Kaampaanii Geejjiba Qindaa'aa Odaa maaltu mudate?

Konkolaattotni Waldaa Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaa baay'een tajaajila dhaabanii jiru

Madda suuraa, W.A Geejjiba Qindaa'aa Odaa

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaattota Waldaa Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Waggaa jaha dura wayita hundaayee tajaajila eegalu Oromiyaa keessa miirri ture kan addaati. Abdiin irra kaayames bakka har'a kaampaanichi jiruu oli. Waldaa Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaa.

Tajaajila Geejjibaa, raabsaa boba'aa fi dibata dhiyeessuun gabaa aksiyoonaa Itoophiyaatti kan makame Waldaan Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaa, waggoota jaha booda ammallee miila lamaan waan dhaabbate hin fakkaatu.

Konkolaattota tajaajila geejjibaaf kaampaanichi qabu shantama (50) keessaa kan tajaajila adda hin kutin 8-12 hin akka hin caalle ragaaleen arganne ni mul'isu. Hedduun isaanii tajaajila guutuu kennaa hin jiran jedhu

Buufataalee raabsaa boba'aaf magaalota Oromiyaa garaagaraatti iddoowwan saddeet irratti tajaajila eegaluuf kaartaa itti baheef keessaa iddoo lama qofatti tajaajila eegale.

Hanga bara 2014tti kasaaraa keessa kan ture waldaan aksiyoonaa geejjibaa kun amma kasaaraa keessaa bahus garuu, Odaan bakka uummannii fi abbootiin aksiyoonaa itti abdatan hin geenye.

Ofii Odaa maaltu mudate?

BBC'n hoggansa aksiyoonichaa dabalatee qaamolee garaagaraa irraa odeeffannoo argateen gabaasa kana qindeesseera.

'Odaa dhaabbatu malee Odaa deemu hin beeknu jedhanii guban'

Waldaan Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaa tajaajilawwan geejjibaa fi inarjii (boba'aa fi dibata konkolaattotaa) dhiyeessa. Waldichi bara 2009 hundaayee waggaa lama booda bara 2011 konkolaattota bitatee tajaajila eegale.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaalota Oromiyaa gurguddoo fi Oromiyaan ala magaalota akka Hawaasaa, Asoosaa, Arbaamincii fi kaanitti bobba'ee tajaajila kennaa ture. Buufataalee boba'aa lama Duukamitti hundeessee bara 2012 hojicha eegale.

Odeeffannoo keessoo kaampaanichaa irraa BBC'n argateen tajaajila geejjibaa kennurratti rakkooleen mudataniiru. Dameen geejjibaa qormaata keessa jiraachuu BBC'n odeeffateera.

Awutoobisoota 50 Awurooppaatii biteen tajaajila geejjiba uummataa kan eegale Odaan, konkolaattonni isaa keessaa kanneen yeroo ammaa tajaajila guutuu kennan 12 hin caalan.

Bobbiin awutoobisoonni Odaa magaalota hedduutti godhanis, kuun guututti dhaabbateera, kuun ciccitaadha jedha maddi keenya.

Odaan hanga bara 2014tti kasaaraa keessa turuus dhageenye.

Waldaan Aksiyoona Geejjiba Qindaawaa Odaa iddoowwan saddeet magaalota Oromiyaa keessatti buufata boba'aa banatee boba'aa raabsuuf lafa kaartaan baheef fudhatus magaalaa Duukam qofa keessaa buufata boba'aa qaba.

Konkolaachiftoonni tajaajila geejjibaa kennaa turan rakkoo naamusaa hanga kontiroobaandii daldaluutiin maqaan isaanii ka'a.

Odaan imaanaa uummataa fi mootummaa baatee lafaa ka'e har'a kaampaanii waggaa jahaa ta'us, akka dhaabbata daldalaatti dagaagee bakka fakkeenyummaan ka'us hin geenye.

Awutoobisoota Odaa caccabanii dhaabbatan

Madda suuraa, W.A Geejjiba Qindaa'aa Odaa

Ibsa waa'ee suuraa, W.A Geejjiba Qindaa'aa Odaa

Maddi keenya Odaa keessa hojjetuu fi abbaa aksiyoona waldichaa ta'e sodaa nageenyaaf eenyummaan isaa akka himamu hin feene, awutoobisoonni Odaa sadii gubachuu hima, tajaajila geejjibaa Odaan kennu rakkoo mudate yoo eeru.

"Rakkoo ilaalchaati. Waan si gaddisiisu awutoobisoonni gubatan namuma Odaa mormatti baatee deemutu Odaa baasii gube. Ilmuma Oromootu gubee bar. Baasii saditu gubate.

"Gaafatamee maal akka jedhaniin beektaa 'Odaa dhaabbatu malee Odaa deemu hin beeknu jedhanii gubanii bar. Maaloo hin gubinaa jedhamee kadhatamee bar. Kan mootummaati jedhameeti kan gubame. Kun rakkoo ilaalchaati.

"Mootummaan Inisheetiviidha fudhate malee qabeenya kiyya, kan dhuunfaa kiyyaati waan jedhe hin jiru. Uummatatu keessa jira. Lakkoofsa jedhame [abbootii aksiyoonaa 9000 hundeessan] ta'an harki caalaan uummata, hojjettoota" jedhe.

Miseensa boordii Waldaa Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaa kan ta'an Obbo Baatuu Masqalaa, awutoobisoonni kaampaanichi bite sadarkaa daandii Awurooppaaf waan oomishamaniif daandii biyya keenyaan wal simachuu dhabuun balaaf saaxile jedhan.

