KALLATTIIN, Mariin US fi Iraan Paakistaan kallattiin keessatti hirmaattu eegalame

Mariin US fi Iraan Paakistaan kallattiin keessatti hirmaattu eegalamuu maddeen BBCtti himan. Wayita mariin eegalame kanatti Pirezidnatiin US Doonaald Tiraamp Iraan ''guddoo mo'atamte'' jechuun barreesse.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mariin kallattii Iraaniifi US gidduuseentummaa Paakistaaniin eegalame

    Mariin US fi Iraan Paakistaan kallattiin keessatti hirmaattu eegalamuu maddeen BBCtti himan.

    Wayita mariin eegalame kanatti Pirezidnatiin US Doonaald Tiraamp Iraan ''guddoo mo'atamte'' jechuun barreesse.

    Ergaa dheeraa Truth Social gubbaa maxxanseen miidiyaaleen Iraan waraana kanarra aante jedhanii gabaasuu jaalatu dhugaan jiru garuu ni mo'ataman, guddoo mo'ataman'' jedhe.

  2. Arsenaal dirreesaatti 2-1n Boornimaziin mo'ame

    Morklii murteessaa Arsenaal dirreessaatti Boornimaaziin keessummeesse irratti hiree garaagartummaa qabxii Siitii waliin qabu sagal irraa gara 12 guddisuu milkeessuu hin dandeenye.

    Taphoota 11 darban kan hin injifatamne Boornimaz boqonnaa booda oolantummaa kubbaa fudhachuun abjuu Arsenaal waancaa liigichaa injifachuuf qaburratti danqaa uumeera.

    Siitiin taphoota lamaan harkaa qabu yoo injifate fi torban dhuftu Arsenaaliin yoo mo'ate Arsenaal waliin qabxii walqixaarra taa'a.

    Boornimaaz ammaan tana kilaboota Awurrooppaa osoo hin injifatamiin taphoota 12 lakkoofsise ta'uun sadarka ajalqabaarra jira.

  3. Qabeenyaa Iraan uggurame gadhiisuuf US tole jette kan jedhu dhugaa miti jedhe aanga'aan

    Qooda gabaa Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Miidiyaan US aanga'aa biyyattii tokko waabeffachuun akka gabaasetti qabeenyaan Iraan akka hin sochoone ugguraman akka gadhiifamann waliigalameera oduun jedhu dhugaa akka hin taane gabaasan.

    Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraan kan jila marii Tehraan hoogganu Mohaammad Baageer Galiibaaf osoodhuma mariinuu hin eegaliin dura qabeenyaan uggurame gadhiifamuu qaba jedheera.

    Haaldureen kun yaada bulchiinsa Doonaald Tiraamp salphaatti fudhatu hin ta'u.

    Aanga'oonni Iraanis kan USs Ministira Muummee Paakistan Sheebaaz Shariif waliin walarganiiru.

    Mariin jalqabaa kun aanga'oota biyyoota lamaaniif fuulaa fuulaatti walitti fidafi hin fiduun ammatti adda hin baane.

  4. Haaldureewwan Iraan keesse yoo hin guutamne mariin haqamuu danda'a- TV Iraan

    -

    Madda suuraa, Iranian Foreign Ministry/EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Jila Iraan Islaamaabaad jiru

    Rippoortarri TV mootummaa Iraan IRINN Islaamaabaadirraa gabaasa kallattiirra turte Iraan haaldureen gaafatte yoo hin guutaminiif marii ni haqxi jette.

    Marii dantaan Iraan keessatti hin eegamne, gaaffiin Iraan itti hin deebine fi sararri diimaan keenye keessatti sarbamu keessaa bahuun akka milkaa'inaatti laalama jette.

    "Dipplomasii ofitti amanamummaa (assertive diplomacy") jechuun ibsite.

    Ganama jilli Iraan Ministira Muummee Paakistaan Shebhaaz Shariif waliin ni mariyata jedhee gabaasee ture, akkasuma mari'ateera jilli Iraan.

