Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Gujiitti walitti bu'iinsa uumameen qaamoleen nageenyaa ajjeefaman
Aanaalee Godina Gujii keessatti humna nageenyaa mootummaafi humnoota hidhatanii bosona jiran gidduutti walitti buβiinsi itti fufee jiraachuu bulchiinsi godinichaa himeera.
Walitti buβiinsa kanaanis lubbuun namaafi hawaasi naannoos gidirfamaa jiraachuu himan Bulchaa Itti-Aanaan Godinichaa Obbo Maallicha Diqqaa.
Humnoota mootummaarras miidhaan gaβaa jiraachuu kan dubbatan aangaβaan kun torbanoota lamaa as poolisoonni humna addaa Oromiyaa 12 ajjeefamaniiru jedhan.
ββGodina keenya keessatti walitti buβiinsi aanaalee hedduu keessatti raawwatamaa jira. Aanaalee akka Gumii El-Dalloo, Sabbaa Boruu, Liiban, Gooroo Doolaa, Shaakkisoo keessatti humnoonni nageenyaa mootummaafi kanneen hidhatanii bosona jiran walitti buβaa jiru,ββ jedhan.
Akka Obbo Maallicha Diqqaa jedhanitti mootummaan nagaa hawaasaa eegsisuuf qaamolee nageenyaa ramadus qaamni hidhatee bosona keessa sochoβu kan ABO shanee ofiin jedhu gammoojjii keessa deemee hawaasa gidirsaa jira jedhan.
ββMootummaan qaamolee nageenyaa kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa, poolisii Oromiyaa hanga hidhataa gandaatti nageenya hawaasaa eegsisuurratti ramadee jira.
Haataβu malee, qaamni waraana Adda Bilisummaa Oromoo yookaan ammoo ABO shanee jedhamu sababii hin beekamneen callisee aanaalee gammoojjii kanneen keessatti hawaasa rakkoo garaagaraaf saaxilaa jira.ββ
Rakkoon kun nu dadhabsiisaa jira kan jedhan qondaalli kun ,ββnamni guyyuu duβa, caasaan mootummaa ajjeefamaa jira, maaliif akkanni ajjeefamu hin beeknu. Godinuma keenya aanaa Gumii El-Dalloo ganda Bulbulii jedhamtu tokko keessatti walitti buβiinsi uumamee ijoolleen humna addaa Oromiyaa hedduun miidhamaniiru. Kanneen ajjeefaman haga nama 12 ni gaβan,ββ jedhan.
Miidhaan qaamaafi gaagaβamni lubbuu kan humnoota nageenyaa Oromiyaa kanneen irra gaβe dogoggoruma isaan uumaniin kan jedhan Aab Mallicha Diqqaa,ββqaawwaa humnoonni nageenyaa keenya uumanitti fayyadamanii humnoonni bosona jiran torbanuma lama dura tarkaanfii kana fudhatan,ββ jedhan.
Akka isaan jedhanitti torbanuma kana keessallee aanaalee akka Sabbaa Boruufaa keessa walitti buβiinsi uumamee jira.
ββWalitti buβiinsi yoo uumamu gama lamaanirraayyuu namni ni duβa. Waraana bosona jiru keessaa namni meeqa akka duβe baruun rakkisaadha. Seeratti dhiyeessuunis hin dandaβamu. Kanaan, duras yeroo hedduuf abbootiin gadaa waraanni kun akka galuuf kadhatanii dadhaban. Kanaaf ammatti waliin mariβannee sadarkaa seeratti dhiyeessuu dandeenyurra hin jirru.ββ
Hawaasni kallattii garaagaraan miidhamaa jira
Walitti buβiinsa uumamu keessatti garmalee kan miidhamaa jiru hawaasa kan jedhan Aab Mallicha Diqqaa,ββuummanni nagaadhaan qonnasaa qotataa hin jiru, horii horsiifachuu hin dandeeye,iddoo garaagaraatti ni ukkaamsan, halkanfaa dhufanii mootummaa deggerte jedhanii doorsisu, kan lubbuun darbellee hedduudha.ββ Jedhan.
Walumaagalatti hawaasi jireenya ilma namaa jiraataa hin jiru jedhan Aab Mallicha Diqqaa, kanaaf falli isaa mootummaan tarkaanfii karaa humna nageenyaatiin fudhachuu eegale cimsee itti fufuudha jedhan.
ββKaraa nagaan furuu hin dandeenye. Abbootii gadaas itti erginee araarri didameera. Kanaafuu mootummaan humna nageenyaa ramaduun kanneen nageenya booressan qulqulleessuu qaba.ββ
Mootummaan Itoophiyaa erga erga Addi Bilisummaa Oromoo waraana hidhate bosonaa hin qabu jedhee karaa nagaan qabsaaβuuf waadaa galee as kanneen hidhatanii bosona jiran irratti tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa tureera.
Keessattuu Godinaalee Wallaggaa fi Gujii keessatti bulchiinsa komaandipostiitiitiin qaama hidhatee bosona keessa sochoβu irratti duulaa tureera.
Hooggana Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dabalatee qondaaltonni nageenyaa naannoo Oromiyaa fi federaalaa akkasumas aangaβoonni paartii biyya bulchaa jiruu qaama bosona jiru , kan shanee jedhanii waaman, irra aanneerra jechuun dubbachaa turan.
Haataβu malee, maqaa shanee jedhuun namoonni hidhamaa jiraachuu paartilee siyaasaa mormitootaarraa tibbana irra deddeebiin dhagahamaa jira.