Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Albamiin Haacaaluu Hundeessaa walleewwan 14 qabu torban dhufu akka gadhiifamu maatiin himan
Albamiin sadaffaa Artist Haacaaluu Hundeessaa yeroo lubbuun ture qopheesse torban dhufu eegalee ummataaf akka gadhiifamu maatiin harβa ibsa miidiyaaleef kennaniin beeksisan.
Albamiin isaa sadaffaa mata-duree ββMaal Mallisaaββ jedhu Wiixata Waxabajji 28, 2021 ummataaf gad lakkifama jedhameera. Eebbi albamii Artist Haacaaluu kun guyyaa waggaa tokkoffaa inni itti ajjeefamerra oola.
ββHojiiwwan inni osoo lubbuun jiru osoo hojjetuu irraa wareegame kana ummata biraan gahuuf walitti qindeessinee xumurree jirra,ββ jechuun haati warraa isaa Aadde Faantuu Damissee Diroo dubbattetti.
"Haceen ani ummata kootiif qaaliidha jedheera. Ummannimmoo isaaf maalidha kan jedhu CD orijinaala isaa bitatee akka seenaadhaaf keewwatu ergaa koo dabarfachuun barbaada,ββ jechuun himte.
Akka maatiin harβa beeksisanitti torban dhufu gaafa Wiixataa albamiin inni osoo hojjetuu irraa ajjeefame ifatti bakka keessummoonni argamanitti eebbifama.
Sagantaa maatiin qopheessan jedhame kanarratti sababa Covid-19n kanneen hirmaatuu dandaβan namoota 450 qofa akka taβaniifi ummanni akka kana hubatu dhaamaniiru.
Sagantaa harβaa irratti kan argame weellisaan gameessi Elemoo Alii ummati CD orijinaala bituun maatii isaa bira akka dhaabbatu waamicha dhiheesseera.
Artist Haacaaluu Hundeessaa waggaa darbe Waxabajjii bultii 29, 2020 [ALI Waxabajjii 22, 2012] magaalaa Finfinneetti ajjeefame.
Hanga yoonaa sababni ajjeesaa isaa hin baramne.
Kanneen ajjeechaa isaatiin shakkamanii toβataman afur irratti himannaan kan baname yoo taβu, murtii dhumaa hanga yoonaa hin kennamne.
βHaacaaluun waan hunda nuuf salphiseβ
Kana dura Haacaaluun bara jireenya isaa albama lama, ββSanyii Mootiiββ jedhuufi ββWaaβee Keenyaββ jedhu hojjeteera. Kan sadaffaafi osoo hojjechaa jiruu irraa ajjeefame ammoo walleewwan 14 akka qabu maatiin ibsaniiru.
Hiriyyaan isaa dhihoo Ingiduu Cimsaa miidiyaaletti akka dubbatetti, Haacaaluun kana dura albamii lamaan ala wallee qeenxee torba hojjeteera.
"Haacaaluun saba isaatiif wareegame. Koppii baayβee maxxansinee waan jirruuf ummanni kabaja Haacaaluudhaaf jedhee yaadannoodhaaf akka mana kaaβu,ββ jechuun gaafate.
Albamii sadaffaa Artist Haacaaluu kana kan maxxansiseefi raabsu dhaabbata maatii Haacaaluu kan taβe Wabii Piromoshin taβuun ibsameera.
ββWabii Piromoshin eenyu yoo jettan, Wabiin mucaa Haacaaluuti. Piromooshin maqaa mucaa isaatiin hundeeffamee jirudha,ββ jechuun obboleessa quxisuu Haacaaluu kan taβe Sisaay Hundeessaa dubbateera.
Akka maatiin ibsanitti, ammatti walleen isaa gama CDn ala gama onlaayiniidhaan lammiilee biyya keessaafi ala jiraniif gama Itunes, Spotify, Amazon dabalatee ni argama.
Ammatti ββCD 300,000 β 500,000 qopheessinee jirra,ββ jechuun Sisaay dubbateera.
Fuulli Fesbuukii maqaa Haacaaluu qabuufi hordoftoota 50,000 ol qabu maatiin akka baname ibsa harβaa irratti miidiyaaleef himameera.
Adeemsa wallee isaa ummataaf qopheessuu keessatti waan isaan mudate BBCn kan gaafateef, ββBuβaa bahiin keessa dabarre hangas mara jabaadha jennee waanti [komii dhiheessinu] hin jiru,ββ jechuun deebisan.
ββInni waan hunda nuuf salphisee wareegame,ββ jechuun ββbuβaa bahii kan nurraa salphise isuma [Haacaaluu],ββ jechuun artistichi ajjeefamun dura dalaguu isaa hime Sisaay .
Biyya keessa CD fi dijitaalaan ala ammatti kaassettiidhaan walleen isaa qophaaβee akka hin jirre maatiin ibsaniiru. Garuu yoo barbaachisaa taβe qopheessuu akka malan ibsameera.
Qabiyyeen albamii kanaa maali?
Walleewwan kana duraa irratti Haacaaluun qeeqa, aadaa, jaalala, tokkummaafi dhimmoota garaagaraarratti weelliseera.
ββQindeessitoonni afur caalaan irratti hirmaataniiru. Miksingiifi maastarii Abagaaz Kibrawaq Shiwotaatu dalage. Tumsa maatiifi hiriyyootaan as geenye,ββ jechuun Sisaay dubbateera.
Wallee 14 kana keessaa sirbi jaalalaa jira, sirbi dhala namaaf hojjete jira, gootummaan ni jira, waaβeen gaaffii kaasu ni jira, akkasumas kan tokkummaa kaasu akka jiru Sisaay qabiyyee isaanii dubbate.
ββOsoo lubbuun jiraatee ofii isaatiif ibsate natti tola,," jechuun imimmaan ija ishiitti kan dhufe haati warraa isaa albamii haaraa keessa ββwaaβeen maatiillee jiraββ jechuun addatti BBCtti himteetti.
Waggaa dura yeroo Haacaaluun ajjeefametti walleen kanneen dalage keessaa ββGalatoomaaββ jedhu miidiyaa hawaasummaa gubbaa gadhiifamaa ture.
Maatiin wallee ββistudiyoo keessaa miti kan baheββ jedhan kun albama haaraa Wiixata dhufu eebbifamu keessa akka jiru dubbatameera.
βSagaleen isaa ummata boqochiisaβ
Guyyaa Jimaataa waaβee albama haaraa irratti addatti BBC waliin turtii kan taasiste haati warraa isaafi haati ijoollee isaa sadii Aadde Faantuun walleen isaa ummata boqochiisa jetti.
ββUmmanni kuni miira inni keessa jiru waaniin beekuuf sagalee isaa yoo dhagahu ni boqota jedheen yaada,ββ jechuun dubbatte.
ββYaadannoo isaa waggaa tokkoffaa irratti ni eebbifama. Bariituu isaa gaafa 22 [Waxabajjii, 2013] kaasee bakka hundayyuu ni raabsama,ββ jette.
Ajjeechaan Haacaaluu erga dhagahamee bakkeewwan Oromiyaafi Finfinnee garaa garaatti hookkarri kan uumame yoo taβu, lammiileen 170 ol lubbuu dhabuu poolisiin ibseera.
Lammiilee lubbuu dhaban alatti qabeenyi biiliyoonaan tilmaamamullee barbadaaβeera.
Ajjeechaa isaa booda hookkara uumamen walqabatee namoota siyaasaa dabalatee kumaataman kan lakkaaβaman hidhaa seenuun isaanii ni yaadatama.