Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyoonel Meesii yeroo jalqabaaf waancaa 'Copa America' Arjantiinaa wajjin mo'ate
Riyoo, istaadiyeemi Maracana'tti tapha waancaa Koppaa Ameerikaan Arjantiinaan Biraziliin erga injifattee booda Liyooneel Meesii kabaja idil addunyaa eegaa ture argate.
Taphataan ganna 34 Meesii, taphni xumuramuu wayita murteessaan beeksisetti gamachuun lafatti kufee achumatti taphattoonni gareesaa isarratti jiganii hammachuun ol kaasanii isa baatan.
Dorgommii ijoo 10ffaa isaa kanaan biyya isaatti kabaja olaanaa argateera.
Arjantiinaan waggaa 28 booda dorgommii kana akka injifattuuf kan gargaare yoo taβu, dorgommii kana irratti goolii afur lakkoofsisuun taphataa dorgommichaa jedhameera.
Goolii tokkicha taphichaa lakkoofsisuun injifannoo Arjantiinaa kan mirkaneesse Angel di Maria'dha.
Taphichaan booda ''Gammachuu daangaa hinqabnetu natti dhagahame,'' jedhe Meesiin. ''Waa'ee kanaa yeroo hedduu abjootaan ture,'' jechuunis waahillan gareesaas dinqisiifateera.
Miira faallaa taβeen, gartuu Barseloonaa keessatti kan waliin taphachaa turee fi akkuma Meesii lakkoofsa 10 kan uffatu Neeymaar taphichi akka xumurameen gaddaan jilbeenfatee xuruurfata boβeera.
Neeymaar sababa miidhaa irra gaβeen injifannoo Biraazill kan Koppaa 2019 irratti hin hirmaatiin kan hafe yoo taβu, milkaaβiina idil addunyaa isaa argachuuf ammayyuu yaalutti jira.
Taphattoonni lamaan kan Baarselonaaf Kaamp Nuutti bara 2013 fi 2017 gidduutti waliin taphachaa turan, yeroo kabaja waancaa gaggeeffame eegaa turanitti yeroo dheeraaf wal hammataniiru.
Sababa dhorkii Covid-19βn tapha bakka deeggartoonni jiranitti yeroo jalqabaaf taasifame kana irratti, deegartoonni affeeraman 7,000 argamaniiru.
Dorgommiin sababa weerara koronaavaayirasiin waggaa darbe taasifamuuf ture guyyaan achi dabarfamee ture, akkasumas Arjantiinaa fi Kolombiyaan dorgommicha keessummeessuuf erga murtaaβee booda; saβaatii dhumaatti Biraazil akka keessummeessituuf taasifamuun isaa sababa tatamsaβina vaayirasichaa biyyattii keessa jiruun qeeqamee ture.