Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Filannoo Covid-19 gufachiiseefi dirree siyaasaa Itoophiyaa tasgabbii dhabe
Filannoon Itoophiyaa marsaa 6ffaa sababa weerara koronaavaayirasiitiif jedhamee yeroo hin beekamnetti hin dabarfamne osoo taβe Hagayya 29, Sanbata darbe kana, gaggeeffama ture.
Adeemsi yeroo filannoon dheeressuu paartilee siyaasaa dabalatee qaamolee gara garaa biratti yaada wal falmisiisaa turedha.
Paartileen jajjaboo yeroon filannoo achi butamuu isaarratti yaada paartii biyya bulchaa jiru waliin waliif galanillee adeemsa isaarratti komii akka qabamniif waliif hin galle yoo irra dedeebiin dubbatan dhagahamu.
Paartiin naannoo Tigiraay bulchu TPLF ammoo yeroo filannoon achi butuuyyu ni morme.
Kanaanis TPLF yeroon filannoo achi butuun isaa βmootummaa Federaalaa bara aangoo isaa dheereffachuufβ jechuun mormuudhaan filannoo sadarkaa naannootti gaggeessuuf sochii eegaleera. Filannichas gaggeessuuf guyyoota 10 qofatu isa hafe.
Filannoon naannoon Tigiraay gaggeeffachuu deemaa jiru kunis dhimmoota madda atakaaroo siyaasaa biyyattii taβan keessaa taβee itti fufeera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa mootummaan naannoo Tigiraay filannoo gaggeessuun seera qabeessa hin taβu jedhe ture.
Erga yeroon filannoo yeroo adda hinbaaneetti achi butamu isaa himamee kaasees biyyattii keessatti jijjiiramoonni siyaasaafi nageenyaa balβaan uumamaa jira.
Paartileen siyaasaa mormitootaa hedduunis filannoon achi siquu yaada jedhu irratti walii galan garuu yeroosaa dheeressuudhaan walqabatee yaada furmaataati jedhan kaaβanii ture.
Heerii mootummaa filannoon akka darbuuf waan hin eeyyamneef akka biyyatti irratti mariin gaggeeffamee filannoon yoomiifi akkamiin gaggeeffamuu qaba kan jedhu murtaa'uu qaba ture ejjennoo jedhu kaasanii turan.
Biyya Neezerlaand kan jiraatu xiinxalaan siyaasaafi nageenyaa Adam Kaasee (PhD) filannoon biyaalessaa lammileen hedduun hawwii guddaadhaan eegaa turan sababa koronaavaayirasiitiin darbuun isaa carraa sirriitti qophaaβuu uuma ture jedha.
Haataβu malee, qabatamaan haalli mulβataa jiru rakkooleen siyaasaafi nageenyaa mulβachuun isaa akka isa gaddisiise hima.
βDuraaniyyu Itoophiyaan yeroo ceβumsaa hinititne keessa turte,β kan jedhu Adam (PhD) βpaartileen siyaasaa tokko tokkoof yeroon filannoo dheerachuun qabxii falmii siyaasaa uumuun haala siyaasaafi nageenya duraan dhiifamee ture caalaa hammeesseera,β jechuun BBCf ibsa.
βMurtee filannoon yoom yaa gaggeeffamu jedhu murteessuu keessatti mootummaa Federaalaa qofaan taβuun isaafi paartileen mormitootaa ammoo yeroo ceβumsaa kana keessa gahee ifa taβe dhowwatamuun isaanii atakaaroon siyaasaa akka daran hammaatu taasiseera.β
Taateen ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa baatii lamaan dura Finfinnee keessatti raawwatame ammoo rakkoo siyaasaafi nageenyaa biyyattii keessatti daranuu hammeesseera.
Namoota ajjeefamuu Haacaluu mormuun bahaniin hokkaa Oromiyaafi Finfinnee keessatti dhalateenis namoonni 170 ol taβan ajjeefamanii qabeenyis mancaβeera.
Kana hordofuun ammoo tarkaanfii mootummaan fudhateen miseensota paartilee siyaasaa gurguddoo taβan dabalatee namoonni kuma hedduu taβan hidhamaniiru.
Fakkeenyaaf, Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessaa namoonni jajjaboo baayyee hidhamaniiru.
Turtii BBC waliin taasisaniin Durasaan KFO Piroof. Mararaa Guddinaa, βWanti ijoo biyyattiifi siyaasa keessatti tasgabbiin akka deebiyee uumamu gochuu taβuu qaba,β jedhan.
