Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Iraan irra deebiin Qaataar haleellaan Ameerikaan buufataalee boba'aa ishee cimsitee haleelti- Tiraamp

Iraan Kaataariin haleeluu itti fufteetti. Tiraamp ammoo haleellaa cimaatu dirree boba'aa Iraan eeggata jechuun doorsise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp loltuu akka hin bobbaafne hime, Jappaan 'nu gargaaruu qabdi' jedhe

    Pireezidantiin US Donaald Tiraamp waraannisaanii haleellaa Iraan keessatti gageessuun karooraa olitti milkaahaa jiraachuu ibse.

    Marii Ministira Muummee Jappaan Takiyaachii waliin Waayit Haawusitti taasisaa jiruun yaada loltuu Iraanitti bobbaasuu akka hin qabne dubbateera.

    Dabalataan ulaa hormuuz cufameefi waraana adeemaa jiru keessatti Jappaan isaan deeggartee hirmaachuu yeroon itti qabdu ammadha jechuun dubbate.

    ''Jaappaan akka itti seentu nan eega. hariiroo akkasii qabna beektaa. Jappaaniif gidduu seennee beekna. Jappaanii loltuu 45,000 qabna'' jedhe.

    Bobaa'an Jappaan gidduu akka seentu sababa ijoo ta'a jedheera.

  2. Lammiin Ugaandaa Modeesii keessatti Kokeenii dhoksite Booleetti qabamte

    Lammiin Ugaandaa qoricha sammuu hadoochu Kokeen jedhamu 500g modeesii keessa dhoksitee dabarsuuf yaalte buufata xiyyaaraa Booleetti qabamuu midiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

    Dubartiin kun xiyyaara magaala guddoo Maalaawii Looliweengeerraa ka'ee gara Filippiinsi Maaniilaa imalaa ture keessa turte. Xiyyaarichi Booleetti tiraanziitii gochuutti ture.

    Dubartiin kun kan to'atamte hojjettoota tikaa fi nageenya Aviyeeshiniin ta'uun gabaafameera.

    Poolisiin Federaalaa qorannoo dabalataaf shakkamtuu kana to'achuunis gabaafameera.

    Guyyoota darban imala Xaaliyaanirraa irraa gara Koongoo godhamaa ture keessa jimaan km17.5 seeraan ala dabarfamaa ture qabameera.

    Torbee kana keessa kokeeniin kg 4 ta'u buufata xiyyaaraa Booleetti qabameera.

  3. Haleellaan Iraan hatattamaan dhaabachuu qaba - MM Qataar

    Israa'eliifi Iraan naannoo kana lolatti galchaa jiru jedhan Ministarri Mummee Qataar Mohaammad Biin Abdurraamaan Al Taanii.

    Haleellaan Iraan dhaabbata aannisaa Raas Laafaan irratti raawwatte ''dubbii hammeessuu isa hamaa dha,'' jedhe.

    Dabaluunis Ministarri Mummee Qataar Iraan ''haleellaa kana hatattamaan dhaabuu qabdi,'' jechuun waraanni akka tasgabbaa'uu gaafateera.

    Tarkiin nagaafi tasgabbii naannichaa eeguun shoora gumaachiteef galateeffateera.

  4. Chaad dirooniin Sudaan nama 17 galaafachuu booda haaloo bahuuf dhaadatte

    Pirezidantiin Chaad ammaa booda Sudaanirraa halellaan dabalataa yoo raawwatame humni waraanaa tarkaanfii haaloo bahuu akka fudhatu ajaja dabarsan.

    Murteen Pirezidantichaa kan dhagaahame dirooniin Sudaan lammiilee Chaad gaddarra turan 17 galaafachuu booda.

    Uffata waraanaa uffatanii kan mul'atna Idriis Mahamaat Deebaay guyyaa har'aa walgahii ariifachiisaa gaggeessaniiru. Achirrattis waraanni biyyattii qophii olaanaarra akka ta'u hubachiisan.

    Daangaa Sudaan waliin qaban guutummaatti akka cufamus labsaniiru.

