Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paartiin Baaytoonaa teessumni tokko nuuf kennamuun hin malle jedhe
Paartilee filannoo naannoo Tigraay irratti hirmaatan keessaa tokko kan taβe Baaytoonaa teessoon nuuf kanname kan nuuf malu miti jedhe.
Paartichi harβa ibsa kenneen ββdimokiraasummaa fi haqummaan filannochaa burjaajaβeeraββ jedhe.
Filannocha paartiin aangoo harkaa qabu TPLF sagalee kenname keessaa dhibbeentaa 98 argachuun akka moβate ibsamee ture.
Akkaataa seera qoqqoodiinsa teessoo mana maree naannoo dhiyeenya kana fooyyaβee baheen TPLF teessoo 152 argateen dabalataan teessoowwan 38 paartileef qoodamuuf jiru jedhamee eegamee ture.
Haataβu malee akkaataa qabxii Komishiniin Filannoo Naannochaa baaseen TPLF teessoo 189 yoo argatu Baaytoonaan ammoo teessuma tokkittii argateera.
Baaytoonaan garuu ibsa harβa baaseen ββmurtee kana yoo fudhachuu baannellee seera kabajuu qabna. Akkaataa seeraan ammoo teessoon nuuf kenname kun nuuf mala jennee hin amannu,ββ Jedheera,
Seerri filannoo naannoo Tigraay ilaalchisee baβe teessoowwan mana maree naannichaa keessaa dhibbeentaa 20 kan taβu paartileef qoodama jedha.
Haataβu malee yeroo seerri kun yeroo baβu paartilee morkattootaa irraa mormiin mudatee ture.
Paartichi ibsasaa keessatti ββLabsiin filannoo Tigraay jalqabumarraayyuu TPLF tumsuuf baβe jennee amannaββ jedheera.
''Haa ta'u malee, sagaleen nuuf kenname teessuma argachuuf kan nu hin dandeessisne akka ta'edha,'' jedha ibsichi.
Teessoon nuuf kenname nuuf maluu isaa bu'uurri seeraa agarsiisu yoo jiraate garuu gammachuudhaan ni simanna jedha Baaytoonaan.
Filannoon akka milkaa'u qaamota milkeessan jedhee komishinii filannoofi humnoota nageenyaaf galata dhihesseera dhaabichi.
Rakkoowwan gama filannoon dhaqqabe jedheenis ibseera.
Doorsisni ''eenyun akka filattan beekna'', ''filannoo booda eessa akka seentan ilaalla'', hanga filannoon xumuramutti kaadhimamtoota mormituu waliin akka hin mul'anne'' jedhuufi namootarra gahe akka jiru ibse.
Dabalataan caasaan dhaaba naannicha bulchuu, TPLF, balbala namaarra deemuun dhaaba Baaytonaa balfaa turani jechuun himateera.
Dhimma kanarratti TPLF waan jedhe hin qabu. Kana durallee dhaabni Salsaay Wayyaane jedhamu himannaa walfakkaataa dhaabicharratti dhihesseera.
Filannoo Caamsaa 04, bara 2012 naannoon Tigraay gaggeesseen Manni Maree Federeeshinii heeraan ala akkasumas hojiirra hin oolu jechuun isaa ni yaadatama.