Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Atileet Shaambal Abbabaa Biqilaa akkamiin yaadatama?
Dilbata hardhaa Onkololeessa 25βtti atileetiin maaraatoonii beekamaa Abbabaa Biqilaa, erga duβaan addunyaa kanarraa boqotee waggoota 41 lakkoofsiseera.
Atileetichi atileetiksii Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane, Afriikaafillee karra kan bane ture. Injifannoon isaas onnee lammiilee Itoophiyaa hunda keessa jira.
Seenaa Abbabaa galmeen seenaa, ispoortii, miidiyaaleen addunyaa akkasumas lammiileen Itoophiyaan haalaan yaadatuun.
Injifannoosaa hunda caalaan ifee kan mulβatu injifannoo inni Roomitti miila duwwaan fiigee Itoophiyaa fi ummatoota gurraachaaf argamsiiseedha.
Dorgommiin Olimpiikii addunyaa 17ffaan bara 1960 Xaaliyaan, Roomitti ture kan taasifame. Dorgommii kanarratti ispoortessitoonni 5,000 ol biyyoota 83 ol irraa babbahan irratti hirmaataniiru.
Dorgommii kanarratti namni gurraachi biraa injifannoon milkaaβes jira β Mahaammad Alii ulfaatinna salphaatiin meedaaliyaa warqee argatee ture. Taβus garuu meedaaliyaan warqee Mahaammad Alii hammas kan leellifame hin turre.
Taateen biraa seenaa yeroo sanii keessatti yaadatamus jira β Afriikaan Kibbaa dorgommii ardiitiin yeroo dhumaaf hirmaattee dhorkamte ture. Biyyattiin sababa sirna yeroos ture Appaartaayidiif ture kan dhorkamte.
Taβus dorgommiin olimpiikii yeroo sanii meedaaliyaa Mahaammad Alii yookiin dhorkamuu Afriikaa Kibbaatiinii miti kan yaadatamu.
Dorgommichi atileetii Itoophiyaa miila duwwaa fiigee riikordii galmeessise - Atileet Shaambal Abbabaa Biqilaan yaadatama.
Yeroo sanitti atileetii Abbabaa Biqilaa jedhamuu mitii biyyi Itoophiyaa jedhamtuyyuu lammiilee biyyoota biroo beekan lakkoofsaan muraasa.
Haa taβuu malee dorgommichi Xaaliyaanitti taasifamuu fi oduun Xaaliyaan Itoophiyaa weerartee Itoophiyaan injifatamuushee miidiyaaleen gabaasaa turan; injifannoon Abbabaa Biqilaa oduu ijoo taβe.
Miidiyaaleen idil addunyaa atileetiin hin eegamne dorgommicha injifachuusaatiin nahanii; atileetii Itoophiyaa miila duwwaa fiigee injifatee walharkaa fuudhanii gabaasan.
βMosolooniin loltoota kumaatamatti laakkaβaman bobbaasee meeshaalee waraanaa fi gaazii summaaβaa fayyadamee yeroo Itoophiyaa weerarutti; loltuun Itoophiyaa tokko Xaaliyaan qofa osoo hin taane addunyaa guutuu injifate,β oduuwwan jedhan gabaafaman.
Mudannoo sanβ¦
Yeroo dorgommiin olompiikii taasifame sanitti lammiileen Itoophiyaa muraasni magaalaa Room jiraatu ture.
Isaanis hordoftoota amantaa Kaatolikii kan turan yoo taβu, barnoota amantichaa akka barataniif kan garas ergamaniidha.
Bara 1960βtti haati takka hojiidhaaf Asmaraarraa gara Room imalanii turan. Haati Aadde Saaraa Salbaa jedhaman βfuula gurraachootaa osoo hin argin jiraadha; Asmaraan itti dhaladhee guddadhes yaadaan na keessa deddeebiti ture.
Darbee darbee baratoonni barnoota amantiif dhufan kophummaa kiyya hubatanii dhufanii na gaafatu ture,β jedhanii itti himanii turuusaanii mucaansaanii ni yaadata.
Aadde Saaraan Abbaba Biqilaa dorgommicha yeroo injifatu tvβn ilaalaniiru. Warroonni adii isaan waliin turan βmucaan biyya keetii injifateβ jedhaa iyyaa akka turan ni yaadatu.
Taβus garuu Aadde Saaraan isaan waliin gammaduurra booyicha filatan. Sababni booyichasaanii kan ture ammoo miila duwwaa fiiguu Abbabaati.
Shaambal Abbabaa fi leenjisaasaa Onii Niskaanan
Abbabaa Biqilaa Hagayya 30 bara 1925 bulchiinsa Shawaa kutaa biyyaa Dabir Birhaanitti abbaasaa Obbo Biqilaa Damissee fi haadhasaa Aadde Wuddinesh Manbaruurraa dhalate.
Abbabaan dargagummaasaa tiksee taβuudhaan maatiisaa gargaareera. Ganna 12βttis barnoota lubummaa xumureera. Umurii ijoollummaasaatti taphataa beekamaa tapha qillee akka ture ni himamaafi.
Bara 1944βtti gara Finfinnee deemuun Kibur Zabanyaa keessatti loltummaan qacaramee tapha qillee fi ispoortiitiin muuxannoo argachaa ture.
Lammii Siwiidin Onii Niskaanan [1910-1984] Kibur Zabanyaa keessatti leenjisaa ispoortii ture.
