Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teeknoloojii: Appii haatii warraafi abbaan warraa qofti dhaamsa waliif ittiin dabarsan haaraa baase
Feesbuukiin appilikeeshinii haaraa jaalalleewwan ykn haatii fi abbaan warraa dhaamsa waliif ittin walii dabarsan haaraa baase.
Appiilikeeshiniin kun βTunedβ jedhamu fi ergaa, muuziqaa walii erguu fi gabatee dijitaalaa wantoota adda addaa irratti barreessan uumuu dandeesisudha.
Appiin kun garee βFacebook's gartuu dhaabbaticha keessatti waan haaraa shaakaluun kalaqame.
Appichi jaalalleewwaniif ykn haadhaa fi abbaa warraatiif βiddoo icciitiiβ uumeeraaf jedhus tajaajila akka WhatsApp qabu garuu of keessatti hin hammatu.
Appiin kun imaammata Feesbuukii daataa dabarsuurraa adda ta'e hin qabu.
Kunis dhaabbatichi wantoota adda addaa fayyadamtooota miidhaa gessisan akka toβatu kan hayyamuudha.
Kana jechuunis appi kanarratti fayyadamtoonni odeeffannoo dhuunfaa yookiin suuraa dhuunfaa erguuf fedhii xiqqaa qabu jechuudha.
Feesbuuk dhimma appii haaraa kanarrati BBCβf yaada akka kennuuf gaafatamuus yaada kennuurraa ofqusateera.
Ammatti Appichi fayyadamtoota iOS US fi Kaanaadaa qofaaf kan dhiyaate yoo taβu, akkaawuntii Feesbuukii qabaachuun hin barbaachisu.
Omishni haaraa kun tajaajiloota ergaa erguuf fayyadan irraa garaagarummaa baayβee hin qabu.
Fayyadamtoonni bilbilasaanii fayyadamuun namoota biroo itti dabaluu dandaβu. Eega namoonni sun neetworkii keessan galanii booda suuraa fi sagaleewwan adda addaa walii erguu dandaβu.
Feesbuukiin garee gartuu kalaqa haaraa uumuu shaakalu ganna 2019βtti hundeesse. Kaayyoonsaas tajaajiloota hawaasummaa haaraa uumuudha.
Yeroo Feesbuuk garee kana hundeessu appiin garee kanaan oomishaman saffisaan akka jijjiiramanii fi tajaajila kanas βnamootaaf faayida qabeessoo yoo hin taanee ni cufamuβ jedheera.