Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kuusaan odeeffannoo dijitaalaa IS guddaadha jedhame argame
Kuusaan odeeffannoo internetaa [online] garee Islamic Stateβ jechuun of waamuu qorattootaan argamuu ibsame.
Qorattootni dhaabbata qorannoo βInstitute of Strategic Dialogueβ (ISD) akka jedhanitti kuusaan odeeffannoo dijitaalaa IS jedhame kun qabiyyee adda addaa 90,000 kan qabu yoo tahu jiβa tokko keessatti namoota 10,000 tahaniin ilaalama.
Qorattootni akka jedhanitti akkaataa qabiyee shororkeessummaa bakka buusaa fi haaromsaa deeman irratti hojjeta jedhan.
Kuusaa odeeffannoo dijitaalaa kana interneeta irraa buuusuun garuu akkan ulfaata jedhan. Farra shororkesitootaa UK fi US maxxansa kana beekaniyyuu ittuma fufee guddachaa jira.
' Shororkeessaa fooyyaβaa'
Kuusaan odeeffannoo kun kan argame erga hogganaan IS beekamaan Abu Bakar Baagidaadii bara 2019 keessa ajjeefameeti.
Yeroo sana maxxansaaleen miidiyaa hawwaasaa hedduun kan IS deeggaran βlinkβ gabaabduu qaba ture.
βLinkβ kun qorattoota gara kuusaa odeeffannoo afaanota garaagaraa sagalii qabuutti isaan geese.
Haleellaawwan dhaqqaban kan akka haleellaa Maanchistar Caamsaa 22 bara 2017, Landan waxabajji 7 bara 2005, Fulbaana 11 bara 2001 haleellaa Ameerikaa irrati dhaqqabe of keessaa qaba.
Haleellaa raawwachuu fi karoorsuuf wantootni beekuu qabdu hunduu achi keessa jira jedhan Itti aanaan daariktera βInstitute of Strategic Dialogueβ Musxafaa Ayaad.
ββWantoota shororkeessaa gaarii si taasisuu dandaβan,ββ jedhan.
ISD maqaa kuusaa odeeffannoo kanaa Kalifet Kacjee jedhee moggaase. Jiβootaaf akkaataatti hojjetuu fi eenyu akka toβatuuf daawwatu qorachaa turan.
Odeeffannichi kompiitera tokko keessa qofa osoo hin taane sarvarii garaagaraa keessatti kuufamee waan jiruuf internet irraa buusuuf ulfaataa taasisas jedhan.
Namni kamiyyuu bakka biraa irraa marsariitii irratti qooduu dandaβa. Dabalataan akkawuntii namoota beekamoo cabsanii seenuun [ hack] gochuun odeeffannoo isaanii achiin beeksifatu.
Fakkeenyaaf Tiwiitera weellisaa beekama Jastin Biiber cabsanii qabiyyee isaanii irratti beeksisifataniiru.
Dabalataan marsariiticha irra falaasamni IS, kitaaba amantaa fi jireenyi shororkessitootaa jira.
Odeeffannoon kun abbaa alangaa US farra shororkeesummaa irratti hojjetu Niw Yoorki jirutti beeksifameera. Qorannoon akka gaggeeffamaa jirus ibsameera.