Namoonni maaliif waan gubu nyaachuu jaalatu?

Madda suuraa, Getty Images
Bara darbe namni tokko hospitaala yeroo gahu dhukkubbii mataa, mormaafi ol-deebisuun rakkachaa ture.
Hakiimmoonni qorannoo isaanii erga raawwataniin booda dhukkubsataan kun waan summii qabu hin nyaanne dhukkuba biraas hin qabu ture inumaayyuu qaaraa gubaa addunyaa kanaa nyaatetudha.
Qaaraan inni nayaate isa guyyuu nyaatamurraa dachaa 275 kan gubu yoo tahu, dorgommii irrattidha nyaate. Dhukkbbis isaa irraa boodarra bayyanate jira.
Kuni akka fakkeenyaatti ka'e malee, addunyaarra namoonni lakkoofsa guddaa qaban nyaata arraba isaanii gubu, kan bishaan dheebossuufi garaa isaanii gubu nyaatu.
Maaliif kun tahe?
Dhimmichi waaan jaalalaa waggootii kumaatamaan dura jalqabe dha. Har'as hin hir'isne- bara 2018tti qofa qaaraan toonii miiliyoona 37 tahu oomishamee jira.
Kana jechuun waggaa darbe tokkoon tokkoo keenyi qaaraa kg5 fayyadamneerra jechuu dha.
Biyyooti muraasni immoo nyaata gubuuf fedhii guddaa qabu.
Namoonni Tarkii guyyaatti qaaraa g86.5 nyaachuun kan dursan yoo tahu- Meeksikoon g50.95tiin nyaata gubu nyaachuun itti aanti.
Garuu nyaata gubu maaliif jaalanna?
Sammuu keenya gammachuu barbaadutu waan gubaa kana jaalata moo, wal-aansoo jijjiirama suuta suutaati?

Madda suuraa, Getty Images
Qaaraan akkamiin waan gubaa keessa jiru qabaachuu danda'e inni jedhu ammasa falmisiisaa dha.
Saayintistoonni biqiltoonnii maaliif waan gubu of keessatti godhachaa akka dhufan yoo beekamuu baateyyuu, ilbisootaafi hoosiftoonni akka isaan hin nyaanneef jecha dha jedhu.
Simbiroonni waan gubu nyaachuuf rakkoo waan qaban hin fakkaatu.

Madda suuraa, Getty Images
Hoosiftoonni yoo waan gubu nyaatan sirna bullaa'insa isaanii miciree qaaraa caccabsuun qaamni isaanii jarmii akka ittissu taasisu.
Simbirootaaf garuu akkas miti, qaaraa otoo isaan hin gubiin qaama keessa darbee bifa bobbaatiin yeroo bahu micireensaa deebi'ee biqila.
Biqilooti guban kun hoosiftooti akka isaan hin nyaanne ofirraa dhorkaniyyuu malee, namooti garuu ammallee nyaachuu hin dhiisne.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni uumamaan dhandhama hadhaawaa tahe akka waan sumaa'aa tahetti lakkaa'u-kun akkatti of eegattani dha.
Hoosiftoota keessaa namoooti qofti maaliif waan gubu akka nyaatan waantoonni ciicachiisan jiru.
Yaadni inni jalqabaa namootni dhandhama nama gubuu kan qabaatan, amala farra fangasiifi baakteeriyaa ijaa qabaniif kan jedhu dha.
Inni kaan immoo nyaatni gubu dafee akka hin dhalaane yeroo baran.
Dhimma kana mirkaneessuuf bara 1998tti qorannoon taasifameen, biyyoota qilleensa ho'aa qabantu nyaata gubu fayyadamu sababiinsaa naannoo kanatti nyaati qaaraa hin qabne dafee gatii dhalaahuufi.

Madda suuraa, Getty Images
''Biyyoota qilleensa ho'aa qabanitti nyaati foon qabullee yoo xiqqaate qaaraan gosa tokkoo itti dabalama, yeroo baayyee immoo biqilooti gubuu danda'an biroon itti dabalamu. Biyyoota qilleensa qabbanaa'aa qaban keessatti garuu nyaati waan gubuun alatti qophaa'uu danda'u.
Nyaata nama gubu fayyadamuun Taaylaand, Filiippiins, Maaleziyaafi Indiyaan biyyoota dursan yoo tahan, Siwiidiin, Fiinlaandfi Noorweey immoo dhumarratti argamu.
''Nyaata gogsuun, bilcheessuun, ashaboo itti naquufi waan gubu itti dabaluun-nyaati keenyi akka dhalaaneef waan goonu dha.
Aadaa nyaataa kan qorattu Kaori O'Connor yaada biraa qabdi

Madda suuraa, Getty Images
Warri Awurooppaa akkuma shonkoraafi dinnichaa qaaraallee hin beekan ture, erga Ameerikaan abuuramtee booda dha daandiin daldalaa banamanaan.
Gama biraan namoonni sababiin isaan nyaata gubu jaalataniif gatii 'isaan gubee garuu immoo isaan hin miineefi'' jedhu

Madda suuraa, Getty Images
Qaaraa nyaachuu kan jalqabne miira gammachuu waan nutti dhagahamuufi akkuma jabana kana namoonni shunkuluullee ol fannifamerra taphataniifi samiirraa paaraashuutiidhaan bu'ani dha.
Yaada kana kan qorate Pool Roozin barsiisaa Yunivarsiitii Peenislivaaniyaa yoo tahu waan kana qorachuuf kan isaan kakaase hoosiftoonni kaan qaaraa hin nyaatani namoonni akkamiin nyaatu kan jedhu dha.
Qorannoo kanarratti namootaaf, hamma qaamni isaanii danda'utti qaaraa akka nyaatan godhan, ergasii akkatti jaalatan yoo gaafataman isa baayyee nu gube jaalanne jedhaniitu deebisan.
Sanyii namaa qofaatu dhimmoota akkasii keessa gammachuu argata. Otoo qaamni keenyi gubatu sammuun keenyi homaa akka hin taane nutti hima. Nyaata nama gubu nyaachuun akkuma fiilmii nama sodaachiisu ilaaluuti.

Madda suuraa, Getty Images
Gama biraan nyaata nama gubu nyaachuun namaa namatti gargara akka tahe kan qoratan qorattuun nyaataa Naadiyaa Baayrnees gama koorniyaan, dhiiroti dubartoota caalaa nyaata gubu nyaachuu jaalatu sabaiinsaa immoo goota tahuu, jabinaafi dhiirummaa agarsiisa jedhanii gatii yaadaniifi.
Dhimma kanaarratti kan hubannu: jaalannes jibbines kan qaaraa nyaannu gammachuu barbaacha, nyaata hin gubnee gatii hin jaalanneef qofa osoo hin taane amantee warri durii nyaati akka hin dhalaaneef taasisan hordofaas waan jirruufi. Oomishni qaaraas waggaa waggaatti dabalaa waaan jiruuf waan nyaachuu dhaabnu hin fakkaatu.














