Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoo biyyaalessaa dhufu irratti filattoonni miliyoona 50 ni eegamu
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaa dhufu irratti filattoonni miliyoona 50tti siqan akka hirmaatan ni eegama jedhe.
Boordichi kana kan jedhe filannoo biyyaalessaa 6ffaa ilaalchisee hojii qophiiwwan filannoof barbaachisu beeksisteettidha.
Lammileen umuriin isaanii filannoof gahee filannicha irrattis ni hirmaatu jedhe walakkaa baayyina ummata biyyattii taβu jedheera Boordiin filannoo Biyyaalessaa kun.
Akka ibsa Boordichaatti,guutummaa biyyattii keessatti buufataaleen filannoo sagalee itti kennaman 50, 900 ni jiraatu.
Manni Maree Bakka Buβoota Ummataa gamagamaafi yaada gorsaa haala weerara koronaavaayirasii ilaalchisee biyyattii keessa jiru ilaalchisee Ministeerri Fayyaa dhiyeesse ilaaluun filannoo biyyaalessaa baranatti darbe gaggeessuuf qophiin dandeesisu akka taasifamu murtessuun isaa ni yaadatama.
Haaluma kanaan buufataleen filannoon alattis namoota filattoota galmeessan namoota 152,700 akka bobbaasu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsaasera.
Boordichi namoota guyyaa sagaleen itti kennamu filannoo raawwachiisanis 254,500 ramaduuf akka jiru himeera.
Filannoo biyyaalessaa akka bara kana gaggeeffamu ibsame kanaaf galmeewwan filattootaa afaanota shaniin qophaaβuun isaas beekameera.
Amanamummaa filannichaa mirkaneessuudhaaf is kaardii filattoonni fudhatanis baayyisuudhafis taβe fakkeessanii maxxansuudhaaf akka hin dandaβamnetti taβee kaardii filattootaa nageenyi isaa eegamu taβee qophaaβuu isaa Boordichi ibseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa saanduuqawwan sagaleen itti kennaman, dahoo sagalee icciitiin keessatti kennan, borsaawwan meeshaalee barbaachisan qabatan, baatirii minjaalaafi kanneen biroo guyyaa filannoof barbaachisan qopheessuu isaa beeksiseera.
Filannoon biyyaalessaa kun yoo akka gaggeeffamu guyyaan murtaaβe kan hin baβiin jiru taβullee, Boordichi garuu qophiiwwan duraa barbaachisan taasisaa akka jiru ibseera,
Filannoon biyyaalessaa jaβaffaa Hagayya darbe gaggeeffama jedhamee eegamaa ture. Haataβu malee, sababa yaaddoo weerara koronaavayirasiitiif akka bara kanatti darbu murtaaβuun isaa ni yaadatama.