Miseensota kutaa ispoortii keessaa muxannoon Abbabaa lamaanii qalbiisaa hatee akka ture yaadannoon dhiisee deeme ni mulβisa.
Abbabaa Biqilaa atileetiksiitti kan makame yeroo ganna 24 turetti. Onii Niskaanan osoo Abbabaan akka atileetiksitti seenuuf dhiibuunii baatee, atileetii taβuu dhabuu akka dandaβu dubbata. Abbabaan kubbaa kachoo fi miilaa taphachuu ni jaallata ture.
Leenjisaan Onii Niskaanan Abbabaan dorgommii fiigichaarratti akka hirmaatuuf ni jajjabeessaan ture. Haalli fiigichasaa fi ofitti amanamummaasaa jaalata waan tureef, dorgommii Kibur Zabanyaa keessatti yeroo hirmaatu qabxii gaarii fiduu jalqabe.
Onii Niskaanan muxannoo fiigichaa Abbabaa Biqilaa fi Abbabaa Waaqjiraa ilaalee Olimpiikii Roomitti taasifamerratti akka hirmaataniif isaan qopheesse.
Abbabaa Waaqjiraan Abbabaa Biqilaa ganna 10βn kan caaluun yoo taβu, olimpiikii Room irratti akka Abbabaa Biqilaa miila duwwaa fiiguun torbaaffaa bahuusaa galmeen seenaa ni hima.
Abbabaan lamaan maaliif miila duwwaa fiigan
Olompiikii Room irratti Abbabaa Biqilaa maaliif miila duwwaa akka fiige yaadonni adda addaa kennamaa turan.
Galmeen hedduun kopheen Abbabaaf taβu dhabamuusaa; yaales kopheen waan itti dhiphateef miila duwwaa fiiguuf filachuusaa barreessaniiru.
Galmeen kunneen Abbabaa Waaqjiraa maaliif miila duwwaa akka fiige wanti isaan galmeessan tokkollee hin jiru.
Taβus garuu Onii Niskaanan Abbabaa faβa qabee erga gara Room imalee booda leenjii taasisu ture.
Leenjischis kophee fi miila duwwaan taasifama ture. Onii Niskaanan yeroo leenjichaatti waan tokko hubate. Atileetonni lamaan miila duwwaa fiiganii saffisa fooyyee qabu galmeessisanii turan.
Abbabaa Biqilaa kophee godhatee yeroo fiigu daqiiqaa tokkotti tarkaanfii 5-6 akka harkifatu leenjisaansaa Onii Niskaanan mirkaneessaniiru.
Dorgommicha booda Onii Niskaanan barreeffamoonni barraaβan dhugaarraa kan fagaatan taβuusaa dubbatee ture.
Yaadonni βkophee akka hin qabnee fi kopheen bitameefis waan itti dhiphateefβ jedhan dhugaa miti jedheera Onii Niskaanan.
Oniin akka jedhutti atileetonni lamaan kunneen Room deemuusaanii dura waaβee dorgommichaa odeeffannoon gahaan kennameefii ture.
Atileetonni saffisa gaarii qaban eenyu faβa kan jedhu, lakkoofsa dorgommiisaanii wajjin haalan itti himamee ture.
Atileetota isaan waliin dorgoman keessaa atileetiin lammii Morookoo Radii bin Abdulsalaam isa tokko. Abbabaan faati waaβeesaa odeeffannoo qabaatanis lakkoofsa jijjiirachuusaa garuu hin beekne ture.
Radiin lakkoofsi dorgommiin dura isaa kenname waan hin argamneef lakkoofsi haaraa kennameefi ture.
Abbabaan faati Radiidhaaf lakkoofsi haaraa kennamuusaa quba hin qaban. Abbabaan atileetota biroo fageenya guddaan dhiiseen yeroo fiigutti Radiin garuu fageenya dhihootti isa hordofa ture.
Yeroos Morookoon atileetota sadi hirmaachistee waan turteef; Abbabaan sadan keessaa tokko taβuu mala jechuun hamma siidaa Aksuum Roomitti argamu gahuuf hamma sana itti hin yaadofne ture.
Abbabaan wantoota leenjisaasaarraa itti himame keessaa tokko yeroo siidaa Aksuum bira gahu saffisasaa akka dabaluuf ture.
Innis dorgommichi xumuramuuf yeroo km2 isa hafu siidaa Aksuum biratti saffisasaa dabale.
Abbabaan yeroo sanitti yeroo muraasaafillee taβuu hin qalbeeffanne turee carraa Radiin injifatamusaa akka ture ni himama.
Akka ibsa leenjisaasaa Onii Niskaananitti osoo km40 namni waliin fiige Radii taβuusaa beekee, osoo dursee fiiguun saβaatii galmeesse caalaa rikordii fooyyee qabu galmeessisuu dandaβa ture jedha.
Abbabaan dorgommii Jappaan Tookiyootti taasifamerratti rikordii mataasaa fooyyessuun injifateera.
Dorgommicha dura jiβa tokko dursee yaala baqaqsanii yaaluu taasisus, dorgommicha gahumsa gaariin xumureera.
Bara 1968βtti yeroo ganna 36 turetti dorgommii olompiikii yeroo sadaffaaffa hirmaatus, miidhaa irra gaheen osoo hin xumurin baheera; dorgommichi garuu injifannoo atileetii Itoophiyaa biraa Maammoo Woldeetiin xumurameera.
Atileeti Abbabaa Biqilaa balaa konkolaataa irra gaheen ganna 41βtti addunyaa kanarraa duβaan boqoteera.