S irna mallattoo waliigaltee TPLF fi mootummaa Itoophiyaa jidduutti taasifame viidiyoon

M ootummaan federaala Itoophiyaafi Addi Bilisa Baasaa Tigraay waraanaa waggaa lamaan booda kaleessaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahan.
W aliigaltee kanarratti bakka bu'oota jila gama lamaanii, kan Itoophiya irraa Ambaasaadari Reediwaan Huseeniifi gama TPLF ammoo Geetaacho Raddaatu mallatteesse.
M ariin hoggansa Gamtaa Afriikaatiin guyyoota 10'f Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamaa turen booda qabxiiwwan ijoo haala nageenya kaaba biyyattii ni furu jedhaman tarreeffamuun bakka bu'oota gama lamaanii kanneeniis dubbiifamee ture.
M ee sirni mallattoo viidiyoon maali akka fakkaatu dowwadhaa.









