Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Tiraamp fi aanga’oonni Ameerikaa dhukaasa Waashingitenitti irratti baname jalaa oolan

Dhukaasa irbaata gaazexeessitoota Waayit Hawusirratti gaggeeffameen Doonaald Tiraamp irratti xiyyeeffatamuun “hin oolu” akka bakka bu’aan abbaa alangaa waliigalaa US jedhutti.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Shakkamaan dhukaasa bane Tiraamp fi aanga’ootasaarratti xiyyeeffachuun ‘hin oolu’

    Dhukaasa irbaata gaazexeessitoota Waayit Hawusirratti gaggeeffameen Doonaald Tiraamp irratti xiyyeeffatamuun “hin oolu” akka bakka bu’aan abbaa alangaa waliigalaa US jedhutti.

    “Qorannoon duraa” argame akka agarsiisutti hidhataan dhukaasa banuun shakkame kun miseensota bulchiinsa Tiraamp irratti xiyyeeffate jedha Tood Bilaanch.

    Miidiyaaleen Ameerikaa shakkamaan kun maqaan isaa Kool Tomaas Alleen akka jedhamuufi umuriin isaa wagga 31 akka ta’e himuun, Toraans, Kaalifoorniyaa dhufuu adda baasaniiru.

    Poolisiin ibsa jalqaba kenneen shakkamaan maaliif gocha kana akka raawwate hin beekamne jdhee ture.

    Taatee Kanaan booda ibsa gaazexeessitootaaf kenneen Pirezidant Doonaald Tiraamp ammo “dhimma amantii waliin walqabatudha” jechuun “ Kiristaana cimsee jibba” yaada jedhu kenneera.

    Odeeffannoo kana waliin deeman biroof:

  2. YOOYYAA!

    Toora kallattiin oduu isin biraan geenyu kan har'aa jalqabneerra.

    • Shakkamaan dhukaasa bane Tiraamp fi aanga'ootasaarratti xiyyeeffachuun 'hin oolu' -Abbaa Alangaa Waliigalaa
    • Dhukaasa sagantaa irbaata gazexeessitoota Waayit Hawusirratti tureen Tiraampirra miidhaan hin geenye, shakkamaan to'atameera
    • Viidiyoo yeroo Tiraamp dhukaasa Waashingitenitti irratti baname jalaa miliqfamu agarsiisu daawwadhaa
    • Waayee dhukaasa Tiraampiin sagantaa irbaataarraa baqachiisee maal beekna?
    • Odeeffannoo guutuu dhimmoota waraana Iraan, Baha Giddugaoleessatti deemaa jiru dabalatee wantota amma addunyaarratti ta'aa jiran argachuuf: Marsartii, Facebook, Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

    NU HORDOFAA!

Trending Now