Misaa'eloonni Iraan Awurooppaa qaqqabuu danda'uu?

 Misaa'eliin Iraan dhukaafte suuraan yeroo mul'atetti

Madda suuraa, Photo by Eyad Baba / AFP via Getty Images

    • Barreessaa, Nick Ericsson
    • Gahee, BBC World Service
  • Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Iraan balastik misaa'elii gara buufata waraanaa waloo UK-US kan odolo Giyeegoo Gaarsiyaa Garba Indioyaarratti argamutti dhukaasuun ishee walitti bu'iinsi Baha Giddugaleessatti dhalate hammaachaa dhufuu isaa ifatti agarsiisa.

Bakki irratti xiyyeeffattee haleellaa gaggeessite hin haleelamne, haata'u malee Humni Waraanaa Israa'el (IDF) erga waraanni kun jalqabamee misaa'eloonni fageenya dheeraa deeman hojiirra ooluun isaa kan jalqabaati jedhe.

Misaa'ela fagoo deemu kana dhukaasuushee Iraan ammatti hin mirkaneessiin jirti, miidiyaaleen Iraan garuu maddeen biyya alaa eeruun gabaasaniiru.

Amma haleellaan bakka yaadame hin rukkutiin hafe kun, bakkawwan irratti xiyyeeffatamuu danda'u dabalatee ogeessonni maal akka akeeku ilaalaa jiru.

Fakkeenyaaf, magaalonni biyyoota Awurooppaa warri akka Barliin, Paaris, akkasumas Landan gara fuula duraatti irratti xiyyeeffatamuu danda'aa?

Minstirri kaabinee Yunaayitid Kingidam (UK) ammoo Iraan Landan haleeluu dandeessi gamaggama jedhu ragaan deeggaru hin jiru jedhe.

Barreessaan Manneen Jireenyaa Istiiv Riid, "gamaaggamni addaa Iraanonni UK irratti xiyyeeffataniiru jedhu hin jiru - ykn yoo fedhanillee gochuu waan danda'an miti," jechuun BBCtti hime.

Yaadni kun kan ka'e Humni Ittisaa Israa'el (IDF) Sambata 'Teehraan meeshaa waraanaa hanga kiiloomeetira 4,000 fagaatee haleelu qabdi' jechuun dubbatee boodadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubbiin kun Iraan buufata waraanaa waloo US-UK Odola Chaagos kan Garba Indiyaarra kiiloomeetira 3,800 Iraan irraa fagaatee jiru irratti xiyyeeffachuu hordofeeti.

Riid hangam misaa'eloonni Iraan daangaa Biriitishitti dhiyaachuu akka danda'anirratti dubbachuu hin barbaadne.

Iraan balastik misaa'eloota lama buufata waraanaa UK-US, Diyeegoo Gaarsiyaatti dhukaastee kan turte yoo ta'u, tokko karaatti kufee osoo hin qaqqabiin hafee, kan lamaffaa ammoo ni qolatame. Kun kan ta'e Jimaata galgala ture.

Oduu yaalii haleellaa Iraan kana hordofee IDF Sambata, Teehraan misaa'eloota lafa fagoo hanga Awurooppaa, Eeshiyaa fi Afrikaa qaqqaban hojjechuuf fedhii akka qabdu bara darbe ibsuu isaa yaadate.

Irri dabaluun: " Mootummaan shororkeessaa Iraan addunyaaf yaaddoo uumeera jechaa turreerra. Amma, misaa'loota Landan, Paaris ykn Barliin qaqqabaniin dhufeera," jedhe.

Kun hangam dhugaadha jedhamuun kan gaafatame ministirri UK Riid, "Iraanonni UK irratti xiyyffataniiru gamagamni jedhu ykn ni danda'us jedhu hin jiru," jedhe.

Dubbii Israa'el Iraan misaa'elota fagaatanii deemuu danda'an hanga magaalaa Landan qaqqaban qabdi jechuu hordofee gaaffiin ka'eera.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Israa'el Iraan misaa'elota fagaatanii deemuu danda'an hanga magaalaa Landan qaqqaban qabdi jechuu hordofee gaaffiin ka'eera.

Dubbii Israa'el Iraan misaa'elota fagaatanii deemuu danda'an hanga magaalaa Landan qaqqaban qabdi jechuu hordofee gaaffiin ka'eera.

