Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Komishiniin Mirgoota Namooma ajjeechaa lammilee Gulliisootti qaqqabe balaaleffate
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) ibsa harβa baaseen namoota nagaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Gulliisootti hidhattootaan ajjeefaman ifatti balaaleffate.
Haleellaan kun Sadaasa 1, 2020 garee namoota hidhannoo qabanii fi hin qabne 60 taβaniin gandoota godinichaa Gaawwaa- Qankaa, Gillaa- gogolaafi Sirkaa-Jarbii keessatti loltoonni Federaalaa bakka sanaa bahuu hordofee guyyuma sana raawwatamuu maddeen natti himaniiru jechuun Komishinichi gabaaseeera.
Warreen haleellaa raawwatan kunneen saba Amaaraa gandoota sadii keessa jiraatan irratti xiyyaafatan jedha ibsi EHRC kun.
Akka ibsi Komishinichi agarsiisutti, namoonni haleellaan irratti raawwatame kunneen manaa baafamanii erga mana barumsaatti walitti qabamanii boodadha.
Lakkoofsi namoota ajjeefamanii hanga ammaatti mirkanaaβe 32 taβus, ragaa argadhe jedheen ammoo lakkoofsichi kana caaluu akka malu himeera Komishinichi.
βAjjeechaan sukkaneessaa namoota nagaa irratti raawwatamu fudhatama kan hin qabneefi duudhaawwan namoomaa buβuura taβanillee kan cabsudha,β jedhan Komishinarri Ol-aanaa Komishinichaa Daaniβeel Baqqalaa.
βMufiin hangamii jiraatullee gara jabina akkasii kanaaf sababa taβuu hin dandaβu waan taβeef qaamni badii kana raawwate itti gaafatamuu qaba.β
Aangaβoonni federaalaa haleellaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)n himatu kan jedhu ibsikun, dubartoonniifi daaβimman warra miidhaman keessatti akka argmanis eereera.
Aangaβoonni mootummaan Federaalaafi naannoo atattamaan ajjeechaa kana ilaalchisuun qorannoo walabaa akka gaggeessan kan gaafate Komishinichi, sababii humni ittisaa bakka yeroo dheeraaf rakkoon nageenyaa jira jedhamee itti ramadame sanaa kaafameefis adda baasuun tarkaaniif malu fudhachuun nageenya lammilee mirkaneessaa qaba jedheera.
Baatii tokko keessatti haleellaan Itoophiyaa bakkeewwan gara garaatti qaqqabuu kan kaasee ibsi kun, naannoo Kibbaa, aanaa Gurra Fardaafi naannoo Affaaritti Onkoloolessa keessa namoonni ajjeefamuu himeera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa ajjeechaa kana ABO Shaneen akka raawwatame ibsuun tarkaanfii irratti fudhachaa jiru cimsee kan itti fufu ta'uus ibseera.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad gama isaanitiin ammoo ajjeechaa Wallagga Lixaatti raawwate kana ilaalchisuun Feesbuukii isaanii irratti ''haleellaa eenyummaa irratti xiyyeeffachuun lammiilee Itoophiyaa irratti fudhatamaa jiru na gaddisiiseera'' jechuun gadda itti dhagahame ibsaniiru.