Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimer Liigii: 'Kiloop leenjisaa cimaa na taasise' -Gaardiyoolaa
Gahumsa gaarii agarsiisuun torban darbe Chelsii kan moβate gareen Peep Gaardiyoolaa Liiverpuul morkattoota keenya tahuun isaanii akka fooyyofnu nu gargaare jedhan.
Lama tahanii waancaa Piriimer Liigii arfan darban kan moβatan Liiverpuuliifi Maanchester Siitiin ammas kileboonni lamaan kun morkii sana irra deebu jedheen eega jedhan Gaardiyoolaan.
Peep Gaardiyoolaan Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti morkataa isaa cimaa kan ta'e leenjisaa warra Liiverpuul Jaargan Kilooppiin 'leenjisaa cimaa' na taasise jedhe.
Maanchester Siitiin qabxii tokkoon Piriimer Liigicha dursaa kan jiru Liiverpuuliin caalame lamaffaarratti argama.
Maanchester Siitiin waggoota afuran darban keessa shaampiyoonaa Piriimer Liigii hin ta'iin kan itti hafe kan bara 2019-20 yeroo Liiverpuul mo'ate qofa ture.
Gaariyoolaan taphoota Piriimer Liigii garee Kiloop waliin taphate keessatti si'a sadet mo'ameera.
"Gareen Jaargan Kiloop akkan manaajera cimaa ta'u na taasisan," jehe Gaardiyoolaan.
Kilebootni lameen Dilbata dhufu kana morkii cimaa taasisu.
Bar kana cimina guddaa irra kan jiru Chelsiin taphoota lama Yuuvantasii fi Maan Siitiidhaan walitti aansee moβame.
Leenjisaan isaa Toomas Tuuhel garuu kileboota lameen waliin gahumsa garagaraa irra taanee taphanne.
Kaleessa dadabbii irraa bayyaannacuuf fayyadamne. Shaakala gahaadha jedhamu hin goone jedhan.
Tapha itti aanu irrattis gahumsa morkattoota keenyaa beeknee of qopheessine jedhe.
Namni kamuu moβamuu hin jedhu kan jedhan leenjisaan lammii Jarman Toomas tapha itti aanu Saawuhampitan waliin qaban moβachuuftaphanna jedhan.
Jalqabbii gadi buβaadhaan kan jalqabee booda moβacuutti deebiβe Arsenaal Biraayitan keessummeessa.
Kilabootni Inglizii tapha boruuf iftaan taphatamu ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaa jiran irratti leenjisaan Maanchister Yuunaayitid Ole Guna Soolshaayer Roonaaldoon nama kamiifuu fakkeenya gaariidha jedhan.
Roonaaldoon gara Yuunaayitiditti erga deebiβee taphoota irmaate irratti waliigalaan galchii shab lakkoofsise.
Tapa dirree keessaa fi isaan alas taphattootni akka onnataniif diibbaa guddaa uumera jedhan.
ββUmurii kanaan ammayyuu gahumsa guddaa irra jira. Haaluma kanaan itti fufuuf hojjenna. Nama kamiifuu haala qophii taasisuun fakkeenya guddaadha.
Erga dhufee jiβa tokko qofa taus dhiibbaa guddaa uumeera.
Roobii galgala taphannee ammas Everteen waliin Sanbata taphachuun ariifatus garuu qophii ni taasifna jedhan.
Maarkes Raashfoordi miidhama gateettii isa mudate irraa gara shaakalaatti deebiβuun oduu gaariidha jedhame.