MM Abiy boba'aan qusannaan akka fayidaarra oolu hubachiisan

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad boba'aan qusannaan wantoota bu'uuraaf barbaachisuuf akka faayidaarra ooluu qabu hubachiisan.

MM Abiy fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ergaa dabarsaniin, sababa waraana Baha Giddugaleessaatti dhalate torban sadaffaa seene kanaan dhiyeessiin boba'aa waan gufateef qusannaan wantota bu'uuraa barbaachisoo ta'aniif fayyadamuun akka irra jiraatu himan.

"Rakkoo Giddugala Bahaatti uumamerraa kan ka'e biyyoonni boba'aa bitanii fayyadaman akka garaatti argachuu dadhabaniiru.

Kanaafuu, rakkoon kun furamee hamma sirna dhiyeessii boba'aa idileetti deebinutti boba'aa qusannaafi wantoota bu'uraaf dursa kenninee fayyadamuu qabna. '' jedhan.

Kanaafis raabsitoonni boba'aa, buufatawwan boba'aafi fayyadamtoonni wantoota bu'uraatiif dursa kennitanii hundumti keenyayyuu qalbii itti gaafatamummaatiin akka fayyadamnu hubachiisuun barbaada," jedhan MM Abiy hubachiisan

Torban darbes Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' haa fayyadaman jechuun hubachiisa baasee ture.

Ministirri Maallaqaa Ahmed Shide, jeequmsi dhiyeessii boba'aa waraana Ameerikaa- Israa'elfi Iraan gidduutti gaggeeffamu hanga yoomitti akka turu waan hin beekamneef, hawaasni fi dhaabbileen boba'aa ''qusannaa guddaadhaan'' akka fayyadaman dhaaman.

Daballiin gatii boba'aa waraana kanaan dhufe ''rifaasisaadha'' jechuun kan ibsan Ministirri Maallaqaa, mootummaan ''tarkaanfiiwwan boba'aa qusachuu dandeessisan yeroo dhiyootti'' akka labsu beeksisaniiru.

Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shidee kana kan beeksisan Roobii Bitootessa 11, 2026 yoo ta'u, rakkoo dhiyeessii boba'aa waraana Iraan irraan kan ka'e fi haala boba'aa yeroo ammaa biyyattii keessatti mul'atu ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kennanii ture.

Ministirri kun ibsa kana kan kennan mootummaan gatii boba'aa qinxaaboon gurguramu irratti daballii hanga birrii 17 gochuu boodadha. Akka daballii gatii Kibxata ifoomeen beenzilli birrii 129n gurguramaa ture amma birrii 132 fi saantima 18n gurguramaa jira

Gatiin Beenzela gatii walfakkaataa qabu birriin 10 itti ida'amee birrii 139 fi saantima 83n gurguramaa jirama. Daballii olaanaa birrii 17 kan irratti labsame keeroosiniin birrii 146n akka gurguramus murtaa'eera.

Ministirri Maallaqaa Ahmad ibsa kennaan keessstti gatii boba'aa addunyaa haalaan dabaluu isaa ilaalcha keessa galchuun haaromsi mootummaan taasise ''isa baayyee xiqqaa ta'ee fudhatama'' jechuun ibsaniiru.

Ameerikaa fi Israa'eel haleellaa irra ga'e Iraan haaloo ba'uun boba'aan addunyaa harka shan keessaa tokko karaa irra darbu ulaa Hormuuz cuftee jirti.

Waraana kanaan walqabatees bu'uuraalee boba'aa Iraanii fi biyyoota Baha Giddu Galeessaa biroo irratti haleellaan raawwatameera.

Sababa kanaan bara 2022 as gatiin boba'aa haalaan dabalee barmeela tokko doolaara 120 gaheera. Haa ta'u malee, ergasii gadi bu'uun yeroo ammaa barmeela tokkoof doolaara 89n daldalamaa jiru.

Gatiin geejjibaa magaalaa Finfinnee dabaluu

Gatiin geejjiba ummataa magaalaa Finfinnee birrii shanii hanaga birrii 20tti akka dabale dhuma torban darbee ibsameera.

Taarifaa haaraa bahe kanaan daballii guddaan kan taasifame atoobisoota magaalaa irratti yoo ta'u, gatiin ol'aanaan birrii 50 irraa gara 70tti ol guddateera.

Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee guyyaa Dilbata Bitootessa 15, 2025 ibsa baaseen daballii gatii kun waggaa tokkoo fi ji'a afur keessatti yeroo jalqabaatiif kan taasifame ta'uu beeksise.

Daballiin gatii yeroo dhumaaf Onkoloolessa bara 2014 kan taasifame yoo ta'u, yeroo sanatti gatiin Beenzilaa liitiratti birrii 91 fi kan Naafxaa ammoo 90 ture.

Yeroo gara waggaa tokkootti siquuf osoo fooyya'iinsi taarifa hin godhamin keessa gatiin beenzilaa leetiratti gara birrii 41 dabaleera. Kan Naafxaa adiis gara birrii 49'n dabaleera.