Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Mariin US fi Iraan Paakistaanitti gaggeessaa turan waliigaltee malee xumurame

Pirezidantiin ittaanaa US JD Vaans, mariin nagaa US fi Iraan magaalaa Paakistaan, Islaamaabaaditti gaggeessaa turan waliigaltee malee xumuramuu hime.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Putiin mariin Ameerikaa fi Iaraan giddutti eegalame akka itti fufu jaarsumatti dabalamuu akka barbaadan ibsan

    Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin mariin Ameerikaa fi Iaraan giddutti eegalame akka itti fufu Jaarsummaan gidduu seenuuf qophii ta’uu isaanii mirkaneessaniiru.

    Pirezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin marii gita isaanii Iraan Masohud Pezeshkian waliin taasisaniin, waraana Baha Giddu Galeessaa keessatti gaggeeffamaa jiru kana gidduu seenuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru jechuun Kiremlin dilbata kana beeksiseera.

    "Vladimir Putin barbaacha furmaata siyaasaa fi dippilomaasii waldhabdee kanaaf haala mijeessuu itti fufuuf, akkasumas tattaaffii Baha Giddu Galeessaa keessatti nagaa haqaa fi tasgabbii waaraa galmaan ga'uuf kaayyeffate gidduu seenuuf qophii ta'uu isaanii cimsanii dubbataniiru."jedha ibsi kun

  2. Iraan ulaa Hormuz cufuuf mirga hin qabdu-UAE

    Ministirri Indaastirii Yunaayitid Arab Emireets (UAE) yaaliin Iraan ulaa Hormuz cufuuf gootu fudhatama kan hin qabne ta'uu cimsitee mormtie.

    Biyyattiin daandii doonii boba’aa fi gaazii addunyaaf akkaan barbaachisaa ta’e kun “mirga Iraan cufuu ykn daangessuuf qabdu keessa ta’ee hin beeku” jechuun ibsite.

    Ministirra Industirii UAE fi dura taa’aan Dhaabbata Boba’aa Mootummaa Abu Daabii, Ahmed Al Jaber akka jedhanitti: “Yaaliin kana gochuuf godhamu kamiyyuu dhimma naannawa Baha giddu galeessaa qofa osoo hin taane, sarara jireenyaa dinagdee addunyaa jeequudha jedhan.

    Kun kokkee addunyaa irra dhaabachuudha, akkasumas nageenya anniisaa, nyaataa fi fayyaa biyyoota hundaaf kallattiin balaa ta’a.” jedhan Al-Jaber.

    Yeroo akamittuu haalduree akkasii kaa'uun seeraan alaa, balaa fi fudhatama hin kan qabne , addunyaanillee obsuu akkasuas hayyamamuu hin qabnedha" jedhan.

  3. Tiraamp itti aanee Ameerikaan Iraan irratti maal akka gootu ibsan

    Mariin Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamaa ture fashalaa’uu isaa hordofuun, Ameerikaan “uggura waraanaa” kaa’uu fi daandii doonii boba’aa addunyaa murteessaa ta’e ulaa Hormuz humnaan akka to’attu Tiraamp himan.

    Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasaa ''Truth'' irratti dabarsaniin, mariin sadarkaa olaanaa Paakistaan ​​Islaamaabaad keessatti geggeeffame,sababa sagantaa niwukilaraa Iraan akkasumas sababoota kanneen biroona waliigaltee irra gahuun dadhabamuu ibsuun kanatti aansee humni galaanaa Ameerikaa tarkaanfii Hormuuz to'achuu akka hojjatu eeran.

    Itti dabaluudhaanis mariin kun kan diigame Iraan ''hawwii niwukilaraa ishee dhiisuuf fedhii waan hin qabneef'' jechuun, Waashingitan furmaata waaraa argachuuf yaaduun marii kana irratti akka argamte cimsanii dubbataniiru.

    Ulaan daandii bishaanii tarsiimoodhaan barbaachisaa ta’ee fi boba’aa addunyaa baay’ee Baha Giddugaleessaa irraa gara Addunyatti geessu Hormuuz tarkaanfii Ameerikaan amma fudhachuuf jettu kanaan inumaa gabaa boba'aa addunyaa fi doonii irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda’a.