    Haleellaan magaalaa daangaarra jirtu Tine jedhamturratti raawwate tokkummaa daangaa Chaad irratti gocha weeraraafi dheekkamsiisaatu raawwatee jedhan.

    Haleellaan kun kan raawwate Sudaan keessatti warra wal waraanan lamaaniin akka of eeggatan waamicha gochaa jiranitti ta'uus dubbatan.

  5. Haleellaan dhaabbata aannisaa Qataar irratti raawwanneen humna 'xiqqoo' fayyadamne - Ministara Hajaa Alaa Iraan

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii haleellaan dhaabbata aannisaa Qataar Raas Laaffaan irratti raawwatameen humna qabnu irraa ''isa xiqqoo fayyadamne,'' jedhe.

    ''Kan of qabneef gaaffii muddama tasgabbeessuuf nuu dhiyaateeni,'' jechuun X irratti barreesse.

    Haala Ameerikaa, Israa'eliifi biyyoota Galoo Galaanaaf yaaddoo tahuun, kana booda bu'uuraalee misoomaa Iraan irratti haleellaan yoo raawwate ''carraan of qabuu keenyaa ZERO dha,'' jedhe.

    Dabaluunis dhumni waraana kanaa ''miidhaa lammiilee nagaa Iraan irra gaheef xiyyeeffannoo kennuu qaba,'' jedhe.

  6. 'Yakkamtoota ajjeesuuf qarshiin barbaachisa' - Ministara Ittisaa US

    • Ministarri Ittisaa Ameerikaa waraanni kuni ''akka karooraatti, qiyyaafannoo barbaadamuu haleelaa deemaa jira. Yoom raawwata kan jedhuuf yeroo sirrii kennuu hin danda'u. ''Guyyaa akkasii waan jedhu kaa'uu hin barbaannu,'' jedhe.
    • Kaayyoo waraanaa Iraan yeroo dubbatu waanuma kanaan dura jedhe irra deebi'uun, misaayelaafi dooniiwwan waraanaa Iraan barbadeessuufi Iraan cirumaa niwkilaaraa akka hin qabaanne gochuu dha,'' jedhe.
    • Ameerikaan hamma yoonaa qiyyaafannoowwan Iraan 7,000 haleeltetti jechuun loltuun ''qiyyaafannoo irratti xiyyeefataniifi maaliif akka raawwatan sirriitti beeku,'' jedhe.
    • Boodarra ammoo Jeneraalli Waraanaa Daan Keen waraanni Ameerikaa daangaa qilleensaa Iraan kara bahaa seenuun dirooniiwwa kallattii tokkoo ''adamsuufi ajjeesuuf'' seenaniiru. Kunis heelikooptarii AH 64 Apaachee fayyadamuuni jedhe.
    • Keen akka jedhetti ''Iraan meeshaa waraanaa baayyeedhaan gara lola kanaatti galte,'' jedhe. Kanaafidha Ameerikaan ''akkaan kan lolaa jirtu,'' Iraan ammallee humna loluu akka qabdu beekamtii kenneera.
    • Dhumarratti Heegseez dhumarratti Peentaagan Waayit Haawus Koongireesiidhaan doolaarri biiliyoona 200 akka gaafatamuuf gaafateera jechuun, ''namoota hamaa ajjeesuuf qarshiin barbaachsia, gaaffiin qarshii kuni waanuma danda'amu dha'' jedhe.
  7. Iraan ammayyuu humna loluu qabdi- Janaraala US

    Janaraalli waraana US Janaraal Keen gaaffii ammayyuu waraanni Iraan humna haleellaa raawwachuu qabaa jedhamee gaaffii dhiyaatef deebii kenneen ammayyuu humna haleellaa raawwachuu qabuu jedhe.

    Erga waraanni US-Israa'eliifi Iraan eegalee torban sadii boodas Iraan ammayyuu buufataalee bu'uuraalee boba'aa galoo galaanaa rukutuuf humna qabdii jedhe janaraalli kun.