    Televiszhiniin mootummaa Iraan haal dureewwan fi sararoota diimaa Iraan, akkasumas dhimma US irraa amantaa dhabuu xiyyeeffannaa kenneefii gabaase.

    Iraan ol aantummaa waan qabduuf haal dureen yoo hin guunnef marii dhiisuu dandeessi jedha miidiyaan kun.

  5. Sanbatni kun nuuf guddaa dha: Paakistaanonni biyya isaaniitti boonan

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Tuuta miidiyaa ibsa eegaa jiru

    Islaamaabaad keessa eegumsi cimeera. Keellaan sakatta'iinsaa hedduudha. Konkolaattonni poolisootaa fi raayyaa biyyattii yunifoormii uffatan baatan guutanii karaarra yaa'u.

    Jila US fi Iraaniif jecha daandiiwwan hedduun sochii kamirraawuu bilisa godhamaniiru.

    Uummata Paakistaan yoo gaafatte, bu'aan marii kanaa waan fedhellee haa ta'u, biyyi isaanii waltajjii dippilomasii addunyaarratti dhageetti akkasii argachuu akka malee isaan akka boonse dubbatu.

    Namni tokko "Sanbanni kun nuuf guddaa dha" jedhe.

    Addunyaan biraa bu'aan marii kanaa maal ta'a kan jedhee hawwiin eega. San amma baruun hin danda'amu.

    Yaadonni garee lamaanirraa kennaman walitti kan bu'an ta'anis, bakka bu'aan Iraan Mohammad Bagher Ghalibaf, marii kanaan duudhaa warraaqsaa sirnichaa eegsisuu akeeka akka qabna jedhan.

    Donaald Tiraamp jijjiiramni sirnaa dhufe jedhe, garuu Iraanonni akkasitti hin yaadan.

    Namoonni murteessoon akka Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtabaa Kameenii fi Mohammad Bagher Ghalibaf mallattoo sirna durii ti.

    Namni kaaba Iraan tokko :"hoggantoonni kunneen kan dur caalaa hamoodha malee hin wayyani" jedhe.

    Paakistaanonni biyya isaaniitti boonan

    Madda suuraa, Usman Zahid/BBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Paakistaanonni biyya isaaniitti boonan
  6. Marii US fi Iraan: Gaaffilee deebi'an afran

    Islaamaabaad marii nagaa US fi Iraaniif qophoofte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Islaamaabaad marii nagaa US fi Iraaniif qophoofte

    Guyyaan marii nagaa US fi Iraan murtaa'ufi, garuu bal'inni isaa hin baramne.

    Gaaffilee ijoo afur marii kanaa wajjin wal qabsiisee ka'an ilaalleerra. Gabaabinaan dhiyeessina:

    Eenyu eenyutu marii kanarratti hirmaata?

    Pirezdantii itti aanaan US JD Vaans magaalaa guddooPaakistaan Islaamaabaad seenera. Isa waliin soddaan Tiraamp fi gorsaan addaa Tiraamp Yaareed Kushnarii akkasumas Ergamaan addaa Baha Jiddu-galeessaa Istiiv Wiitkoof imalaniiru.

    Gama Iraaniin, dhiyoo sagaleen isaa kan akka malee dhagahama dhufe, Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohammad Bagher Ghalibaf, Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii halkan walakkaa Paakistaan galaniiru.

    Gaheen Paakitaan maali?

    Jilli garee lamaanituu Ministira Dhimma Alaa Paakistaan Ishaaq Daar fi Ajajaa Olaanaa waraanaa Paakistaan Asiim Muniiriin simataman.

    Paakistaan jaarsa araaraa ijoo garee wal waraanan kanneenii fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf turuuf eegduu taateerti.

    Mariin kun hagam tura?

    Gabaabumatti kun ifaa miti. Miiidiyaan Iraan, Tasnim News Agency, kan Eegdota Warraaqsaa Iraan waliin hidhata qabu, mariin kun guyyaa tokkoof akka turutti karoorfamuu gabaase. Innis Sanbat-duraa waareebooda jedhe.