"Sagantaan misaa'elaa Iraan dhimma addunyaa xiyyeeffannoon hordofamuu qabu erga ta'ee bubbulkeera jedha Goncheeh Habibihazaad BBC News Pershiyaa irraa.

"Teehraan misaa'eliin hojjettu ofirraa ittisuuf qofa, akkasumas tarsiimoo biyyaalessaa sodaamanii jiraachuurraa maddudha jettus, qeeqxonni garuu [misaa'eloota fagoo deemaniin cimaa deemuun ishee nageenya naannolee jijjiiruu danda'a."

Fedhii Teehraan nukilara gabbisuuf qabdu irratti yaaddoo jiru furuudhaaf mariin gaggeeffamaa ture haleellaa Israa'aliifi US Iraan irratti banaaniin erga dhaabbatee amma ji'a guutaa jira.

Sababa warana amma deemaa jiruunis mariin marsaa itti aanu carraan gaggeeffamuu isaas gadoi aanaadha.

Odolli Chaagos - kan buufanni UK-US irra jiru Diyeegoo Gaarsiyaa keessaa tokko ta'e- tilmaamaan Iraan irraa fageenya kiiloomeetira 3,800 irratti argama.

The Wall Street Journal fi CNN balaastik misaa'elii dhukaafame kana aanga'oota US magaan hin eeramiin waabeffachuun meeshaaleen dhukaafaman kunneen tokkoon isaaniiyyu bakka irratti xiyyeeffatame akka hin haleeliin gabaasaniiru.

Misaa'eloota lamaan dhukaafaman keessaa tokko samiirra balali'aa osooma jiruu fashalaa'e. Inni kan biraan ammoo doonii waraanaa US'n qolatame.

BBC'n gabaasaaleen kunneen sirrii ta'uus hubateera.

Hogganaan IDF, Lt Jeneraal Eyaal Zamiir, erga gara Odoola Chaagositti dhukaafameen booda viidiyoo miidiyaa hawaasummaairratti maxxansuun akeekkachiisa cimaa dabarseera.

"Iraan balastik misaa'elii ardiilee gidduutti kan sadarkaa lama qabu fageenya kiiloo meetira 4,000 deemu furguggifte. Misaa'eloonni kunneen Israa'el rukutuuf kan yaadame miti," jedhe. "Fageeny isaanii magaalota gurguddoo Awurooppaa kan qaqqabudha. Barliin, Paaris fi Room hundinuu balaa kallatti keessa jiru."

Ogeessi ittisaa fi hogganaa ajaja duraanii humnoota waloo UK - Jeneraal Sir Riichaard Baaroons dabalatee kanneen biroon wanti ta'e kun hundi kuusaa misaa'elaa iraaniifi eessa akka qaqqabu irra deebiin madaaluuf akka dirqisiise BBC'tti himaniiru.

"Kana dura misaa'eloonni Iraan fageenya kiiloo meetira 2,000 qofa deemu jennee yaadna ture. Diyeegoon ammoo kiiloo meetira 3,800 fagaataatti amanna ture."

Please contact VisualJournalismOnlineWSCentral@bbc.co.uk for translation instructions.

Hanga ammaatti Iraan sagantaa balastik misaa'elii fageenyi isaa kiiloomeetira 2000 qaqqabutti daagessitee akka jirtu dubbatti. Kana jechuun ammoo Israa'el fageenya haleelamuu dandeessurra kan jirtu yoo ta'u, Awurooppaan garuu miti.

Haleellaa US-Israa'eliin kan ajjeefame hogganaan waliigalaa Iraan Ayatolaa Alii Kameenii bara 2021 misaa'elii kiiloomeetira 2000 deemu qofa kan hojjenneef filannoo siyaasaaf malee rakkoo hanqina tekinikaa kana omishuu qabaannee miti jedhee ture. Kun ammoo yeroo sanatti gaggeessitoota Humna Eegdota Warraaqsaa Islaamaa (IRGC) irraa mormiiniyyu mudatee ture.

Alii Kameeniin sodaa Israa'elirraa dhufu ittiin eeggachuu malee Awurooppaan akka birratan gochuun fedhii keenya miti jedhee ture.

