Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileetiksii: Siifan Hasanii fi Moo Faraan Biraasilsitti rikaardii cabsan
Dorgommii Daayimend Liigii Beeljiyeem Biraasilsitti dorgomamerratti dhalattuun Itoophiyaa Siifan Hasan dorgommii saβaatii tokko fudhateerratti meetira 18,930 fiiguun rikoordii addunyaa haaraa galmeessite.
Dorgommii s'aatii tokko keessatti fageenya dheeraa fiiguun dorgomamu kana kan dubartootaan riikardii qabattee kan turte atileetii Itoophiyaa biroo Dirree Tuneedha.
Atileet Dirreen bara 2008 sa'aatii tokko keessatti meetira 18,517 fiiguun riikardii addunyaa qabatte.
'Injifachuu koofi riikardii haaraa galmeessuu kootti akkaan gammadeera' jechuun tiwiitarii irratti barreessite atileet Siifan.
Haaluma wal-fakkaatuun atileet Mohaammad Faraa, dorgommii daayimandi liigii fiigicha saβaatii tokkoo dhiirotaa riikardii haaraa galmeessisuun ijifateera.
Amma dura dorgommichaan kan riikardii addunyaa qabatee ture atileet Haayilee G/Sillaasee, bara 2007 saβaatii tokkotti meetira 21,285 fiige.
Moo Faraan sa'aatii tokko keessatti meetira 21,330 fiiguun riikardii addunyaa haaraa galmeessise.
Atileetiin ganna 37 lammii Biriteen Moo Faraa fiigicha olompikii meetira 10,000 fi 5,000 sadarkaa addunyaatti dorgomame marroo lama injifachuun atileetii beekamu.
Moo Faraan dorgommicha booda yaada kenneen, βrikaardii addunyaa cabsuun salphaa miti, baay'ee ulfaataa akka ture isinitti himaβ jedhe.
Kana malees βdorgommicha injifadhee dirree fiigichatti deebiβuu kootti gmmadeeraβ jedhe.
Dorgommii Olompikii Riyoo booda fiigacha karaarratti kan xiyyeeffate Moo Faraan, dorgommii fiigicha meetira 10,000 Tookiyoo bara dhufutti dabarfametti deebiβuuf akka jirutu eegama.
Kanaan dura dorgommii maaraatoonii Chikaagootti kan hirmaate Faraan, atileetii Beeljiyeem Bashiir Abdii wajjiin dorgommichi goolabamuuf daqiiqaan 30 wayita hafutti addaan kutee keessaa bahuusaatu yaadatama.
Dorgommii Biraasilsitti dorgomame kanarratti garuu deeggartoonni istaadiyeemitti waan hin argamneef rikardii Hayilee G/Sillaaseen qabame cabsuun shakkamaa turus, gara xumuraatti dorgommicha dursuu eegale.
Abdiin yeroo murtaaβeef dursuu jalqabe, taβus chaampiyona idil-addunyaa marroo 6 kan injifate Moo Faraan dorgommicha salphaatti injifateera.
Faraan dorgommii karaarraa gartokkee/walakkaa maaratoonii Antirim Fuulbana 12 dorgomamutti akka hirmaatutu eegama.
Dorgommiin maaraatoonii Landan Sadaasa 4 dorgomamurratti morkiin jabduu atileetii beekama Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaa fi morkatasaa rikaardii addunyaa qabate atileetii Keeniyaa Eliyuud Kipchoogee gidduutti taasifamu saffisisuuf Moo Faraa akka hirmaatus ni eegama.