    Qormaatiwwan marii kanaa maal fa'i?

    Qormaanniwwan ijoon Iraan Ulaa Hormuuz hudhuu, Libaanos keessaa lolli dhaabbachuu dhabuu fi kuusaa yuraaniyemii Iraan gabbate dha.

  7. Astiroonotni Addeessaa gahanii deebi'an Garba Paasifikii keessa qubatan

    Astiroonota sagantaa Artemis II

    Madda suuraa, Getty Images

    Astiroootni Nasa imala Artemis II jedhamuun gara Addeessaa imalanii turan nagaan dacheetti deebi'aniiru. Astiroonotni kun erga dacheetti deebi'anii booda paaraashuutiin Garba Paasifikiirra bu'an.

    Achiitti doniin dhufee akka isaan fudhatu eegaa jiru. Astiroonotni kun imala guyyoota sagaliin kutaa Addessaa amma dura dhalli namaa qaqqabee hin beekne bira gahanii deebi'an.

    Imalli isaanii kun fuuladuratti dhalli namaa Addeessarratti buufata akka ijaaru haala mijeessa jedhame.

  8. Pirezdantii itti aanaan US JD Vaans Islaamaabaad gahe

    JD Vaans marii nagaaf Paakistaan gahe

    Madda suuraa, POOL

    Ibsa waa'ee suuraa, JD Vaans marii nagaaf Paakistaan gahe

    Jila marii nagaa Ameerikaa kan dursu Pirezdantii itti aanaan US JD Vaans Islaamaabaad (Paakistaan) qaqqabe.

    Xiyyaara imalaaf pirezdaantii itti aanaan dhimma itti bahu US Air Force Two jedhamuun kan gara Paakistaan deeme JD Vaans wayita buufata xiyyaaraa gahu Ministira Dhimma Alaa biyyattii Ishaaq Daar fi Fiild Maarshaal Asiim Muniiriin simatame.

    Ministirri Dhimma Alaa Paakistaa Ishaaq Daar kutannoo US nagaa waaraa naannichaa fi addunyaarratti fiduuf gootu jajan wayita JD Vaansi simatan.

    Iraanii fi US "karaa ijaaruun akka mari'atanii fi Paakistaan gareen lamaan dhibdee Baha Jiddu-galeessaaf furmaata waaraarraa akka gahaniif haala mijeessuu itti fufti" jedhan.

  9. Aanga'oonni Libaanosiifi Israa'el Kibxata dhuftu UStti walarguufi

    Balaa Libaanositti qaqqabe

    Madda suuraa, Reuters

    Ambaasaaddaroonni Israa'eliifi Libaanoos US jiran dubbii yeroo jalqabaaf bilbilaan godhaniin dhukaasa dhaabuu labsuufi marii nagaa kallattii eegaluuf akka walargan beeksisan.

    Waajirri Pireezidantii Libaanoos Ambaasaaddaroonni lamaan Kibxata walargauuf waliigaluusaanii beeksiseera. Qondaalli waajira Pirezidantii tokko mariin kan gaggeeffamu yoo dhukaasni dhaabate akka ta'e himeera.

    Waashingitanitti ambaasaaddarr Israa'el marii nagaa idileen Libaanos waliin ni gaggeeffama jechuun mirkaneesseera. Haata'u malee israa'el Hezbollaa waliin dhukaasa dhaabuurratti walii hin galtu jedhe.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu ''gaaffii irra deddeebii mootummaa Libaanos irraa dhiyaate'' bu'uura godhachuun mariin kun akka jalqabu hayyamuun gabaafameera.

    Dhimmi Libaanos dhukaasa dhaabuu Iraaniifi US irratti waliigalan keessa jiraachuufi dhiisuun falmiifi muddama kaasee ture.

    Mariin kallattii Israa'eliifi Libaanos gidduu amma dura gaggeeffaman hedduu milkaahoo hin turre. Qaamoleen lamaan karaa qaama sadaffaa walitti dubbatu.

