Itoophiyaan biyyoota kamirraa boba'aa galfatti, hirkatummaa kana keessaa akkamiin baati?

Madda suuraa, GCC
Itoophiyaan erga waraanni Baha Giddu Galeessaa eegalee yeroo lama daballii gatii boba'aa taasiftee jirti. Daballii qofaa utuu hin taane hanqinni guddaan uumaamee konkolaatotni magaalota heddu keessatti hiriranii mal'atu.
Guyyaatti gara boba'aa barmeela kuma 60 hang kuma 100 kan fayyadamtu Itoophiyaan erga ijaarsi buufata xiyyaraa Bishooftuu eegalee ammoo harka muraasa daballiin mul'ateera. Garuu sababa waraana birqabaan isherraa fogootti adeemsifamaa jiruun dhiibbaa guddaa keessa galtetti.
Akkaataa boba'aa qusannoon fayyadamtu irratti tarkaanfiwwaan ittin dandamachuu dandeessuu adda addaa keessuus ammatti waan milkaa'e hin fakkaatu.
Ulaan Hormuuz cufamuun Itoophiyaa qofa utuu hin taane guutuu addunyaatti jeeqamaa fi hanqina boba'aa uumera. Ta'ullee dhiyeessiin boba'aa Itoophiyaa guddaan Baha Giddu Galeessaa irratti hirkachuu isaatin dhiibbaan isaa cimaadha.
Itoophiyaan boba'aa hin oomishtu. Warshaalee boba'aa calalanis hin qabdu. Kanaaf boba'aa isheef barbaachisu harka dhibba alaa galchiti.
Gabaasaaleen idil-addunyaa fi mootummaa Itoophiyaa akka agarsiisanitti biyyattiin boba'aa biyya alaatii galchituuf waggaatti gara doolaara biliyoonaan 4 hanga 4.5 olitti tilmaamamu baasti. Daballii amma taasifame kana tilmaama keessa utuu hin galchin jechuudha.
Biyya ulaa galaanaa hin qabne ta'uu isheetinis haalli baasii fi boba'aa biyya alaatii galchuu walxaxaa fi qaala'aa akka ta'u taasisera.
Oomishaaleen boba'aa harki caalaan (gara %80) karaa buufata Jibuutiin gara biyya keesatti gala.
Garuu Itoophiyaan biyyoota kamfaa irraa boba'aa baay'inaan galfataa turte ?Filannoon biraa Itoophiyaan qabdu maali?
Biyyoota Galoo Galaanaa

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka ragaan adda addaa ibsanitti, Itoophiyaan boba'aa ishee harka caalu biyyoota Galoo Galaanaa irraa galfatti.
Dhiyeessitoota boba'aa olaanoo Itoophiyaa yeroo dhiyoo kan bara 2025/2026 keessaa kanneen adda durummaan eerman:-
Kuweet- Kuweet erga yeroo dhihooti as dhiyeessituu guddaa boba'aa Itoophiyaa yoo taatu, keessumaa Benziinaa fi Naafxaa Itoophiyaan galchitu keessaa tilmaamaan gara harka 50 qabatti.
Walumaa gala boba'aa konkolaattotaa, hojii qonnaa fi jenereetaroota adda addaa sochoosan keessatti dhiyeessiin Kuweet guddadha.
Yunaayitid Arab Emireet (UAE) - Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii fi michummaa daldalaa cimaa waan qabaniif biyyoota galoo galaanaa dhiyeessii boba'aa fi teknoolojii muraasaa keessaa ishee tokko.
Boba'aa calaalamee qulqullaa'e akka (Naafxaa beenzila, boba'aa xiyyaaraa ) dhaabbilee daldalaa boba'aa Itoophiyaaf dhiyeessiti.
UAE'n wiirtuuwwaan qulqulleessituu boba'aa addunyaa gurguddaa kan qabdu yoo ta'u oomishaalee boba'aa xumuraman karaa dhaabbilee daldalaatiin biyyoota hedduuf dhiyeessaa turte.