  4. Tiraamp Chaayinaan Iraanif meeshaa waraanaa akka hin ergine akeekkachiise.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp Chaayinaan meeshaa waraanaa gara Iraanitti yoo ergite ''rakkina guddaa'' ishee mudata jechuun akeekkachiise.

    Traampi Beejiing Iraaniif meeshaa waraanaa kan dhiyeessitu yoo ta'e Ameerikaa waliin rakkoo cimaa keessa akka seenan akeekkachiisuu gabaasni CNN maddoota basaasaa dhimmicha itti dhiheenyan beekan sadii wabeeffachuun akka gabaase 'The Economic Times' gabaaseera.

    “Chaayinaan akkas yoo goote rakkoo guddaa isaan mudata,” jechuun Tiraampi kan dubbatan.

    Kana kan jedhanis Chaayinaan meeshaa waraanaa gara Iraanitti erguuf qophaa’aa akka jirtu gabaasaleen ba'aa jiru kan jedhu irratti hundaa'uun deebii kennanini.

    Garuu maalummaa rakkoolee biyyatti muudata jedhan kana bal’inaan hin ibsine.

  5. Tiraamp filannoo lama qaba - lola hammeessuu ykn marii'achuu

    Pireezidantiin ittaanaa Ameerikaa bu'aa marii kana oduu aagaafi oduu gaarii hin taane jedhan.

    Oduun aagaa warra Iraan waliin marii ija qabu taasisuu yoo tahu oduun gaarii hin taane ammoo waliigalteerra gahamuu dhabuusaati.

    Kanas Iraaniif oduu gaarii miti jedhe.

    Mariin kuni yeroon fudhate akkaan murteessaa fi waan hin eegamne ture.

    Waliigalteerra gahamuu dhabuun garuu waanuma eegamu dha.

    Bakka buutonni Ameerikaa gara Paakistaan yoo imalan Iraan akkaan waan haleelamteef daftee harka kenniti jedhanii yaaduun ture.

    ''Fedhii keenya fudhachuu hin barbaanne,'' jedhe Vaans.

    Iraani immoo sarara diimaa keesse qabdi.

    Yeroo marii kanatti seentu irree jabaate akka qabdu yaaddeeti. Humni waraanaa biyyattii harki caalu burkutaa'us, ammallee waraana itti fufuuf fedhii qabdi.

    Ulaa Hormuuz cufuun ammallee humna murteessaa ittiin falmattu qabdi.

    Waggaa kudhan dura yeroo Ameerikaafi Iraan waliigalteerra gahan milkaa'inaafi kufaatii baatii 18 booda dha.

    Tiraamp amma filannoo lama qaba lola hammeessuu ykn mari'achuu.

  6. Marii Ameerikaa fi Iraan miijessa kan turte Paakistaan maal jetti?

    Ministirri Dhimma Alaa Paakistaan ​​erga mariin nagaa waligaltee malee xumuramee booda ibsa kennaniin, qaamoleen lammanuu waligaltee dhukaasa dhaabuuf waadaa galan itti fufsiisuun dirqama'' jechuun gaafatan

    Ministirichi ''gamni lachuu nagaa fi tasgabbii waaraa guutuu naannichaa fi kaanillee galmaan ga'uuf amanamummaa gaariin akka itti fufan abdii qabna," jechuun toora miidiyaa hawaasaa X irratti barreessaniiru.

    Ibsichi Paakistaan ​​''guyyoota dhufan keessatti'' marii gama lamaan gidduutti taasifamuuf haala mijeessuu keessatti gahee taphachuushee itti fufti jechuun eerera.

  7. Ministeera hajaa alaa Iraan: Mariin faara shakkiifi wal-amantee dhabuun geggeefame

    Dubbii-himaan ministira hajaa alaa Iraan, Ameerikaan ''gaaffii akkaan bal'aa'' dhiyeessuurraa of qusachuu qabdi jedhan.

    Ismaa'el Baagaahii akka jedhanitti Ameerikaafi Iraan kallattumaan waliigalteerra gahu jedhamee eegamaa hin turre.

    Mariin kuni ''faara wal-amatee dhabuufi shakkii keessatti adeemsifame,'' jedhan. Mariin kuni waraana guyyaa 40 boodaafi dhukaasa dhaabuun yeroo gabaabaa keessatti adeemsifamus eeran.