  10. Iraaniifi US faara gaariin gara marii akka seenan Gutareez waamicha dhiyeessan

    Antooniyoo Gutareez

    Madda suuraa, EPA

    Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez marii nagaa Paakistanitti qophaayeef dinqisiifannaa qaban himanii, qaamoleen lamaanuu ''faara gaariin'' akka dhiyaatan gaafatan.

    Ibsa guyyaa Jimaataa miidiyaaleef kenname irratti dubbii himaan Gutareez Isteefan Dujaariik carraa dippiloomasii kana qaamoleen lamaan akka gaariitti akka itti dhimma bahan waamicha dhiyeesseera'' jedhe.

    Dabaluunis waliigaltee waaraa fi hunda hammataarra akka gahan, galmisaas muddama kan tasgabbeessuufi waraanni akka hin deebine godhu ta'uu qaba jedhe.

    Marii malee karaa biraan dhibdeen itti furamu hin jiru jedheera.

    Ergamaan addaa Gutaares yaalii dippiloomasii kana deeggaruuf naannicha jiraachuun gabaafameera.

  11. Aanga'aan Iraan mariif Islaamaabaad jiru, 'faara gaarii qabaannus amantaa garuu hin qabnu' jedhe

    Magaalaa Islaamaabaad

    Madda suuraa, Getty Images

    Mariin nagaa Iraaniifi US gidduutti Paakistaanitti gaggeefamu har'a jalqabuu dura garas kan imale bakka bu'aan Iraan mariif faara gaarii qabaatanis amantaa garuu akka hin qabne dubbate.

    Jila marii nagaa Iraan kan dursu af-yaa'iin Paarlaamaa Iraa Mohaammad Bageer Gaaliibaaf Islaamaabaad galuu booda yaada kenneera.

    ''Faara gaarii qabna garuummoo amantaa hin qabnu'' jedhe.

    Muuxannoon marii nagaa amma dura Ameerikaa waliin qabaanne hanqinootaafi waadaa cabsuun kan. guutameedha'' jechuunis dubbate.

    Guyyaa kaleessaa Pirezidant Tiraamp tarii mariin kun yoo milkaahuu baateef lola hamaatti galuuf dooniisaaniitti meesha waraanaa fe'aa jiraachuu dubbateera.

    Pirezidantii itti aanaan JD Vaansi ammoo Iraan UStti akka hin qoosne akeekkachiise.

  12. 'Dooniiwwan keenyatti meeshaa waraanaa fe'aa jirra'- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp tarii mariin Islaamaabaad yoo milkaahuu baateef jedhanii dooniiwwan isaaniitti meeshaalee waraanaa ''qabna jedhe'' fe'aa jiraachuu dubbate.

    Jimaata har'aa yaada bilbilaan New York Post jedhamuuf kenneen hiree marii kanaa sa'aatiiwwan 24 dhufan keessatti barra'' jechuu barruun kun gabaase.

    ''Meeshaalee waraanaa jiru jedhaman, kan yeroo isaan burkuteessine fayyadamne caalan dooniiwwanitti fe'aa jirra'' jedhe Tiraamp.

    ''Yoo waliigalteerra gahuu baanne, itti fayyadaman. Akka gaariitti itti fayyadaman.''

    Waayee ejjennoo Iraan gaafatamee deebii kenneen ''warri Iraan kan dubbatan dhugaa ta'uufi dhiisuu baruun hin danda'amu'' jedhe.

    Mariin Iraaniifi US gidduutti gaggeeffamu Sambata boruu Islaamaabaaditti gaggeeffama.

    Yaada Truth Social gubbaa kaaheen ammoo ''sababni warri Iraan lubbuun jiraaniif marii gaggeessuufi'' jedhe.

    Amma Iraan of harkaa kaardii ittiin dhiibbaa gootu hin qabduu jechuun ''sababni takkittiin lubbuun jiraniif marii kanaafi'' jedhe.

  13. Gareen kun Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa akka injifatu 'amantaa guddaan qaba'- Mikeel Arteettaa

    Mikeel Arteettaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa gareensaa bara kana yeroo duraaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa injifachuu akka danda'u amantaa guddaa qabaachuu hime.