Haata'u malee, bara darbe ji'a Fulbaanaa keessa, miseensi paarlaamaa Iraan tokko TV mootummaatti akka himetti, IRGCn balastik misaa'ela ardiilee qaxxaamuran yaaluun milkaa'eera. Garuu waa'ee fageenya misaa'elichaa bal'inaan hin dhiyeessine.

Dandeettii fageenya misaa'elaa

Magaalaa Landan

Madda suuraa, Shomos Uddin via Getty Images

Dabalataan, aanga'oonni US yeroo dheeraaf jechaa kan turan Iraan sagantaa hawaa qabaachuu jechuun tekinooloojii balastik misaa'elii ardii qaxxaamuru akka ijaarrattuuf ishee dandeessisa jechuudha.

Akka Times of Israel jedhetti taanaan, Iraan yeroo barbaachisaa ta'etti tekinooloojii kana fayyadamuu dandeessi.

Kanarratti ammoo xiinxaltoonni tokko tokko waliigalu.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Tajaajila Rooyaal Yunaayitid Landanitti argamuu Dr Kariin voon Hippeel BBC News'tti akka himetti, "misaa'eloonni kun Diyeegoo Garsiyaa bira ga'aniiru jennee yoo fudhanne . . . hanga ammaatti kanneen hojii irra oolan hin argine malee, Iraanonni balastik misaa'elii balistikii ardiilee qaxxaamuran fageenya hanga 10,000km deemuu danda'anis hojjechaa jiru jechuudha."

Kana jechuun misaa'eloonni Iraanirraa dhukaafaman ardii Ameerikaa gahuu danda'u jechuudha.

Amma taajjabdoonni akka jedhanitti, haleellaan itti yaadamee Garba Indiyaa keessatti gaggeeffame kun waan qadaadanii kaa'an akka buqqisan agarsiisa.

 Baanerii alaabaa fi suura meeshaa waraanaa Iraan qabu

Madda suuraa, Atta Kenare / AFP via Getty Images

Haata'u malee, namoonni tokko tokko jalqaba osoo hin qolatamne ta'ee, misaa'eloonni kunneen bakka yaadame qaqqabuufi dhiisuun isaanii shakkisiisaadha.

Barreessaan Manneen Jireenyaa Istiiv Riid, "gamagamni addaa Iraanonni UK irratti xiyyeeffataniiru jedhu hin jiru - ykn yoo fedhanillee gochuu waan danda'an miti," jechuun BBCtti hime.

Dhimmichi amma dandeettii misaa'eloota fageenya dheeraa akkasii to'achuu fi qajeelchuu dabalatee, Iraan teeknooloojii misaa'elii fageenya dheeraa akkasii hojjechuuf barbaachisu qabaachuu bira osoo hin ga'iiniyyu dhimmi yaaddessu ni jira.

Innis gama xiinsammuunis waan mul'isu qaba.

Namoonni tokko tokko Iraan qiyyaafannaa haleeluuf yaadde rukkutuuf osoo hin taane, ergaa akeekkachiisaa ifa ta'e kan akeekaafi ofirraa ittisuu dabarsaa turte jedhanii amanu.

"Kana jechuun boor Landan ykn Paaris haleeluuf jirra jedhanii yaadu miti, garuu tooftaa sodaatamuu ittiin uummachuu danda;an biraa ta'ee isaan gargaara jedheen yaada," jedha qondaalli tika waraana duraanii Israa'el Daanii Sitiraanowiich.

Deebiin Israa'el taateewwan torban kana Garba Indiyaa keessatti raawwatamaniif kennites akka waca dhaga'amaa jiru tokkootti ilaalamuu danda'a.

"Dhugaadha waraana kana bal'isuun hanga danda'an biyyoota baayyee Ameerikaafi Israa'el waliin hiriirsisuu waan barbaadaniif, Israa'el kana jechuu dandeessi," jedha Jeneraal Sir Richaard Shireef .

"Kana mormuu qabna. Kun waraana Tiraampidha. Xumuraa fi tarsiimoo ifa osoo hin qabaatiin gara hadhaba keessaa hin baanetti seenaa jira. Ji'a ja'a dura dandeettiin nukilaraa akka barbadaa'e nutti himamee ture. Dhimma kanarratti waan Waashingiten irraa dhufu kamiyyu amanuu hin qabnu.