Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Harargee Bahaa aanaa Jaarsootti xayyaarri qoricha farra awwaannisaa biifaa turte kufte
Godina Harargee Bahaa aanaa Jaarsootti xayyaarri qoricha farra awwaanisaa biifaa turte lafa dhawuu, bulchaan aanichaa Obbo Abdulqaadir Dazii BBCtti himan.
Bulchaan kun xayyaarichi har'a [Kamisa] guyyaa keessaa naannoo saβaa jahaatti araddaa Gidayaa Bahaa jedhamu keessatti kufuu isaa BBCti himan.
βWeerarri awwaanisaa erga nu jalqabe guyyaa afraffaadha. Awwaanisni kun akka malee baayβachuurraa kan kaβe araddoota afur irratti midhaanirratti miidhaa geessisaa ture.
Xayyaarichi awwaannisa kanaaf jecha dhufee yeroo naannaβu miidhaan tasaa irra gahe,'' jedhan.
Torban tokko duras Naannoo Amaaraa Aanaa Warrabaabootti weerara awwaannisaa mudate ittisuuf jecha heelikooptarri keemikaala biifaa ture kufeera.
Balaa naannoo Amaaraa kanaanis lubbuun darbe akka hin jirree fi balaliisaan garuu balaan jiddu galeessi isa mudatee Hospitaala Samaraatti yaala argachaa turuu gabaasnee turre.
Balaa guyyaa Kamisaa Aanaa Jaarsotti qaqqabeen, xayyaaricha keessa balaliisaan qofti kan ture yemmuu taβu, innis miidhaan akka irratti hin qaqqabne.
βBattalumatti yeroo nuti aanaarraa ambulaansii erginuuf xayyaarri biraan dhufee fuudhe. Innillee nagaa qaba, hin miidhamne. Haala gaariidhaan gara Dirredhawaatti geeffamee jira,β jedhan bulchaa aanichaa Obbo Abdulqaadir.
βXayyaarichi goommaan irraa harcaβee jira malee kan biraa nagaa qaba,β jechuunis BBCtti himan.
Gandoota aanaa Jaarsoo afur keessatti hoomaan awwaannisaa gosoota midhaanii akka mishingaa fi boqqoolloo irratti miidhaa cimaa geessisuu isaas Obbo Abdulqaadir dubbataniiru.
Balaan walfakkaataa torbee darbe naannoo Amaaraa keessatti mudatee kan ture yemmuu taβu, weerarri hoomaa awwaanisaa kutaalee biyyattii garaagaraa keessatti mudataa jirus omishaa midhaanii irratti miidhaa qaqqabsiisaa jira.