    Amantaa ''baayyee guddaa. Sababnisaas garee kana guyyaa guyyaanin argaa jira. Hunda dura akka kilabaattis akka gareettis humna qabnuudha-fedhii injifachuuf jiru. Hiree nu fuuldura jiru hubanneerra, Milkeessuudhaaf waan dandeenyu ni goona'' jedhe.

    Morkii nuusa xumuraa marsaa jalqabaa boodas Arsenaal Shaampiyoonaa Awurooppaa ta'uuf tilmaama jalqabaa akka qabu tilmaamni Opta Super Computer ni agarsiisa.

    Arsenaal morkii Piriimiyeer Liigii qabxii sagaliin dursaa jira. Sambata boruu dirree ofiitti Boornimaz keessummeessa.

    Arteettaan taphni kun ''baayyee guddaadha'' jedhe. Deeggartootaan ''ganamaan ka'aa, ciree keessan ganamaan nyaadhaa, laaqana keessan qabaadhaa yeroon argamaa'' jedhe.

  14. Waa'ee dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darbaa jiranii maal beekna?

    Doonii Ulaa Hormuuzirra deemu

    Madda suuraa, Reuters

    Dhukaasa dhaabuun Ameerikaafi Iraan Kibxata labsamuun booda dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa bilisaan akka darban eeyyamuun qaama waliigalteeti.

    Haa tahu malee qabatamaan kuni tahaa hin jiru, Iraan eeyyamashee malee doonii bishaan kanarra darbu nan haleela jetteetti.

    Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsamee as waa'ee dooniiwwan ulaa kana keessa darbanii hangam beekna?

    Akka odeeffannoo sochii galaanarraa to'atu 'MarineTraffic' jedhutti dooniiwwan 18 Kibxataa as Ulaa Hormuuz keessa darbuu himeera. Gaafa Roobii afur, gaafa Kamisaa 10, Jimaata har'aa ammoo afur darbuu beeksisaniiru.

    Dooniiwwan ulaa kana keessa darban keessaa afur taankaroota boba'aa kan fe'an yoo tahu alaabaa Iraan ofirraa qabu.

    Dooniiwwan sadii ammoo boba'aa kan fe'an yoo tahu kanaan dura Ameerikaadhaan qoqqobbiin irra kaa'ameera.

    Tokko ammoo alaabaa Raashiyaa kan qabuufi US bara 2025 qoqqobbii kan irra keesse dha.

    Yeroo baayyee doonii tokko eenyu akka dhuunfatu ifatti hin beekamu.

    Garuu odeeffannoo amma argameen dooniiwwan Hindii, kan dhaabota Chaayinaa keessatti hojjetanii akkasumas sadii biroon ammaoo kan dhaabota Giriikiiti.

    Kaan lamaan ammoo abbaan isaan dhuunfatu ammaaf hin beekamne.

  15. Gara Islaamabaad kan qajeele Vaans waan Iraanirraa eegu dubbate

    JD Vaansi

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantii itti aanaan US JD Vaans marii Iraan waliin godhamuuf wayita gara Islaamaabaad imaluuf xiyyaara Air Force Two koruuf jedhu waan maricharraa eegauu miidiyaaleetti himeera.

    ''Marii qajeelaa ta'a jedheen abdadha'' kan jedhe Vaans ''warri Iraan faara gaariin yoo dhiyaatan US harka bal'istee simatti'' jedhe. Yoo US tti qoosuu yaalti ta'e garuu fudhatama hin argattu jedhe.

    Pireezidant Tiraamp haala mariirratti qajeelfama itti kennee akka jirus dubbate.

    Mariin Iraaniifi US kun magaalaa guddoo Paakistaan Islaamaabaad keessatti gaggeeffama. Samabata kana eegalas jedhamee eegama.

    Vaans waliin ergamaan addaa US kan Baha Giddugaleessaa Istiiv Wiitkoofi akkasumas Jareed Kuushiner ni imalu. Jilli Iraan ammallee akka hin qubanne Islaamaabaad beeksifteetti.