"Baasonni kunneen sadarkaan isaa Awurooppaa waan turaniif daandiiwwan biyya keenyaa waliin wal simuu dhabuun ture, maanejimantiin kaampaanii sanaanis rakkoo tokko tokko kaasaa ture, qabiinsa konkolaattotaa waliin wal qabatee rakkoo irra gaheen makiinonni baay'een miidhamanii kan dhaabbatan jiru" jedhan. Konkolaachiftoonnillee itti baruu dadhabuu dubbatan.

Ammas ispeerpaartiin konkolaattota kanneenii biyya keessa waan hin jirreef kanneen miidhaman tajaajilatti deebisuun rakkiseera jedhan Obbo Baatuun.

Rakkoon naamusaa, keessumaa konkolaachiftootaa akka kaampaanichatti qormaata ta'es mirkaneessaniiru Obbo Baatuun.

"Kontiroobaandii fe'uu, seeran ala humnaa ol fe'uun, konkolaataa sirnaan qabachuu diduun tureera. Sababa kanaan hojjetaa hedduutu hojiirraa ari'ame. Amma furmaata argate."

Miseensi boordii Kaampaanichaa kan biraa Obbo Daammanuu Tulluu, abbootiin qabeenyaa kaappitaala aksiyoona yoo bitan waadaa galan kaffalanii fixuu dhabuun kaampaanichi akka bakka karoorse hin geenye gochuu himan.

Abbootiin aksiyoonaan Odaa dhaabbilee mootummaa, dureeyyii fi kutaalee hawaasaa garaagaraati.

Dureeyyii fi lammiileen aksiyoona bitan kaffaltii isaanirra jiru ofirraa kaffaluu kan himan Obbo Baatuun, kan maallaqa waadaa gale hin kaffalin dhaabbilee mootummmaa ti jedhan.

Awutoobisa Odaa manca'e

Madda suuraa, Feesbuukii

Ibsa waa'ee suuraa, Awutoobisa Odaa manca'e

Fuuldureen Odaa maal ta'a?

Odaan bakka gaaf lafaa ka'u yaade hanqachuun abbootii aksiyoonaa qofa osoo hin taane uummata naannichaa hundeeffama isaa gammachuun simateefi guddina Odaa hawwaa tureef fakkeenyummaa gaarii miti.

Rakkoon kaampaanicha mudate furmaata waaraa akka argatu yeroo garaagaraatti madaalliin akka godhamu hoggantoonni waldichaa BBC'n dubbise himanii jiru. Kaampaanichi konkolaattota geejjiba uummataa 20 fi kan deddeebisa boba'aa 15 barana akka bitatu Obbo Daammanuun himan.

Rakkoo dhaabbilee akka Odaatiif mootummaan xiyyeeffannaa kennuu kan himan Obbo Baatuun immoo mootummaan naannichaa Jaarmiyaa Oromia Sovereign Fund dhiyoo hundeesse jalatti akka bulan murteessuu himan.

Hordoffiin mootummaa akka jabaatu, dhaabbileen mootummaa qooda (sheerii) waldichaa bitanis akka kaffalan mootummaan dhiibbaa akka godhu, akkasumas tajaajila dhiyeessaniif dhaabbilee mootummaa akka gabaatti dhimma akka bahaniif jedhamee ta'uu akeekan Obbo Baatuun.

Magaalota Oromiyaa gariin keessatti tajaajila akka boba'aafi zayitaa dhaabbilee akka Daandii Qilleensaa Itoophiyaaf dhiyeessuuf waliigaluu himaniiru.

Suuraa aangawoota mootummaa fi abbootii qabeenyaa (hundeeffama W.A geejjiba qindaa'aa Odaa)

Madda suuraa, W.A Geejjiba Qindaa'aa Odaa

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa aangawoota mootummaa fi abbootii qabeenyaa (hundeeffama W.A geejjiba qindaa'aa Odaa)

Yaada Warraaqsa Diinagdee Oromiyaa

Yaadni hundeeffama Waldaa Aksiyoona Geejjiba Qindaa'aa Odaatiif ka'umsa ture isa kana: Dhiibbaa siyaasaa fi diinagdee keessa tureen uummanni naannoo Oromiyaa osoo leeccalloo, beekumsaa fi dandeettii qabuu faayidaa diinagdee irraa moggeeffamee ture.

Fincilli dargaggootni Oromiyaa (Qeerroon) dhoosaniifi boodarra jijjiirama siyaasaa dhales sababni ijoon tokko gaaffii diinagdee kana ture.

Jala bultii jijjiirama siyaasaa sanarraa kaasee Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gareen gaaffii uummataaf aantummaa qabu waan tureef mootummaanis hojii qabatamaatti seene.

Oromiyaa keessatti warraaqsa diinagdee uumuuf hogganoota mootummmaan naannichaa, kanneen caasaa federaalaa keessa jiran, hayyoota, abbootii qabeenyaa fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun Gamtaa Mootummaa fi Abbootii qabeenyaatiin sochii kana eegaluu filatan.

Waldaalee Aksiyoonaa garaagaraa hundeessan. Waldaa Dhugaatii Keenyaa, Waldaa Aksiyoonaa Konistiraakshinii Walaabuu, Waldaa Aksiyoonaa Geejjiba Qindaa'aa Odaa faa dhaabbilee hundaa'an keessayi.

Waldaaleen kunneen milkaa'anii bu'aa buusuun sochii diinagdee fooyyee qabu kan mul'isan akkuma jiran, akkuma kanneen bu'aa umriisaaniitti irraa eegamu hin buufne, hoggansaa kutaa fi tinnisa qabeenyaa dabalataa barbaadan jiru.