Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Icciitii talaallii mormisiisaa qorattoonni bira hin geenye
Osoo koroonaavaayiras dhufuu baatee namuu waaβee talaallii hin dhiphatu ture. Covid-19 waaβee talaallii hedduu akka yaadnu nutaasisee jira.
Talaalliin yeroo ammaa hawwiin eegamu kan koroonaavaayirasiiti. Chaayinaan talaallii vaayirasii kanaa argadheera yoo jettu, ofumaa dhukkubicha fiddee talaalliis fiddii? Jechuun itti qoosaa jiru.
Raashiyaan gama ishiitiin talaallii argadheera erga jettee bubbultus, warri Lixaa eenyutu ishee aman jechuutti jiru.
Addunyaanis lamatti qoodamee jira. Gareen talaallii jibbu talaalliin isinitti yaahafu jechuutti jiru, maaliif? Yoo jedhaman ammoo, Biilgeetisiin duroomsuu faayidaa darbe hin qabu jedhu.
Ofii, talaalliin walumaagalatti waan badaa dhaa?
Odeessi kun waaβee talaallii wantoota ajaaβibsiisoo mudatan isinitti hima. Dubbisa gaarii.
Giinii Biisaawutti wanti ajaaβibaa mudate.
Qorataan lammii Deenmaarki Piitar Eebii, ganna 40 darbe keessaa hedduu kan dabarse Giinii Bisaawutti, bara 1978 garas deeme, achumaa BBC waliin gaaffiif deebii taasiseera.
Biyya Afriikaa hiyyeettii kana keessatti talaalliin buβaa guddaa tokko itti agarsiisee jennaan achumatti qorannoo keessa lixee yeroo kana hunda jiraate.
Yeroo Piitar gara Giinii deemetti, weerara dhibee Gifiraatu ture, ijoollee hedduu galaafachaa ture. Piitariif gareensaas duula talaallii geggeessani.
Ijoolleen talaallii fudhataniif hin talaallamin wal-biratti yoo qabaman, warreen talaallaman harka 50 duβaatii jalaa miliqani.
Kan nama dhibu, warreen talaallii kana fudhatan dhibee gifiraan qofa osoo hin taane, dhukkuboota biro irraas ture duβuurraa kan oolan. Kanatu Piitar faβI achuma turanii qorannoo akka geggeessan kan isaan kakaase.
Ijoolleen sunneen talaallicha wayita fudhatanitti, osoo hin yaadamin kaayyoo hojjatameefin alas dhibeewwan biro hin beekamnerraas isaan baraaraa ture. Qaama isaanii keessa yoo galu wanta fooyyesse qaba jechuudha, kanatu saayintistoota sunneen ajaaβibsiise.
Qaamni keenya akkamiin hojjata?
Bara dheeraaf talaalliin hojjatamaa kan ture dhibee tokko fayyisuufi. Qaamni keenya garuu talaallii kan hubatu akkasitti miti. Qorattoonnis kana bira kan gaβan erga bubbuleeyyu.
Talaalliin kaayyoo yaadameefiin ala nihojjata. Dhibeewwan hin yaadamneefi hin baramneefis dawaa taβa.
Akkamitti gaaffii jedhuuf garuu, qorattoonni deebii hin qabani. Tilmaamuu qofa dandaβu.
Talaalliin dhibee biraaf hojjatame akkamiin dhibee kaan ittise?
Namni tokko talaallii fudhatee, alarjii (rifaatuu qaamaa), kaansarii, alzaayimarii, fi kan biroorraa tasa fayyuu dandaβa jechuudha. Kanaafi talaalliin sombaa (TB) Covid-19βf ooluu dandaβa jedhamee qorannoon itti fufiinsaan geggeeffamaa kan jiru.
Garuu dhibeewwan lameen gidduu wal-fakkeenyi hin jiru. Inumayyuu garaagara. Tokko baakteeriyaa kaan ammo vaayirasiidha.