    Ismaa'el miidiyaa mootummaa Student News Network jedhamutti akka himanitti, ''marii marsaa tokkoon waliigateerra geenya jennee eeguu hin qabnu. Namni kana yaades jira jedhee hin yaadu,'' jedhan.

    Tahus ''dippiloomaasiin yoomuu hin dhaabbatu,'' jedhan.

  8. Gaaffiin ijoo: Kana booda maaltu taha?

    Gamni lamaanuu waraana mo'anneera jechaa marii nagaa kanarraa waliigaltee argachuun yoomiyyuu rakkisaa taha.

    Dhumarratti waliigalteen waan danda'amu hin taane. Gamni lamaanuu milkaa'ina dhabuuf wal qeeqanii gargar galan.

    Gaaffiin ijoo: Kana booda maaltu taha?

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Roobii hojiirra oole - Pireezidantiin Ameerikaa qarooma Iraan nan haxaa'a jechuun booda dhagahame.

    Haleellaan Iraan irratti taasifamu itti fufuusaaf waan beeksifame jiraachuu baatus - garuu carraa guddaatu jira.

    Ulaan Hormuuz Iraan biyyoota diina jetteef cufte- marii kanaan banamuunsaa waan milkaa'e hin miti. Dooniiwwan waraanaa Ameerikaa naannoo Galoo-galaanaa qaqqabuun biyyattiin karaa biraa barbaaddachaa jiraachuu agarsiiseera.

    Iraan gonkumaa meeshaa waraanaa niwkilaaraa akka hin qabaanne kakachuu hafuun danqaa guddaa dha.

    Iraan meeshaa waraanaa fayyadamuuf fedhii qabaachuu haalaa turtus waggaa tokko keessatti waraanni lama irratti banamuun ittuu ishee jabeesseera.

    Iraaniifi Ameerikaan fuulaafi fuulatti marii'achuun seena qabeessa tahus, kufaatii dippiloomaasiinis yaadatamuu mala.

  9. Ameerikaa fi Iraan mariin nagaa akka hin milkoofneef sababni dhiyeessan maali?

    Ameerikaanis ta'ee Iraan mariin nagaa maaliif akka hin milkoofne sababoota garaa garaa kennaniiru.

    Akka miidiyaaleen mootummaa Iraan jedhanitti, ''gaaffiin sababa hin qabne'' Ameerikaa irraa dhiyaate tattaaffii mariin waraana kana xumuruuf taasifamaa jiru gufachiiseera.

    ''Gama jila Iraanin carraaqqiin adda addaa godhamus, gaaffii fi haalduree sababa hin deeggaramne gama Ameerikaatiin dhiyaateen adeemsa marii kanaa gufachiiseera.''jedhu gabaasotni Miidiyaalee Iran.

    Kanarraa kan ka'e mariin kun utuu waliigaltee wayirra hin gahamin xumuramuu ibsan.

    Gama biraatiin Ameerikaan marii kanaan waliigalteerra akka ga'amuuf ''haalota hedduu salphiftee fi mijeessitee kan dhiyaatte '' ta'uu ibsiteetti.

    JD Vaans akka jedhanitti, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp “ hanga danda'ametti waliigaltee irra ga’uuf waan dandeenyu hunda akka goonu qajeelfama kenneera.

    Nutis sana goonerra, garuu waan nama dhibu jijjirama tokkollee hin agarsiifne.”

    Akkasumas “yaada baay’ee salphaa, araara buusuuf dhiyeessii keenya isa dhumaa fi hundarra gaarii ta’e” qabannee dhiyaanne ''jechuu dubbateera.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaa ilaalchisee tarkaanfiiwwan itti aanan maal akka ta’an ykn mariin dabalataa karoorfamuu fi dhiisuu isaa ammatti waanti ifa ta'e hin jiru.

  10. Netaaniyaahuun duulli Israa'el Iraan irratti geggeessitu ''ammaayyu hin xumuramne'' jedhu

    Ameerikaan marii Iraan waliin taasifsan ilaalchisee waliigaltee irra gahuu dadhabuu isaanii utuu hin beeksisin dura MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu haasawa taasisaniin, duulli Israa’el Iraan irratti geggeessitu “ammallee hin xumuramne” jedhan.

