Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayidan poolisoonni haleellaa raawwatan seeraan yaa gaafataman jedhan
Kaadhimamaan paartii dimokiraat Joo Baayidan poolisoonni tibba darbe lammiilee gurraachota Ameerikaa taβan lama rasaasaan ajjeesan seeraan akka gaafataman akeekkachiisan.
Namoonni lameen kunneen Jaakoob Blake fi Breonna Teeylar jedhamu.
Joo Baaydan, badii uumameef namni meeqa akka gaafatamu hin eerre, garuu erga sochiin walqixxummaa lammiilee bifa hiriira mormiin biyyattii keessatti jalqabee akka raawwatame eeraniiru.
Qondaalli gameessi kun sagantaa maallaqa walitti qabuu jiβa Hagayyaa kana keessa milkaaβinaan erga xumuranii booda haasaa taasisan keessattidha waaβee dararaa poolisiin lammiileerraan gaβaa jiru xiyyeeffannaan kan kaasan.
ββSirni haqaa biyyattii of dandaβee hojiisaa akka hojjetu ni feena. Garuu poolisoonni kunneen yoo xiqqaate adabbiisaanii argachuu qabuββ jedhan.
Dargaggeessa umrii waggaa 29 kan taβe Jaakoob Bileek, hookkara tibba darbe gaafa Hagayya 23, 2020 Kenooshaa, Wiiskansiin keessatti kaβerratti duddasaa iddoo torba rasaasaan rukutamee duβe.
Ergasii garuu qondaala poolisii haleellaa sana raawwaterratti tarkaanfiin hin fudhatamne, qoratamaa jira yaadi jedhu Waajjira Haqaa Wiiskansiin fi US irraa dhagahamaa ture.
Bireonna Teeylar, shamarreen umrii waggaa 26 ammoo Bitootessa darbe gaafa 13, 2020, haala suukanneessaadhaan manashee Louisville, Kentaakii keessatti argamu keessa haala suukanneessaan ajjeefamte.
Poolisoota yakka kana raawwatan keessaa tokko hojiisaarraa kaβeera, lameen hafan ammoo wayita dhimmi isaanii qoratamaa jirutti hojii hooggansaarraa boqotanii jiru.
Joo Baayidan, nama torbee darbe hiriira deggertoota Tiraamp irratti dhukaasa banes akka seeraan gaafatamu akeekkachiisaniiru.
Namni kun akka miidiyaan US adda baasetti rogeessa ergama garee mormitootaa gama bitaa ('far-left) bakkaan gaβuuf deemudha.
Namni kun torbee darbe deggertoota Tiraampiif daandii Poortlaandi, Oreegoon irrati hiriira baβan irratti haleellaa suukanneessaa raawwate.
Erga waggaa afur dura kaadhimamtuun duraanii paartii dimokiraat Hilarii Kilintan Kenooshaa, Wiiskaansiin daawwatanii qondaala dimokiraatotaa yeroo duraaf garas imalaniidha, Baayidan.
Daawwannaasaanii kanaan maatii namoota firri jalaa du'e ilaaluuf akka jiranis ibsameera.
Joo Baayidan akkaataa of-eeggannoon barnoota eegaluun dandaβamurratti dubbatanii turan.
Bakka rakkoon hamaan tibba darbe mudate Wiiskaansiin, Pirezidaanti Tiraampis daawwataniiru, garuu maatii miidhamtootaa hin dubbisne.
Kanaan kan komatamaa jiran Tiraamp, dhimma namoota kunneenii seerri qabatee waan jiruuf keessa seenee hin jeequ jedhan.