Haa ta'uu malee wirtuwwaan boba'aa calalan kunneen misaa'elaa fi Diroonii Iraaniin haleelamaa turan. Kun waraanaan boodallee rakkoon boba'aa itti fufuu danda'aa isa jedhuuf yaaddoo cimaa ta'eera.
Saa'ud Arabiyaa fi biyyoota biroo;- Daldaaltootni fi dhabbileen dhiyeessitoota boba'aa wayita hanqinni boba'aa Kuweet ykn UAE tti mul'atu akka filannoo gaaritti Saawudii fayyadamu. Haleellaan Iraan warshaa boba'aa Raas Taanuuraa Sa'ud Arabiyaa irratti raawwatame egeree dhiyeessii boba'aaf qormaata ta'uu mala.
Itoophiyaan akkasuma biyyoota naannawa Baha giddu galeessaa kanneen biroo irraas yeroon itti galchitu jira.
Walumaa gala dhiyeessiin boba'aa Itoophiyaa harki 90 ol biyyoota kanneen irratti hirkatee jira.
Akka ragaaleen eeranitti sababni daldaltootni Itoophiyaa biyya alaatii galchan yeroo baayyee oomisha boba'aa qulqullaa'e Arab Emireeti fi biyyoota galoo galaana irraa bitaaniif gatii madaalawan dhiyeessuu fi daandiiwwan doonii amansiisa ta'an waan turaniifi.
Amma kun hundi sababa waraanaan waan jeeqameef dooniwwaan Boba'aa Itoophiyaan bittee muraasnillee akka boba'aa fe'anitti ulaa ittin darban dhabanii dhabataa akka jiraan mootumaan Itoophiyaa tibbana ibsuun ni yaadatama.
Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Itoophiyaa sababa waraanaan gatiin boba'aa addunyaa sadarkaa olaanaan waan dabaleef gatii boba'aa biyya keessaa irrattii fooyyessii taasifamuu ibsa baaseen hubachiisee ture.
Ulaan Hoormuuz cufamuu isaanis boba'aa biyyoonni akka Sa'ud Arabiyaa, Kuweet, Eemireetonni Araba Gamtoomaniifi Iraaq guyyaatti dhiyeessan barmeelli miiliyoona 100 fi miiliyoona 40 addaan cituu eere.
Sababa kanaanis dooniiwwan Itoophiyaa sadii boba'aa naafxaa adii meetirik tooniin kumni 100 fi kumni 20 fi boba'aa xiyyaaraa meetirik toonii kuma 60 fe'an biyyoota galoo galaanaa dhaabbatanii akka jiran ibsuun ni yaadatama.
Biyyoota Eeshiyaa fi Kaan

Madda suuraa, Alamy
Dhiyieessiin boba'aa Itoophiyaa harki 90 ol biyyoota Galoo Galaanaa irraatti kan hirkate yoo ta'u harki kudhan ammoo biyyoota Eeshiyaa muraasaa fi kanneen birooti. Isaan keessaas:-
Hindii:- Dhaabbileen Hidii kanneen akka Koorporeeshinii Boba'aa Hindii fi Indaastiriiwwan Riilaayansii boba'aa akka Naafxaa fi beenzila calalanii gabaa Afrikaaf dhiyeessuun beekamu.
Itoophiyaanis keessumaa yeroo haalli geejjibaa Baha Giddugaleessaa harkifatu ykn gatiin dabalu akka filannootti Hindirraa bitatti.
Hindiin gatii gaarii fi dandeettiin qulqulleessuu guddaan gabaaf waan dhiyeessituuf biyyoot Afrikaa biratti akka filannoo gaaritti ilaalamti.
Singaapoor:- Singaapoor oomishaa boba'aa Jikitaan osoo hin taane wiirtuu daldalaa fi kuusaa boba'aa addunyaa guddaa taatee tajaajilti. Itoophiyaanis darbee darbee boba'aa dhaabbilee achitti kuusaa qabani fi gabaa addunyaatti gurguran irraa bittee gara biyyaatti galchiti.