    Beeniyaamin Netaaniyaahuun kana kan jedhan utuu mariin Ameerikaa fi Iraan Paakistaan ​​keessatti gaggeefamaa ture hin xumuraminitti yoo ta'u,"ammallee isaan lolaa jirra" jedhan.

    Itti dabaluudhaanis ''ammallee waan baay'een hojjetamuu qaba'' jechuun ibsan.

    Netaaniyaahuun sagantaa niwukilaraa Iraan dhabamsiisuu dabalatee ''injifannoowwan'' duula waraanaa Israa'el keessatti galmaa'an jedhan hedduus tarreessaniiru.

    "Milkaa'oonni kun ammallee hin xumuramne. Ammallee Iraan keessatti meeshaan Nikuleraa gabbifamaa jira. Akkuma Pirezidaanti Tiraamp jedhan buqqa'uu qaba. Yookaan waliigalteedhaan ni buqqa'a, yookaan karaa biraatiin buqqifna" jedhan.

  11. Iraan waa'ee marii Ameerikaan waliin utuu waligalterra hin gahamin hafe maal jetti?

    Iraan mariin Ameerikaan waliini akka hin milkoofne beeksisuu dura haaldureen Ameerikaan qabattee dhufte kan maricha waligalteen xumursiisu akka hin taane ibsite

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmae'il Baqayi haala marii nagaa Ameerikaa waliin taasisan irratti ibsa wayita kennaan mariin''cimaan taasifamu'' ibsaniiru.

    Garuu milkaa'inni mariichaa ''kutannoo fi fedhii gaarii gama biraa irratti hundaa'a'' jedhan. Dubbi himaan kun Waashingitan ''gaaffii garmalee fi haal duree seeraan alaa'' kan ''mirgaa fi dantaa seera qabeessa Iraan'' sarbu gaafachuu hin qabdu, kanarraa of qusachuu qabdii jedhan.

    Dhimmoonni bal'inaan irratti mari'atamanis sagantaa niwukilaraa Iraan, dhimma ulaa Hormuz, fi haala ''waraanni Iraan guutummaatti itti xumuruu'' kan dabalatu ta'uu eeraniiru.

  12. Mariin Ameerikaa fi Iraan waliigaltee malee xumurame

    Mariin Paakistaan ​​magaalaa Islaamaabaaditti jila Ameerikaa fi Iraan bakka bu’an gidduutti gaggeeffamaa ture, waliigaltee malee xumurame

    Jilli Ameerikaa itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa DJ Vaansiin durfamu ''dhimmoota heddu irratti mari'anneerra,'' jedhan.

    Garuu sababa ''Iraan haal-duree keenya fudhachuuf fedhii hin qabneef waligalteerra gahuu dandeenye." jechuun ibsan.

    Akkaataa Ameerikaan marii kanaaf dhiyaattee eroo ibsus, ''garmalee araaraf jennee faara gaariin dhiyannee turre, garuu hin taane '' jechuun gaazexeessitootatti himaniiru.

    Akkasumas yeroo marii kana keessatti yeroo hedduu Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin haasa’uu isaanii dubbataniiru. "

    Mariin boodas Vaansi jila isaanii waliin Paakistaan gadi lakkisanii bahuun ‎himameera.‎‎

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan gamasaanin Paakistaanitti mariin bal’aa seena qabeessi taasifamuu himanii, Ameerikaan haaldureewwaan hinmallee dhiheessuurraa kan ka'e waligalterraa gahuu akka hin dandeenye ibsan

  13. Mariin kallattii Iraaniifi US gidduuseentummaa Paakistaaniin eegalame

    Mariin US fi Iraan Paakistaan kallattiin keessatti hirmaattu eegalamuu maddeen BBCtti himan.

    Wayita mariin eegalame kanatti Pirezidnatiin US Doonaald Tiraamp Iraan ''guddoo mo'atamte'' jechuun barreesse.

    Ergaa dheeraa Truth Social gubbaa maxxanseen miidiyaaleen Iraan waraana kanarra aante jedhanii gabaasuu jaalatu dhugaan jiru garuu ni mo'ataman, guddoo mo'ataman'' jedhe.

