Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paartiin Obbo Lidatuun hundeessan dhimma fayyaa isaaniirratti MM Abiyyiif xalayaa barreessuufi
Manni murtii Magaalaa Bishooftuu miseensa Mana Maree Biyyaalessaa Paartii Dimookiraatawaa Itoophiyaa (PDI) kan taβan Obbo Lidatuu Ayyaalewirratti guyyaa kaleessa, Wiixata, qorannoo poolisiif guyyoota 7 eeyyame.
Dhimma Obbo Lidatuu kan dhiyeenyatti hordofan pirezidantiin paarticha Obbo Adaanee Taaddese ragaaleen dabalataa akka hin dhiyaanne ibsuun, taβus dhibee onnee Obbo Lidatuu irratti ragaa walβaansaa akka dhiyeessaniif kan manni murtii gaafate dhiiyeessu isaani ibsaniiru.
Ragaaleen walβaansaa dhiheessan kun dhibeen isaanii lubbuu isaaniif yaaddeessaa taβuu, koronaavayirasiif saxilamoo taβuufi hordoffiin walβaansaa akka isaan barbaachisu kan ibsudha.
Dabalataanis, walβaansaaf Ameerikaatti beellama qabaachuu isaanii ragaa agarsiisu dhiyeessuu isaani Obbo Adanee himaniiru. Taβus, manni murtii dhimmicha ilaaluuf beellama dabalataa guyyaa torba kenneera.
Obbo Lidatuun kan toβannoo jala oolan ajjechaa Hacaaluun booda hokkara magaalaa Bishooftutti kaβe qindeessuufi deeggaruun shakkamaniiti.
Abbootiin seeraa yeroo adda addatti waan geeddaramaniifi dhimmichi haaraa taβaa waan itti deemeef irra deebiin bellamni guyyaa torbaa kennameera jedhu Obbo Adaanan.
Meeshaalee waraanaa lamaan poolisiin βyeroon mana isaani sakkattaβeettan argadheeβ jedhee irratti Obbo Lidatuun meeshaan inni tokko meeshaa hin hojjennee kan abbaa isaanii irra dhaalaan argatan taβuu himu.
Inni biraammoo kan bara 1998'tti meeshaa waraanaa eeyyama mootummaan qabatan taβuu ragaa agarsiisuu dhiyeessuu isaani Obbo Lidatuun akka itti himaan Obbo Adanee dubbataniiru.
Abukaatoo bakka isaan buβu akka hin arganne ibsuun hanga ammaa Obbo Lidatuun ofii isaanii falmaa kan turan yoo taβu guyyaa kaleessaa abukatootiin akka falman Obbo Adaaneen dabalanii ibsaniiru.
βObbo Lidatuun abukaatoo argachuu dhiisuu isaanii erga miidiyaa irratti ibsinee booda torban darbe Oromiyaa keessa kan hojjataniifi abookaatonni Afaan Oromoo dubbatan bilisaan ni falminaaf waan jedhaniif harβa kan falman abukaatoo tokko waliin mariβachaadha,β jedhaniiru.
'Abdii kutaniiru'
Obbo Lidatuun beellama keennamuuf irratti 'abdii kan kutan' yoo taβu 'βtarii filannoo booda, waggaa lama boodan hiikamuu dandaβa, waggaa lamaaf of qopheesseen jira,β jechuun itti himuu isaanii Obbo Adaaneen himaniiru.
Haala fayyina isaanii irratti Obbo Lidatuun harβa mana murtii erga seenanii booda funuunni irra deddebiin rakkisaanii akka ture dubbatu Obbo Adaanan.
Walβaansa akka argataniif ragaaleen agarsiisan gaβaan jiraatus manni murtii waan hin eyyamneefiif Obbo Lidatuun βMurteen duβaa akka natti murtaaβettan lakkaaβa,β jedhanii dubbachuu isaanii himaniiru.
Pirezidantiin paartichaa buβaa itti aanuu eegurraan kan hafe nutis mana murtirraa abdii kuttanneerra jechuun dubbatu.
'Sababa ilaalcha siyaasaa isaaniin hidhamani,' kan jedhan Obbo Adaanan kana dura mariin hiikuuf Komishiinii Mirga Namoomaafi Boordii Filannoof xalayaa galchuu isaanii himu.
Ta'us, dhimma manni murtii qabate waan taβef gidduu galuu akka hin dandeenye itti himamuu dubbataniiru.
Amma yeroo dhumaaf Ministira Muummee Abiy Ahimadiif xalayaa barreessuuf qophaaβuu isaanii Obbo Adaanan BBCtti himaniiru.
Magaalaa Finfinneefi Naannoo Oromiyaatti ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda hookkara ka'en lubbuun lammiilee 170 ol kan darbe yoo ta'e qabeenyi guddaas barbadaa'eera.
Rakkoo nageenyaan walqabateefi hookkara ka'enin shakke jechuun poolisiin qondaaltota siyaasaa, hoggantoota mootummaa, humnoota nageenyaa, gaazexeessitoota dabalatee walumaagala namoonni 7,000 ol ergasii hidhaa seenaniiru.