    Janaraal Keen ibsa kenne keessatti Iraan waraana kanatti wayita dhiayaattu meeshaalee waraanaa hedduu qabdi ture, kanaafi kan US hamma kana cimsitee, hamma dandeessuun kan waraanaa jirtu'' jedhe.

    US ammayyuu ''adamsitee barbadeessaa jirti, ajjeesaa jirti haata'u malee Iraan ammayyuu humna qabdi'' jedhe.

  8. Addunyaan Tiraampiin galateeffachuu qaba - Ministira Waraanaa Ameerikaa

    Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseez haleellaa misaayelaa fi diroonii kallattii tokkoo Iraan erga waraanni jalqabee %90 hir'ateera jedhe.

    Yeroo kanatti hojiin namni cirumaa hin barbaanne yoo jiraate ''hogganaa olaanaa waraana Iraan tahuu dha,'' jedhe.

    Ameerikaan dooniiwwan waraanaa Iraan 120 dhidhimsiteetti, amma humni galaanaa isaanii hin jiru,'' jedheera.

    ''Mootummaan akka Iraan oomisha niwkilaaraa dhaabu diddu, rakkoo naannoo sanaa qofa osoo hin taane Ameerikaaf kallattiin yaaddoo dha, bilisummaafi qarooma keenyaaf yaaddoo dha,'' jedhe Heegseez waa'ee Iraan yeroo dubbatu.

    ''Addunyaa, Baha Gidduugalaa fi warri Awurooppaa galata hin qabne akkasumas miidiyaaleen biyya keenyaa gariin waan isaan Tiraampiin jechuu qaban, ''galatoomi dha,'' jedhe.

  9. Kilabootni saddeet nuusa xumuraa gahan adda bahan Arsenaal waancaaf tilmaama guddaa argate

    Kilabootni Ingiliz jaha marsaa mo'anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa gahan jedhame osoo jajamanii isaan keessaa afur gara nuusa xumura osoo hin ce'iin hafaniiru.

    Sanuu gooliiwwan hedduun itti galee morkicha keessaa bahan. Waliigalaan Siitiin 1-5, Niiwkaasil 8-3, Chelsiin 8-2n, Totenhaam 7-5n mo'atamanii keessaa galan.

    Kilaboota arfan kanatti dhaqaa galaan gooliin 28 itti galeera. Kan isaan galchuu danda'an ammoo 11 qofa.

    Arsenaaliifi Liiverpuul kilaboota Ingilaand amma nuusa xumuraa keessa galan ta'aniiru.

    Sababootni hedduun milkii dhabuu kilboota afraniif kaahamuu kan danda'u ta'us,sababa tokko ta'ee kan ibsamaa jiruu bakka buutotni Ingilaand ramaddii jabaa qabaachuudha.

    Haalli ramaddiin kun itti bahu kan gaafiin irratti dhiyaatu ta'uu baatus, akka carraa ta'ee Niwkaasil, Cheelsiifi Maanchister Siitii morkattoota jajjbootu itti dhufe.

    Sababni kan biraan taphoota hedduu taphachuufi boqonnaa dhabuurra akan ka'e dadhabbii qabaachuudha

    Sababni biraan ammoo morkiiwwan liigota Awurooppaa kaan caala morkiin Piriimiyeer Liigii keessa jiru akka malee jabaa ta'uu xiinxaltootni ni himu.

    Amma Nuus-Xumuraatti Liiverpuul PSG waliin Baarseloonaan Atileetikoo waliin, Riyaal Maadriid Bayeer Muuniik waliin, Arsenaal ammoo Ispoortiing waliin wal fallmu.

    Opotaa Suppar Kompiitar tilmaama haaresseen Arsenaal bara kana Shaampiyoona Awurooppaa ta'uuf hiree guddaa qaba jedheera.

    Arsenaal shaampiyoonaa ta'uuf dhibbeentaa 29.73 kenneera.

  10. Iraan namoota mootummaa morman sadii fannniste

    Iraan namoota sadii Amajji keessa yeroo mormiin mootummaa irratti guutummaa biyyattii keessatti gaggeeffametti poolisoota lama ajjeesuun yakkamoodha jedhaman fannisuu ishee Rooyitars madda oduu mana-murtii Iraan kan ta'e Miizaan eeruun gabaaseera.

