Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nasa'n mana fincaanii doolaara miiliyoona 23 baasu hawaatti erguuf
Nasaβn mana fincaanii harkisi lafaa isaa zeeroo taβe gara Buufata Hawaa Idil-addunyaatti erguuf.
Manni fincaanii kun jalqaba buufata hawaa kanatti erga yaalamee mirkanaaβee boda gara fuulduraatti deemsa qorannoo saayinsiif gara addeessaatti taasifamu keessatti tajaajilaaf oola.
Keessumaa manni finaanii sirna vaakiyuumii buβuureffachuun hojjetame kun akkaataa saayintistoota dubartootaaf mijataa taβetti kan hojjetame.
Kaargoon feβumsaa mana fincaanii kanaa gara hawaa geessu Kamisa darbe ture Varjiiniyaa Oddoola Kawaalooppis irraa kan furguggifamuuf ture.
Haataβu malee saataalaayitiin kun furguggifamuuf daqiiqaan sadi wayita hafu rakkoon teeknikaa imala kanaaf sodaachisu waan mudateef gufateera.
Manni fincaanii akkuma mana fincaanii kaanii nama tokkoof kan tajaajilu yoo taβu, itti fayyadami isaa garuu akka isa lafarraa miti.
Manni fincaanii haaraan Nasan hojjete kun bakka harkisa dachee zeeroo taβetti qaama namaa keessaa balfa guuree baasuun, saayitistoonni hawaa akka qulqullaaβna godha.Manni fincaanii hawaa kun akka maashina awwaara qulqulleessuu(vacum cleaner)βttidha kan hojjetame.
Balfa keessoo namaatii xuuxee iddoo qophaaβetti geessee gata, sagaraa fi baakteraa daguugee nama keessaa baasa.Manni fincaanii kun kiilogiraama 45 ulfaata, seenti meetira 71 asii ol dheerata.
Manni fincaanii amma hojjetame kun kan kanaan dura hawaa keessa ture irra harka 65βn xiqqaata.