  16. Magaalaan guddoo Paakistaan, Islaamaabaad bakka buutota Iraaniifi Ameerikaa eegaa jirti

    Islaamaabaad

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Dubbii himaan poolisii Islaamaabaad bakka buutonni biyyoota lameenii sa'atii muraasa keessatti akka qaqqaban himus eenyu sa'atii meeqatti akka gahu hin dubbanne.

    Naannoon gamoowwan mootummaa baayyeen jiran funyoo sibilaan cufamee jira.

    Daandiiwwaniifi keellaawwan magaalattii garagaraa irratti sakatta'inisi adeemsifamaa jira.

    Poolisii, humna waraanaafi humnooti addaa nagaa eegsisaa kan jiran yoo tahu gaazexeessitoonni idil-addunyaas biyyattii seenaa jiru.

    Haa tahu malee ammayyuu bakka buutonni biyyoota lameenii Islaamaabaad qaqqabuu isaaniif waanti mirkanaa'e hin jiru.

    Kaleessa Paakistaanitti ambaasaaddarri Iraan bakka buutonni biyyattii eda akka qaqqaban miidiyaa hawaasaa irratti himuun booda deebisanii haqaniiru.

    Paakistaanis gabatee yeroo ifatti beeksistee hin qabu, Waayit Haawus garuu mariin Sambata akka adeemsifamuufi Islaamaabaad eegaa akk jirtu beeksiseera.

  17. Haati warraa riqicharraa utaaltee duunaan abbaan warraa hidhame

    Lii fi Kimbarlii

    Madda suuraa, Facebook

    Dubartiin Kiimbarlii Miilnee jedhamtu riqicha daandii konkolaataa irraa utaaltee duunaan abbaan warraa hidhaa waggaa saddeetiin adabame.

    Dubartiin ganna 28tti iddoo Dundii jedhamutti ture bara 2023tti yeroo riqicharraa utaaltu konkolaattota irratti kuftee kan duute.

    Lii Miilnee nama ganna 40 murtoo gareelee hawaasaa irraa kennameen ajjeechaafi haleellaa mana keessaan baleessaa dha jedhameera.

    Himannaa UK Iskootilaanditti banameen dubartiin kuni riqicharraa ofii utaaltus, abbaan warraashee du'asheef balleessaa dha jedhameera.

    Akka poolisiin jedhutti Kiimbarliin ''akkaan raatoftee ture'' gochaan raawwatees abbaa warraasheerraa baqachuuf jetteeti jedhe.

    Abbootiin alangaa Kiimbarliin otoo hin du'iin dura harka abbaa warraashee irratti baatii 18f haleellaan irra gahaa ture jedhan.

    Ishee hudhuu, rifeensashee ciruu, reebicha, itti dheekkamuufi arrabsoon fa'a irra gahaa ture.

    Namni kuni hidhaa isaa xumuree erga gadhiifameen boodas waggaa sadii dabalataaf ni hordofama.

  18. Paakistaan qophiitti jirti, mariin nagaa kun garuu itti fufaafi ni dhiisaa wanni beekamu hin jiru

    Islaamaabaad marii nagaaf qophii godhaa jirti

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Islaamaabaad marii nagaaf qophii godhaa jirti

    Paakistaan qophiitti jirti, mariin nagaa kun garuu itti fufaa fi kaan wanni beekamu hin jiru.

    Mariin nagaa US fi Iraan qondaalota olaanoon durfamu, kan yaaddoo olaanaanis guutame Islaamaabaad qopheessitu Sanbat-duraa taa'amuuf jiraa?

    "Lakkii hanga ammaa hin goolabamne" jedhe qondaalli olaanaan ministeera dhimma alaa Tehraan Jimaata ganama yoo gaafannetti.

    Gabaasaaleen kaleessa bahan, kan jilli Iraan Paakistaan gahe jedhus haalamaniiru. Maxxansi tokkos miiidyaa hawaasummaarraaa haqameera.

