Haleellaan Libaanosirratti raawwatu dhaabachuu baannaan 'deebii gaabbiirratti hundaa'e' akka kenni IRGC ibse

Madda suuraa, Reuters
Humni Eegduu Warraaqsa Iraan IRGC haleellaan Libaanos irratti raawwatamu atattamaan hin dhaabatu yoo ta'e deebii gaabbiirraa madde akka raawwatu ibsuu miidiyaan biyyaalessaa Iraan IRIB jedhamu gabaase.
IRGC ibsa telegiraam gubbaa baaseen ''warra Yunaayitiid Isteets waadaa cabsuufi michootasaanii yakkaa kan ta'an warra Tsiyooniif akeekkachiisa jabaa qabna'' jedhe.
''Weerarri michuu keenya Libaanosirratti raawwate atattamaan hin xumuramu yoo ta'e, nuti gahee keenya ni baana, deebii gaabbiirraa madde weerartoota naannichaaf kennina.''
Ejensiin oduu biyyattii (IRNA) ammoo aanga'aa IRGC dubbisee ''Hezbollaa isa ofitti amanamummaa qabu haleeluun Iraaniin haleeluudha. Waraanichi bulchiinsa yakka hamaa kana raawwatu(Israa'el) kanaaf deebii jabaa kennuuf qophaa'aa jira'' jechuu gabaase.
Haleellaa Israa'el guyyaa har'aa Libaanos bakka adda addaatti raawwatteen ogeeyyii fayyaa 12 dabalatee namootni89 ajjeefamuu Ministeerri fayyaa biyyattii Rooyitarsitti himeera.
Lakkoofsi namoota madaa'anii 700 gaheera.
Erga Israa'el Libaanosirratti haleellaa bantee namootni 1,500 ajjeefamaniiru.









![Dhukaasa dhaabuu kan ifa godhe Ministira Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariifidha [mirgarra kan jiran]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/vivo/live/images/2026/4/8/10104fb6-8db6-4c10-a834-eb241eed9a0f.jpg.webp)