βHaataβu malee, karaan itti deemamaa jiru kun kan eenyuufiyyu buβaa buusu miti. Akkaataa itti namoonni hidhaman dargaggoota Oromoo biratti fudhatama waan argate natti hin fakkaatu. Akka mormitoota ukkaamsuuf yaaluutti kan lakkaaβame natti fakkaata.β
Piroof. Mararaan itti fufuun: βRakkoon keenya rakkoo siyaasaati. Mootummaan kan hordofaa jiru garuu βol-aantummaa seeraaβ kan jedhudha. Rakkoon keenya rakkoo ol-aantummaa seeraa hin turre. Rakkoon keenya rakkoo siyaasaa bakkuma duriitti dhaabbatee hafedha. Keessattuu ammoo yaaliin ceβumsi gara dimokiraasiitti taasifamu fashaluun isaa gatii nu kaffalchiisaa jira.β
Namoonni hidhaman osoo himannaan irratti hin banamiin yeroo dheeraatiif turuufi gaaffii poolisiifi abbaan alangaa guyyoonni dabalataa nuuf yaa kennamu jechuun irra deddeebiin dhiyeessan akka adeemsi murtii harkifatu taasiseera. Kun ammoo qeequmsa biroo mootummaa irratti dhiyaachaa jirudha.
Kana ilaalchisuun gaaffiin Waajira Ministeera Muummeetti kutaa Pirees Sakireetaariif dhiyaateera. Waajirichis BBCf barreeffamaan deebiseera. Miidhaan qaqqabe balβaafi gadi fagoo waan taβeef kan yeroo fudhatuufi qorannoo qabeenyaa gaafatudha jedha Waajirichi. Kunis kan taasifamu yeroo biyyattiin weerara Covid-19 waliin wallaansoo wal qabaa jirtu keessatti jechuunis dabalee hubachiisa Waajirichi.
βDhaabbileen keenya seera kabachiisuurratti hojjetan carraaqqiifi cimina guddaadhaan adeemsa qorannoo xumuraa jiru,β jechuun adeemsi qorannoo namoota siyaasaa bebbeekamoorratti taasifamu xumuramee adeemsi dhaddachi himannaa duraa jalqabamuu akka fakkeenyaatti kaasuun ibseera Waajirri Ministeera Muummichaa kun.
Sababii kun taβeef ammoo namoonni siyaasaa kunneen dhiibbaa guddaa qaban fayyadamuudhaan warren raga bahan irratti yaaddoo uumuu dandaβu sodaan jedhu uumamuu isaatiin akka taβe dubbata.
βMootummaan taateewwan hokkaraa namoota siyaasaa tokko tokkoon qabsiifame ceβumsa dimokiraasii keenya irra balaa kan buusan jedhee amana,β kan jedhu Waajirri Ministeera Muummee kun, βwarreen itti-gaafatamummaa malee sochoβaniif, mormitoota seera biyyattiin ittiin bultullee kan akka waan tokkootti hin lakkoofneef deebii yeroo kennutti mootummaan of qusachuu gudaa agarsiisaa turullee; of qusachuun akkasii kun kanaan booda kan jiraatu miti,β jedheera.
Itoophiyaan ammallee muddama siyaasaarraa kan furamte hin fakkaattu. Torbeewwan lamaan darban keessa Oromiyaa keessatti hiriirawwan mormii gaggeeffamaniiru.
Kana hordofees namoonni ajjeefamanii kaan ammoo miidhamaniiru.
Paartileen akka Kongireesii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaaden, Shangoo Biyyaalessaa Agawu, Paartii Dimokiraasii Moochaa, Paartii Aranaa Tigraay fi Paarii Magarasii Kafaa waliin taβuun ibsa jalqaba Caamsaa 2020 baasaniin qabxiiwwan furmaataa kaaβanii turan.
Paartileen kunneenis rakkoo uumameef falli heera mootummaa keessaa waan hin jiraanneef, mariifi wal-taβinsi paartilee siyaasaa dirqama jedhanii tuan.
Kanaan alatti tarkaanfiin fudhatamu kamiyyuu gama siyaasaa, heera mootummaafi uummata biratti fudhatamummaa waan hin qabneef biyyattii gara goolama siyaasaa badaatti oofuu dandaβa jechuun ibsanii turan paartilee kunneeni.
Kanaaf jecha wal taβiinsa hunda biratti fudhatama qaburra gaβuuf qajeeltoowwan armaan gadiirratti wal taβuu qabna jedhu.
1. Mariin paartilee siyaasaa filannoo bara 2020 irratti hirmaachuuf ulaagaa guutanii galmaaβan gidduutti taβuu qaba.
2. Mariin gaggeeffamu qaama walaba taβeen hoogganamuu qaba.
3. Waliigalteen marii kanarratti irra gaβamu qaama hunda iyyuu kan hirmaachise taβuu qaba.