    Garuu, qophiin jabaan Paakistaan keessatti godhamaa jira, kunneen mariin kun akkuma karoorfame akka raawwatamuuf jiru mirkaneessu.

    Miidiyaan Iraan Tasnim news agency, kan Eegdota Warraaqsa Islaamaatti dhiyoo ta'e, kaleessa akka gabaasetti Libaanos keessaa dhukaasi waan hin dhaabbatiniif mariin kun tursiifamuu gabaase.

    Itti aanaan ministeera dhimma alaa Iraan, Sa'iid Kaatibzaadeh, waan jira BBC Today'tti dubbateera.

    Tooftaa marii balaafamaa ta'uu mala garuu Iraan filannoo qormaataan guutametu ishee eeggata- michuu ishee jabduudhaan wal dhabuu, ykn dippilomasii murteessaa balaarra buusuu?

    Akkuma mariin dhukaasa dhaabuu haala muddaa fi daqiiqaa dhumaarratti murtoo argate, mariin nagaa kunis akkasuma fakkaata.

  19. Eegumsi cimeera, karaan cuccufame: Marii nagaa US fi Iraaniif Paakistaan qophiitti jirti

    Qophii marii nagaatiif Paakistaan gootu

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Qophii marii nagaatiif Paakistaan gootu

    Paakistaan marii nagaa Iraanii fi US qopheessaa jirtuuf qophaawaaa jirti. Jila gareewwan Iraanii fi US marii sanbattan kanaa simachuuf shir jechaa jirti.

    Biyyattiin jaarsummaan biyyoota lamaan walitti fiduu keessatti qooda ijoo bahatte. Torbaan lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru biyyoonni lamaan.

    Suuraawwan bahan akka agarsiisanitti magaalaa guddoo biyyattii Islaamaabaad kan teessoo waajjiraalee mootummaa fi maandhee imbasiiwwanii taate keessatti eegumsa jabaateera. Daandiiwwan cuccufamanii jiraachuu gabaasaan BBC kan Paakistaan gabaaseera.

    Oduu kana waliin walqabatan biroof:

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaalee mana pireezdaantii fuulleedhaa yoo gabaasan
  20. Israa'el fi Hezboollaan wal haleelaa bulan, Tiraamp Ulaa Hormuuz irratti Iraan qeeqaa jira

    Doonii karaa Ulaa Hormuuz darbee jiru

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Israa’el meeshaa Hezboollaan ittiin rookkeetti dhukaasu rukkutuu yoo ibsitu, gareen hidhataa Libaanos keessa maadhefate kun ammoo deebii isaa Israa’el keessatti bakka baayyeerratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeesseera.

    Waraanna Israa’el fi Hezboollaa akkuma itti fufee jiruun, Libaanos dhukaasa dhaabuu Ameerikaa fi Iraan gidduutti irra ga’amee ammallee amansiisaa hin ta’iin jiru keessatti hiree qabaachuun qaba jechuun falmaa jirti. Kun ammoo marii nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti dhume-torbee kana beellamame dursee muddamni akka hammaatu godheera.

    Kamisa, ministirri muummee Israa’el Benjaamiin Netaaniyaahuu, Israa’el “Hizboollaa humnaan haleeluu” itti fufti jechuun “Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuun akka hin jirre” dubbate.

    Kun osoo kanaan jiruu, Pirezidant Doonaald Tiraamp akkaataa Iraan Ulaa Hormuuz itti qabataa jiru sirrii miti jechuun qeeqaa jira. Ulaa Hormuuz banaa gochuun ammoo dhimmoota ijoo waliigaltee dhukaasa dhaabuu keessaa isa ijoodha.

    Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti wal walitti aansuun, Iraan ula abishaaii kana sirreessitee gaggeessuurratti “ hojii baayyee dadhabaa” jirti jechuun karaa boba’aan addunyaa %20 ta’u keessa darbu kana keessa “dooniiwwan darban akka hin kaffalchiifneef” akeekkachiiseera.

    Odeeffannoo biroo kana waliin walqabatan:

Trending Now