ibsi kun itti dabaluun, “Nageenyiifi tasgabbiin dhiyeessii ibsaafi bishaanii keenyaa dhimmoota dursa kenninuuf keessaati,” jedheera.

    Har’a ganama dirooniiwwan Iraan calaltuu boba’aa Kuweet irratti irra deddeebiin haleellaa raawwachuu hordofee abiddi ka’uun isa ani yaadatama.

    Bahi Giddugaleessaa baayyee ho’aa ta’uu isaarraa kan ka’e jireenyi lammilee guyyuu humna ibsaafi bishaan irratti haalaan hundaa’a.

    Biyyoota Baha Giddugaleessaa keessatti bishaan dhibbentaa 90 ta’u kan argamu bishaan galaanaa soogiddaa/kuraawaa (salt water) irraa calalameeti.

    Biyyoonni Baha Giddugaleessaa wiirtuu calaltuu bishaanii malee jireenyaaf kan hin mijannedha.

    Naannicha keessatti haleellaan calatuu bishaaniirratti raawwatamu yaaddoo guddaadha.

    Odeeffannoon dabalataa as keessa jira:

  16. Daawwadhaa: Giddugala Israa'el keessatti haleellaa misaa'elaa raawwatame hordofee lolaa mudae

  17. Kuubaan yeroo dhiibbaan US itti cimaa jirutti hidhamtoota 2,000 ol gadhiiste

    Yeroo dhiibbaan US itti cimee jirutti Kuubaan hidhamtoota 2,000 ol mana hidhaatii gadhiiste.

    Embasiin Kuubaa US jiru akka beeksisetti kanneen mootummaan Kuubaa gadhiise keessaa lammiileen biyya alaa, daa'imman, dubartoonnifi namoonni umuriin ganna 60 ol fa'aa ta'an jiru.

    Tiraamp aangotti dhufuu hordofee mootummaa Kuubaa jijjiiruuf fedhii akka qabu ibsaa ture. Yeroo dhiyoo as ammoo boba'aan Kuubaa akka hin galle gochuun biyyattiin rakkoo hamaa keessa akka galtu godheera.

    Kuubaa keessa hanqina boba'aa irraa kan ka'e wiirtuwwan aanniisaafi hospitalonni heddu danqamaniiru.

    Jalqaba ji'a Amajjiirraa kaasee Kuubaan uggura boba'aa US jala kan galte yoo ta'u, torbee darbe garuu Raashiyaan taankarii boba'aa fe'e tokko Kuubadhaaf geessiteetti.

    Kuubaan namoota siyaasa hidhuun akka hiraarsitu dhaabbanni Hiyumaan Raayits Waatch yeroo garaa garaatti ibsa.

    Bara kana garuu Kuubaan marsaa lammaffaaf namoota heddu mana hidhaatii gadi lakkisaa jirti.

  18. Daawwadhaa: Iraan keessatti haleellaa buufata waraanaa cinaatti raawatame

  19. Ameerikaan waraana Iraaniif hangam baasaa jirti?

    US waraana Iraan waliin gaggeessaa jirtuun guyyaatti baasii dolaara miiliyeenaan lakkaa'amu baasaa jiraachuu ragaaleen ni agarsiisu.

    Torban jalqabaa waraanichi itti eegaletti US dolaara biiliyeena 11.3 baasuu isaa Peentaagoon ibsee ture.

    Waraanichi hadaduma dheerataa deemu, baasiin waraanaa US lola kanarratti baastu dabalaa dhufuutu himama.

    Keessumaa guyyoota jalqabaa waraanichi itti eegaletti US misaa'eloota Toomhaawok heddu fayyadamuunshee baasii hedduuf ishee saaxiluutu himama.

    Misaa'elli Toomhaawok tokkoonsaa dolaara miliyeena 3.5 akka ta'e ragaan ni agarsiisa.

    Sirni ittisaa Iraan dadhabaa deemurraa kan ka'e US misaa'eloota gatii qaalii fayyadamuurraa gara boombiwwan gatiin gadi aanaa fayyadamuutti cehuunshee baasiin guyyaatti bahu akka kan guyyoota jalqabaa waraanichi itti eegalee ta'uu baatus, guyyaatti garuu dolaara miliyeena dhibbaan lakkaa'amu baasaa jirti.

    Xinxaaltonni waraanaa akka jedhanitti, US waraana kanaan guyyaatti dolaara miiyeena 385 baasaa jirti.

    Waraanichi erga eegalee hanga ammaa dolaara biliyeena 38 baasuushee ragaaleen ni agarsiisu.

Trending Now