    Manni-murtichaa akka jedhetti namoonni kunneen ajjeechaa yakkamoo ta'uun isaaniifi gara Israa'eliifi US goruu dabalatee "Waaqayyorratti waraana banuun" yakkamoo ta'aniiru.

    Mormiin mootummaarratti ka'e kun jalqaba sababa dinagdeetiin ka'uun boodarra gara sadarkaa guutummaa biyyaatti mootummaa Iraan balaaleffachuutti guddate.

    Akka madda oduu Aktivistii Mirgoota Namoomaa US keessa jiru HRANA jedhamuutti yeroo mormiin kun gaggeeffamaa turetti namoonni 6,488 ajjeefamaniiru. Lakkoofsi namoota ajjeefamanii kun daa'imman 236, dubartoota 76, akkasumas milishootaafi humnoota mootummaa 207b ajjeefaman hin dabalatu.

    HRANA tarkaanfii humnoonni Iraan mormicha dhaabsisuun fudhataniin booda ajjeechaa 11,744 qorataa jiraachuu hime.

    Iraanitti mormii mootummaa irratti gaggeeffamaaniin wal qabatee namoota irratti adabbii du'aa yoo murteessitu kan kan jalqaba amiti.

  11. Edaa kaasee waraana Iraanii wajjin wal qabatee taatewwan deemaa jiran

    • Iraan buufanni boba'aa ishee Saawuz Paarsi jalaa haleelamuu himte. Iraan haaloo jabaaf dhaadatte.
    • Iraan buufata boba'aa Kaatar Raas Laafan haleelte. Kaataar immoo Iraaniin "balaa Baha Jiddu-galeessaa" jechuun mirga of qolachuu ishee akka fayyadamtu ibsite.
    • Buufanni boba'aa Kaataar rukutamuu booda Pirezdant Tiraamp buufataalee boba'aa Iraan barbadeessuf dhaadate.
    • Saawud Arabiyaan haleellawwan buufata boba'aa isheerratti raawwataman fashalsaa jiraachuu ibsite. Haleellaa buufataalee boba'aa aggaa'ame hordofee namoonni afur Riyaad keessatti madaawan.
    • Israa'el erga waraanni kun eegalee si'a jalqabaatiif kaaba Iraan haleeluu ibsite.
    • Iraan Israa'el irratti haleellaa haaloo bahiinsaa misaayelaan raawwatteen Israa'el keessatti dubartiin paalestaayin takkaa fi lammiin biyya tajaajila gargaarsa namoomaa kennaa ture ajjeefaman.
    • Iraanii fi biyyoota Galoo Galaanaa jidduu wal amantaan kan yeroo kamii ol gadi bu'uu Xiinxalaan nageenyaa BBC, Firaank Gaardnar hime.
    • Pentaagon bajata waggaa dolaara biliyoona 200 akka mirkaneessuu Waayit haawus gaafachuu Washington post gabaase.
    • Dooniin takka Galoo Galaana Parshiyaa keessatti haleelamuu, UKMTO hime. Dooniin tun kaaba Rass Laafan [buufata boba'aa Kaataritti) haleelamte. Hojjettoonni hin miidhamne.
  12. Taphattoonni kubbaa miilaa dubartootaa Iraan kolu-galtummaa Awustiraaliyaan kenniteef dhiisanii biyyatti deebiyaa jiru

    Taphattoonni kubbaa miilaa kan dubartootaa Iraan kolu-galtummaa Awustiraaliyaan kenniteef didanii biyyatti deebiyaa jiraachuutu himame.

    Miseensota dubartoota garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Iraan dorgommiif gara Awustiraaliyaa deemanii turan keessaa achuma kolugaltummaan turuu taphattoota barbaadan shan keessaa yaada isaanii jijjiiranii miseensota garichaa kaan waliin gara biyyasaaniitti deebiyaa jiru.