Chaayinaa:- Chaayinaan akka biyyoota galoo galaanaa idileedhaan boba'aa Itoophiyaaf hin dhiyeessitu. Yookan gaheen Chaayinaan damee boba'aa Itoophiyaa keessatti qabdu sadarkaa lammaffaadha.
Haata'uu malee, biyyootni lamaan waligaltee daldala tarsimaawaa ta'e waan qabaniif akkasumas darbee darbee yeroo haalli gabaa mijataa ta'etti boba'aa qulqullaa'e kan dhiyeessituudha.
Kaanaaf Chaayinaan dhiyeessituu kallattiin olaantummaa qabdu ta'uu baattuus invastimantiif ykn dhaabbileen Chaayinaa Itoophiyaa keessa socho'an akkasumas ijaarsa bu'uuraalee misoomaa biyyaa keessatti hojjaattuuf bobaa'aan Chaayinaan qulqulleessuun gabaa addunyaaf dhiyeessitu akka argamu ragaalee fi xiinxaltoonni dhimma anniisaa kan himan.
Garuu y eroo dheeraa keessatti Chaayinaan ce'umsa anniisaa Itoophiyaa keessatti akka michuu ijootti fudhatamaa jirti.
Biyyootni akka Chaayinaas ta'ee Hindii Jikita biyyoota boba'aa omishaan adda addaa irraa bituun calalanii kan dhiyeessan yoo ta'u kana gochuuf ammoo Ulaa Hormuuz keessa darbuu qabu. Amma hulaan Hormuuz hin banamnetti ammoo dhiyeessini isaanii akka filannootti dhiyaachuu hin danda'uu jechuudha.
Walumaa galatti Itoophiyaan kallattinis ta'ee al-kallattiin wiirtuuwwan qulqulleessitoota biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Raashiyaa fi kanneen biroo irraa boba'aa galfataa turtee jirti. Garuu hangi bittaa boba'aa biyyoota galoo galaanan alaa dhibbeenta 10 gadi.
Itti aanee maaltu ta'a?

Madda suuraa, MO
Mootummaan Itoophiyaa dhiyeessiin idilee akka addaan hin cinneef tattaaffii gochaan jira jedhe.
Haata'u malee, dhiibbaan deeggarsaa mootummaarra jiru Birrii biiliyoona 200 fi biiliyoona 72 ol qaqqabuu hime. Daballiin meeshaalee fi qal'iinsi jereenyaa ammumarraa akka malee dabalaa jira.
Hayyuu dinagdee fi Kolleejii Ameerikaa Koolinitti barsiisaa kan ta'an Pirofeesar Mohaammad Abbaa Jabal Xaahiroo Waraanni Baha Giddu galeessaa bakkaa oomishaa fi boba'aan itti calalamu barbadeessaa waan jiruuf hanga waraanatti qofa utuu hin taane waraanaan boodallee rakkoo cimaa ta'ee itti fufu akka danda'u tilmaama kaa'u.
Jeeqamni addunyaa sababa waraana baha giddu galeessaa keessatti taasifamuu kun gabaa addunyaa irratti gatii boba'aa qofaa utuu hin taane baasii inshuraansii dooniwwaan galaanaa ni qaalessa.
Akkuma waliigaltti yeroon geejjibaa ni harkifata, dhiyeessin ni hir'ata, gatiin meshaalee alaa galanii qofaa utuu hin taanellee kan biyya keessatti oomishamaniis qaala'uun rakkoo cimaa geessisuu akka danda'u ibsu.
Itoophiyaatti dinagdee fi dhabbileen oomishaa, warshaaleen geejjibni fi qonnillee harki caalaan boba'aa irratti waan hirkatuuf hanqinni boba'aa uumamuu qofaa utuu hin taane dinagdeen ishee qormaatni cimaan akka muudatu ni taasisa jedhu ogeessi dinagdee kun.