  14. Arsenaal dirreesaatti 2-1n Boornimaziin mo'ame

    Morklii murteessaa Arsenaal dirreessaatti Boornimaaziin keessummeesse irratti hiree garaagartummaa qabxii Siitii waliin qabu sagal irraa gara 12 guddisuu milkeessuu hin dandeenye.

    Taphoota 11 darban kan hin injifatamne Boornimaz boqonnaa booda oolantummaa kubbaa fudhachuun abjuu Arsenaal waancaa liigichaa injifachuuf qaburratti danqaa uumeera.

    Siitiin taphoota lamaan harkaa qabu yoo injifate fi torban dhuftu Arsenaaliin yoo mo'ate Arsenaal waliin qabxii walqixaarra taa'a.

    Boornimaaz ammaan tana kilaboota Awurrooppaa osoo hin injifatamiin taphoota 12 lakkoofsise ta'uun sadarka ajalqabaarra jira.

  15. Qabeenyaa Iraan uggurame gadhiisuuf US tole jette kan jedhu dhugaa miti jedhe aanga'aan

    Miidiyaan US aanga'aa biyyattii tokko waabeffachuun akka gabaasetti qabeenyaan Iraan akka hin sochoone ugguraman akka gadhiifamann waliigalameera oduun jedhu dhugaa akka hin taane gabaasan.

    Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraan kan jila marii Tehraan hoogganu Mohaammad Baageer Galiibaaf osoodhuma mariinuu hin eegaliin dura qabeenyaan uggurame gadhiifamuu qaba jedheera.

    Haaldureen kun yaada bulchiinsa Doonaald Tiraamp salphaatti fudhatu hin ta'u.

    Aanga'oonni Iraanis kan USs Ministira Muummee Paakistan Sheebaaz Shariif waliin walarganiiru.

    Mariin jalqabaa kun aanga'oota biyyoota lamaaniif fuulaa fuulaatti walitti fidafi hin fiduun ammatti adda hin baane.

  16. Haaldureewwan Iraan keesse yoo hin guutamne mariin haqamuu danda'a- TV Iraan

    Rippoortarri TV mootummaa Iraan IRINN Islaamaabaadirraa gabaasa kallattiirra turte Iraan haaldureen gaafatte yoo hin guutaminiif marii ni haqxi jette.

    Marii dantaan Iraan keessatti hin eegamne, gaaffiin Iraan itti hin deebine fi sararri diimaan keenye keessatti sarbamu keessaa bahuun akka milkaa'inaatti laalama jette.

    "Dipplomasii ofitti amanamummaa (assertive diplomacy") jechuun ibsite.

    Ganama jilli Iraan Ministira Muummee Paakistaan Shebhaaz Shariif waliin ni mariyata jedhee gabaasee ture, akkasuma mari'ateera jilli Iraan.

    Televiszhiniin mootummaa Iraan haal dureewwan fi sararoota diimaa Iraan, akkasumas dhimma US irraa amantaa dhabuu xiyyeeffannaa kenneefii gabaase.

    Iraan ol aantummaa waan qabduuf haal dureen yoo hin guunnef marii dhiisuu dandeessi jedha miidiyaan kun.

  17. Sanbatni kun nuuf guddaa dha: Paakistaanonni biyya isaaniitti boonan

    Islaamaabaad keessa eegumsi cimeera. Keellaan sakatta'iinsaa hedduudha. Konkolaattonni poolisootaa fi raayyaa biyyattii yunifoormii uffatan baatan guutanii karaarra yaa'u.

    Jila US fi Iraaniif jecha daandiiwwan hedduun sochii kamirraawuu bilisa godhamaniiru.

    Uummata Paakistaan yoo gaafatte, bu'aan marii kanaa waan fedhellee haa ta'u, biyyi isaanii waltajjii dippilomasii addunyaarratti dhageetti akkasii argachuu akka malee isaan akka boonse dubbatu.

    Namni tokko "Sanbanni kun nuuf guddaa dha" jedhe.

    Addunyaan biraa bu'aan marii kanaa maal ta'a kan jedhee hawwiin eega. San amma baruun hin danda'amu.

    Yaadonni garee lamaanirraa kennaman walitti kan bu'an ta'anis, bakka bu'aan Iraan Mohammad Bagher Ghalibaf, marii kanaan duudhaa warraaqsaa sirnichaa eegsisuu akeeka akka qabna jedhan.