    Gara biyyasaaniitti deebiyuudhaaf Awustiraaliyaa irraa karaa Maleezhiyaa fi Omaanirraan Turk kan gahan gareen kubbaa miilaa dubartootaa Iraan, atoobusiidhaan karaa daangaarraan gara Iraanitti deebiyu jedhameera.

    Baniinsa Waancaa Eeshiyarratti faaruu alaabaa biyyaalessaa biyyasaanii yeroo faarfamutti callisuu isaaniitiin tarkaanfii haaloo irratti bahuuti isaan eeggata yaaddoo jedhuun miseensonni garee kanaa baayyeen jalqabarratti Awustiraaliyaa turuudhaaf kan isaan dandeessisu viizaa dahoo eegumsa namoomaa argachuuf barbaadanii turan.

    Sababa kanaan aanga'oonni biyyasaanii kan yeroo ammaa waraana keessa jirtuu "gantoota" isaaniin jechuun qeeqanii turan. Boodarra garuu dhiibbaa isaanirratti taasifame dura dhaabbachuun gara biyyasaaniitti deebiyuuf murteessuu isaaniitiin, "karoora diinaa" fashalsiisuu isaaniitiin jajamaa jiru.

    Warri mirgoota namoomaaf falman garuu taphattoonni kubbaa miilaa dubartootaa gaaffii kolugaltummaa isaanii dhiisuuf kan dirqamaniif maatii isaanii Iraan keess ajiranirra miidhaan akka ga'uuf doorsisii fi dhiibbaan waan irratti taasifameefidha jedhu.

    Taphattoota garee biyyaalessaa kanneen keessaa lama qofaatu gaaffiin kolu-galtummaa isanii fudhatama argatee gara biyya isaaniitti osoo hin deebiyiin hafaniiru.

  13. Ministirri tikaa Iraan Ismaa’il Kaatib haleellaa qilleensaa ajjeefamuu Iraan mirkaneessite.

    Pireezdaantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan “ajjeechaa gara jabinaa ” kanaan Iraan hedduu gadduu ibsan. Israae’l hogganaa Olaanaan nageenyaa biyyattii Alii Laarijaanii fi hogganaan garee humnoota waraanaa Baasij, Golaamreezaa Soleemaanii, ajjeefamanii guyyaa tokko booda Roobii kaleessaati qondaalli kun kan ajjeefaman.

    Erga Hogganaa Olaanaan biyyattii Ayaatolaa Alii Kaamenii lola guyyaa jalqabaatiin ajjeefamnii kaasee aangawoonni olaanoofi ajajoonni waraana Iraan hedduutu haleellaa US fi Iraaniin ajjeefame.

    Roobii ministirri ittisaa Israa’el, Israa’el Kaatzi, Ismaa’il Kaatib haleellaa Israa’el Teehraan irratti raawwatteen ajjeefamuu mirkaneessaniiru.

  14. Buufataaleen boba'aa haleelamuun gatiin boba'aa barmeela tokkoo $110 caale

    Iraan buufataalee oomisha boba'aa uumamaa haleeluu ishee miidiyaan mootummaa Iraan gabaasuu hordofee gatiin boba'aa barmeela tokkoo dolaara 110 caale.

    Boba'aan jikitaa Bireenti barmeela tokkoo Kamisa gabaa Eeshiyaatti dolaara 112 gahe. Kun kan Kibxataa 5%'n caala.

    Gaasiin UK immoo 6%'n dabaluun paawundii 143'tti gurguramaa jira.

    Kaampaaniin boba’aa Iraan Saawuz paarsi haleelamuu hordofeeti daballiin akkanaa kan uumame jedhame. Kaampaaniin boba’aa Kaatar Rass Laffan Iraanin haleelamuun miidhaan jabaan irra gahe.

    Gatiin zayitaa fi gaasii akka malee kan ol ka’e. Zayitiin dolaara 116.7 gaheera. Gaaziin UK paawundii 162.55 gahe. Aangawaan Iraan abiddi buufataa Kaampaanii boba’aa isheetti qabate to’atamuu ibsuu ishee Tasnim gabaase.

Trending Now