Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp nagaa dhaammate, 'wanta hojjechuuf as dhufne hojjenneerra' jedhe
Pireezidantiin US Donaald Tiraamp aangoo gadhiisuun dura haasaa xumuraa taasiseen βwanta hojjachuuf as dhufne hojjenneerra, dabalataanis hedduu hojjenne,β jedheera.
Haasaa daqiiqaa 20 'Youtube' irratti gadhiifameen βlola cimaa fi ulfaataa loleeraβ¦sababiin isaa kana akkan godhuuf na filattani,β jechuun dubbateera.
Tiraamp buβaa filannoo Sadaasaa darbee kan Joo Bayidan itti injifate hin simanne ture. Haasaa isaa kanaan garuu bulchiinsi haaraa akka milkaa'uuf ni kadhannaaf jedhe.
Joo Baayidan Roobii (harβa) pireezidantii taβuun ni muudama.
Jala bultii sirna muudamaa isaa Baayidan lammilee US 400,000 dhibee Covid-19 lubbuu isaanii dhabaniif yaddannoo biyyaaleessa raawwate.
Kibxata galgala namoota dhibee kanaan lubbuu isaanii dhaban yaadachuuf duungoon 400 Waashigtan DC, gamoo Lincoln Memorial duratti ibsameera.
Guyyootiin xumuraa bulchiinsa Tiraamp kan yaadatamu hokkora deeggartoonni isaaa US Kaappitool humnaan seenuun kaasaniinidha.
Hokkora kana kakaasuun aangoorraa akka kaafaman kana himataman Tiraamp seenaa Ameerikaa keessatti pireezidantii al lama aangoorraa akka kaafaman himataman ta'aniiru.
Yoo kan itti murtaa'u ta'e lammata akka sadarkaa kamittuu aangoo mootummaaf hin dorgomne dhorkamuu malu
Tiraamp maal jedhan?
Donald Tiraamp haasaa isaa xumuraa kanaan maqaa pireezidanti aangoo irraa fudhatu takkaayyu hin kaasne.
βHokkorri siyaasaa haleellaa wantoota nuti akka lammilee Ameerikaatti kabajnu irratti taasifamudha. Kun fudhatama hin qabuβ jedheera.
Haasaa isaa kana irratti Tiraamp bulchiinsi isaa βseenaa addunyaa keessatti diinagdee isa guddaaβ ijaareera jedhe.
Gabaan qoodni ykn sheeriin dhaabbilee US (stock market) weerara koronaavayirasii irraa bayyaannateera jedhe.
Taβus garuu diinagdeen biroo rakkoo keessa jiru. Muddee keessa namootni hojii irraa ariβamuun isaanii buβaa hojii irratti dhiibbaa uumeera.
βAjandaan keenya waβee bitaa ykn mirgaa hin turree, waaβee Ripaablikaanii ykn Dimokraatii hin turre, kan ture garuu waaβee waan gaarii biiyyattidha, kun ammo waβee guutttumaa biyyattiidha,β jedhe.
Aangoo yeroo gadhiisuutti sadarkaa fudhatamummaa (approval rate) %34βn yoo taβu, kun seenaa pireezidantoota aangoo gadhiisanii keessatti isa xiqqaadha.
Sirna kakuu raawwannaa Joo Baayidan irratti kan hin argamne Donaald Tiraamp kana gochuun seenaa Ameerikaa keessatti nama lammaffaadha.