Itoophiyaan boba'aa Doolaraan bitti. Doolara akka barbaaddutti argachuu waan hin dandeenyeef baajata kanneen biroo alaa galchitu akka qorichaa, Maashinoota industirii,xaa'oo fi kanneen biroo irraa kuttee ykn xiqqeessun baasii boba'atti dabaluuf dirqamti. Kunis miidhaa gam biraa biyyattii irratti fiduu danda'a jedhan Pirofeesar Mohammed.
Yoo yeroo gabaabaa keessatti fala yoo hin argatin, dhiyeessii boba'aa qofa osoo hin taane diinagdee Itoophiyaa guutuu jeequuf sodaachisaa jechuun ibsan.
Dhaabbilee oomishaa fi indaastriwwan sababa hinqina boba'aan hanga oomishaa isaanii xiqqeessu ykn guutumaan dhaabuuf waan dirqamaniif hojjattoota hir'isuutti deemu.Kun ammo hojii dhabdummaanillee akka guddatu taasisuun qormaata hawaasummaa fi siyaasaa guddaa ta'a.
Furmaatni maali?

Madda suuraa, PMO
Bob'aan waan biraatiin bakka bafamuuf carraan jiru baayyee dhiphaadha. Indaastriwwaan gurguddoodhaa kaasee hanga maashinoota xixiqqootti kanneen boba'aadhan socho'an hedduudha.
Kana yeroo gabaabatti waan biraan bakka buusuun ulfaataa ta'us, yeroon kun yeroo Itoophiyaan karaa ittin hirkatummaa boba'aa biyya alaa irraatti qabdu xiqqeessuuf of ilaaltu ta'uu danda'aa jedhu ogeessi dinagdee kun.
''Dhaabuun ammas balaa caalu fiduu mala garuu yoo jabaattee xiqqeessuuu danddeessi'' jedhu.
Malli ittin hirkattummaa kana keessaa baatee ittin xiqqeessu dandeessu keessaa tokko Itoophiyaan boba'aa yoo qabatte boba'aa baafachuuf yaaluu akka ta'e himan.
Mootummaan itoophiyaa baatii Onkololeessa 2025 keessa naannoo Somaaleetti, Gaazii Uumamaa Ogaadeen kan waggaatti liitira miliyoona 111 homishuu danda'u eebbisuun ni yaadatama.
Yeruma sanatti marsaa lammaffaatti kan waggaatti liitira biliyoona 1.33 homishuuf danda'u jalqabsiifameera. Warshichi omisha xaa'ootiif galtee murteessaa ta'uun waan ibsameef Itoophiyaan haala kanaan hirkatummaa boba'aa biyya alaa hir'isuu kan dandeessu ta'uu xinxaltootni kan himan.
Dabalataanis anniisaa haaromfamu kan boba'aa bakka bu'ee hojjatu bishaan irraa bubbeerraa soolarii fi kaneen biroo irraa bakka buusuuf yaaluu akka qabdu himu. Gama kanaanis Itoophiyaa bara kana hidha laga abbayyaa xumuruun akkasumas oomisha annisaa Nikuleraa waan jalqabdeef adeemsa yeroo dheeraa keessatti furmaata ta'uu akka danda'u xinxaltootni kan himan.
Pirofeessar Mohammad konkolaattooni Eleektrikaa akka dhuunfatan fi dhaabbileen boba'aa irratti hin hirkannee akka babal'atan mootummaan jajjabeessuu akka qabu dubbatu.
Dameewwan boba'aa irratti hirkatan yeroo gabaabatti gara filannoo biraatti jijjiiruun invastimantii guddaa fi yeroo kan barbaadu ta'us, haalli hammataan kun yeroo Itoophiyaan egeree ishee kajeelfachuuf kutannoon itti kaatu ta'uuf akka carraatti ilaalamuu akka qabullee ogeessi dinagdee kun kan ibsan.










![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)




