Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haagiyaa Soofiyaa: Muuziyeemii moo Masjiida?
Manni maree biyyaalessaa Turki, bakki seena qabeessi Istaanbuul keessatti argamu Haagiyaa Soofiyaa masjiida taβuu yoo dandaβe murteessuuf adeemsarra jira.
Jaarraa 6ffaa keessa ajaja Mootii Baayizaantaayin Jistiiniyaan 1ffaan kan ijaarame yoo taβu, waggoota 1,000 oliif kaateediraala guddichaa addunyaa taβuun tajaajilee jira.
Bakki seena qabeessa UNESCO kun yeroo Impaayerri Otomaan magaalattii 1943βtti qabatee turetti masjiidatti jijjiiree kan ture yoo taβu, 1930 keessa muuziyeemiitti jijjiirame.
Kamisa harβaa yoo manni murtii ajaje irra deebiin masjiida taβuu mala.
Pirezidantiin Turki Erdoohaan yeroo filannoof dorgomaa turanitti jijjiiramichi akka raawwatuuf waamicha taasisaa turani.
Rogeeyyiin Islaamaa Turki bakkichi masjiidatti akka jijjiiramuuf yeroo dheeraaf fedhaa turanus warreen walabummaa amantaa deeggaran ammoo faallaa kanaan dhaabbachaa turani. Wixinichi dursitoota amantaafi biyyootaa idil-addunyaa biratti qeeqamaa jira.
Dursaan Bataskaana Ortodooksii Bahaa akkasumas Giriik sochii kana mormanii jiru.
Ministirri aadaa Liinaa Mendoonii, biyyattiin βsabboonummaa amantaaβ hin barbaachifne deebisanii kassuuf yaaduun Turkiin himatu. Bakki seena qabeessi UNESCO kun osoo koree dhaaba kanaatiin hin murtaaβin jijjiiramni kamuu hin taasifamu jedhu.
Daayirektarri I/A UNESCO Erneestoo Raamiireez turtii gaazexaa Giriik Ta Nea jedhamu waliin taasisaniin, waliigalteen taasifamuu akka qabu dubbatani.
Qaamni UN kun Turkitti xalayaa barreessus deebiin akka hin kennamneef himani.
Seenaan isaa maali?
Gamoon seena qabeessi kun kan argamu kutaa Istaanbuul Faatiih jedhamu keessa.
Mootii Justiniiyaan 1ffaa ture gamoon baayβee guddaa akka ijaaramuuf bara 532βtti kan ajaje. Magaalaan kun Impaayera Baayzaantaayin yookaan Impaayera Roomaa Bahaa yeroo sanaaf magaalaa guddoo kan turteefi Konistaantinooppil jedhamuun waamamti ture.
Injinaroonnis kaateediraala kana ijaaruuf meeshaalee ijaarsaa Meediteraaniyaan irraa guurani.
Bara 537βtti yoo xumuramus, teessoo paatriyaarkii Ortodooksii magaalattii akkasumas bakka muudamaa taβuun tajaajiluu eegale.
Haagiyaa Soofiyaan Ortodoksii Bahaaf waaggoota 900 taβaniif tajaajilaa erga tureen booda jaarraa 13ffaa keessa weerartoonni Awurooppaa bakkicha dhaaluun teessoo Kaatoliikii taasisanii turan.
1453βtti garuu Impaayerri Otomaan, Sulxaan Mehmeed jelatti bulaa ture Konistaantinooppiliin toβachuun magaalattii Istaanbuulitti moggaase. Impaayerri Baayizaantaayinis achuumaan bara baraan dhumateef.
Mehmed, Haagiyaa Soofiyaa wayita seenetti gamoon sun haaromfamee masjiida akka taβuuf ajaja dabarse. Guyyoota muraasaan dura weerartootaan bakkichi erga qabamee deebiβeen booda salaataa Jumβaa jalqabaa taasifamerrattis hirmaate.
Ogeeyyiin ijaarsaa Otomaan mallattoolee Ortodooksii gamoo keessaa kaasuun minhaaraa itti dabalani. Hanga 1616 xumuramuu Masjiida Cuquliisaa Istaanbuulittis masjiida guddaa magaalattii taβuun tajaajile.
Masjiida Cuquliisaa dabalatee kan magaalattii keessatti ijaaraman kan biroofis bocni Haagiyaa Soofiyaa kaβumsa taβee ture.
Dhuma Waraana Addunyaa 2ffaa irratti impaayerri Otomaan diigamus, sabboontonni walitti dhufuun Turki ammayyaa amma jirtu haftee impaayerichaa walitti qabanii ijaarani.
Hundeessaafi pirizidantiin Turki jalqabaa Musxafaa Kamaal Ataaturki, Haagiyaa Soofiyaa gara muuziyeemiitti akka jijjiiramuuf ajaja dabarse. 1935βtti ummataaf banaa erga taβee booda, bakkeen tuuristii Turki hedduu daawwataman keessaa tokko taβeera.
Maaliif barbaachisaa taβe?
Seenaa ganna 1,500βf qabuun Haagiyaa Soofiyaan qaamolee Turki keessaafi ala jiraniif faayidaa amantaafi siyaasaa guddaa qaba.
Seera tajaajila amanataa dhorku 1934βtti baβe mormuun, gareewwan Islaamaafi musliimonni mormii garagaraa aluma gamoo sanaatti taasisanii jiru.
Pirezidantiin biyyattiis filannoo darbe irratti iyya isaanii kana dabarsuun masjiida kana muuziyeemiitti jijjiiruun βdogoggora guddaa tureβ jedhanii turani. Akkaataa masjiidatti deebiβuu dandaβurrattis gorsitoota isaanii gaafachaa akka turan himama.
Ammallee teessoon isaa Istaanbuul kan taβe Ortodooksii Bahaaβf paatriyaarkii kan taβan Baartolomeew 1ffaa, yoo wanti kun raawwate kiristiyaanota miiliyoonotaan lakkaaβaman mufachiisuun wal-hiruu uuma jechuun akeekkachiisani.
Ministira haajaa alaa Turki kan taβan Mevluut Kaavusoogluu murtee daangaa Turki keessatti taasifamurratti Ateensi angoo hin qabdu jedhani.
ββWanti biyya keenya keessattiifi qabeenya keenya irratti raawwanu nuqofa ilaallataββ jechuun 24 TVβtti dubbachuun gabaafameera.