    Donaald Tiraamp jijjiiramni sirnaa dhufe jedhe, garuu Iraanonni akkasitti hin yaadan.

    Namoonni murteessoon akka Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtabaa Kameenii fi Mohammad Bagher Ghalibaf mallattoo sirna durii ti.

    Namni kaaba Iraan tokko :"hoggantoonni kunneen kan dur caalaa hamoodha malee hin wayyani" jedhe.

  18. Marii US fi Iraan: Gaaffilee deebi'an afran

    Guyyaan marii nagaa US fi Iraan murtaa'ufi, garuu bal'inni isaa hin baramne.

    Gaaffilee ijoo afur marii kanaa wajjin wal qabsiisee ka'an ilaalleerra. Gabaabinaan dhiyeessina:

    Eenyu eenyutu marii kanarratti hirmaata?

    Pirezdantii itti aanaan US JD Vaans magaalaa guddooPaakistaan Islaamaabaad seenera. Isa waliin soddaan Tiraamp fi gorsaan addaa Tiraamp Yaareed Kushnarii akkasumas Ergamaan addaa Baha Jiddu-galeessaa Istiiv Wiitkoof imalaniiru.

    Gama Iraaniin, dhiyoo sagaleen isaa kan akka malee dhagahama dhufe, Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohammad Bagher Ghalibaf, Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii halkan walakkaa Paakistaan galaniiru.

    Gaheen Paakitaan maali?

    Jilli garee lamaanituu Ministira Dhimma Alaa Paakistaan Ishaaq Daar fi Ajajaa Olaanaa waraanaa Paakistaan Asiim Muniiriin simataman.

    Paakistaan jaarsa araaraa ijoo garee wal waraanan kanneenii fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf turuuf eegduu taateerti.

    Mariin kun hagam tura?

    Gabaabumatti kun ifaa miti. Miiidiyaan Iraan, Tasnim News Agency, kan Eegdota Warraaqsaa Iraan waliin hidhata qabu, mariin kun guyyaa tokkoof akka turutti karoorfamuu gabaase. Innis Sanbat-duraa waareebooda jedhe.

    Qormaatiwwan marii kanaa maal fa'i?

    Qormaanniwwan ijoon Iraan Ulaa Hormuuz hudhuu, Libaanos keessaa lolli dhaabbachuu dhabuu fi kuusaa yuraaniyemii Iraan gabbate dha.

  19. Astiroonotni Addeessaa gahanii deebi'an Garba Paasifikii keessa qubatan

    Astiroootni Nasa imala Artemis II jedhamuun gara Addeessaa imalanii turan nagaan dacheetti deebi'aniiru. Astiroonotni kun erga dacheetti deebi'anii booda paaraashuutiin Garba Paasifikiirra bu'an.

    Achiitti doniin dhufee akka isaan fudhatu eegaa jiru. Astiroonotni kun imala guyyoota sagaliin kutaa Addessaa amma dura dhalli namaa qaqqabee hin beekne bira gahanii deebi'an.

    Imalli isaanii kun fuuladuratti dhalli namaa Addeessarratti buufata akka ijaaru haala mijeessa jedhame.

  20. Pirezdantii itti aanaan US JD Vaans Islaamaabaad gahe

    Jila marii nagaa Ameerikaa kan dursu Pirezdantii itti aanaan US JD Vaans Islaamaabaad (Paakistaan) qaqqabe.

    Xiyyaara imalaaf pirezdaantii itti aanaan dhimma itti bahu US Air Force Two jedhamuun kan gara Paakistaan deeme JD Vaans wayita buufata xiyyaaraa gahu Ministira Dhimma Alaa biyyattii Ishaaq Daar fi Fiild Maarshaal Asiim Muniiriin simatame.

    Ministirri Dhimma Alaa Paakistaa Ishaaq Daar kutannoo US nagaa waaraa naannichaa fi addunyaarratti fiduuf gootu jajan wayita JD Vaansi simatan.

    Iraanii fi US "karaa ijaaruun akka mari'atanii fi Paakistaan gareen lamaan dhibdee Baha Jiddu-galeessaaf furmaata waaraarraa akka gahaniif haala mijeessuu itti fufti" jedhan.

Trending Now