Waraanni Iraan 'torbee afurii hanga jahaa keessatti goolabama'

Madda suuraa, Reuters
Pirees Sekiretaariin Waayit Haawus Kaarolaayin Leevit gaaffi waraanni Iraan yoom xumura argata jedhuuf deebii kenniteen hanga torban 6 akka fudhatu himte.
Yaada Pirezidantichi akkam yaadu jedhuuf deebii yoo kennitu yeroo duulli kun eegaluyyuu torbee afurii hanga jahaa jedhee ture, ammas ejjennoonsaa akkasuma jette.
Amma guyyaa 30ffaarra jirra jette.
Guyyoota 30n darban waraanni US Iraan keessatti xiyyeeffannoowwan 11,000 haleeluu himte. Kanaanis dandeettiin haleellaa misaayelaafi diroonii biyyattii 90%n xiqqaateera jette.
Aanga'oonni Iraan mariin gaggeeffamaa jiru hin jiru kan jedhan ta'us qondaalli mootummaa US kun garuu ammallee mariin faara gaariin adeemaa jiraachuu dubbatte.
Tiraamp Iraanitti humna lafoo duulchisuu malaa gaaffii jedhuuf deebii yoo kennitu takkaahuu yaadicha fudhatama hin dahbsiisne jette.
Pirezidantichi adeemsa seeraa guutuuf beekamtii Koongireesii akka gaafatu beeksiste.