Taβus garuu, talaalliin kun jijjiirama wayii qaama namaa keessatti yoo fidu mulβateera. Ammallee abdii taβus waan gaariidha jechuuni saayintistoonni dhamaβaa kan jiran.
Gaaffiin hin deebine garuu, akkamiin talaalliin dhibee tokkoof hojjatame kaaniif oola kan jedhu yoo taβu, dubbistoota qofa osoo hin taane, saayintoonnis kanuma gaafatu.
Gama tokkoon maayikiroo orgaaniizimoonni dhibeewwan kunneenii adda adda taβus, βantiijiinβ wal-fakkaataa wayii qabaachuu malu yaada jedhutu jira.
Kanaafuu qaamni keenyas pirootiinii talaallii tokko keessa jiru waan baratuuf, pirootiiniin dhibee tokko keessa jiru ammo haga taβe isa kaaniin wal-fakkaachuu waan dandaβuuf, talaalliin dhibee kaaniif hojjatame isa kaan ittisuu dandaβa jechuudha, jedhamee yaadama.
Yaadni inni lammaffaan ammoo akkasi:
Talaalliin qaama keenyatti yoo seenu, seelonni dhukkuba ittisan hundi nidammaqu, kanarraa kaβuunis baakteeriyaanis taβe vaayirasiin qaama keenyatti yoo seenan, haleellaa irra gaβuun ni injifatamu.
Qaamni keenya raayyaa lamaan dhibeewwan ofirraa ittisa.
Inni jalqabaa, loltoonni raayyaa dhibee nurraa ittisanii dafanii dhukkubaaf harka kan kennan yoo taβu, talaalliin fedhe yoo kennamellee dhibee sanaan waan wal-baraniif fayyisuu hin dandaβani. Kanaafi dursamee vaayirasii yookaan baakteeriyaa sana humna hirβisanii gosa talaalliin qaamatti yoo seenuu naasuudhaan dammaquun isa cimee dhufu ofirraa kan qolan.
Loltoonni raayyaa lammaffaa ammoo, dafanii dhukkubaan hin lolani, riphee loltoota. Gaafa loluu eegalan garuu hin mooβamani. Kuni uumamaan kan nuwaliin jirudha (innate immune system) jedhama. Saayintistoota kan ajaaβibsiises talaalliiwwan tibbanaa raayyaa kana dammaqsuu dandaβuu isaaniiti.
Buβaa ajaaβibaa talaalliiwwanii isa xumuraa
1980 keessa WHOβn dhukkubni Maariitee badeera jedhee yoo labsu, talaalliin isaas achumaan bade, ijoolleenis talaallamuu dhiisani.
Wanti nama ajaaβibu jedha Piitar, Giiniittis taβe Deenimaarkitti talaalliin Maariitee buβaa gurguddaa fideera. Garuu dhibee sanaaf qofa jedhamee waan yaadameef akka badu taβe, ammas dogoggora wal-fakaataa uumaa jirran seβa.
Pooliyoonis naannolee Baadiyyaa Afgaanistaan irraan kan hafe bade jira. Talaalliinsaa yoo kennamu garuu dhibeewwan biroof faayidaa akka qabu hin qoratamne ture.
Giiniitti talaalliin kun pooliyoon alatti duβaatii harka 67 akka hirβise qorannoon tokko mulβisee jira. Yeroo sanattis Giiniitti dhibeen sun badeera wayita jedhametti buβaan kun ifa kan argame. Talaalliin sun buβaa icciitii wayii qaba ture jechuudha.
"Yeroo dhibee tokko lafarraa balleessinu talaalliisaas walumaan darbannee ganna, kunis milkaaβina guddaa nutti fakkaata, garuu talaallii tokko yoo maqsinu duβaatii dabalaa jiraachuu keenya hin hubannu" jedhani saayintistichi Aabba Piitar.
Talaalliin Covid-19 haaraa dhufu buβaalee biro akkamii nuuf fidee dhufa laata?
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras