Mariin MM Abiy waraana keessa bulchitoota Arabaa waliin godhan maal hima?

Ministira Muummee Itoophiyaafi Pirezidantii UAE

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga MM Abiy aangootti dhufanii hariiroon Itoophiyaafi UAE haalaan cimeera
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraana Baha Giddugaleessaatti hammaateen kanneen hanqina boba'aan yaaddoo seenan keessaa tokko Itoophiyaan nagaan akka bu'u gaafataa jirti.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga waraanni eegalee dureewwan biyyoota Galoo Galaanaa sadii waliin bilbilaan mari'ataniiru.

Isaaniis ta'e waajjirri isaanii garuu marii bilbilaa kanneen irratti hin dubbanne.

Haa ta'u malee, miidiyaan mootummaa biyyoota MM Abiy waliin bilbilaan mariyatan kunneen, akkasumas dureewwan ibsa baasaniiru.

Waraanni Baha Giddugaleessaa goolaa jiru kana dura Kaaba Itoophiyaatti walitti bu'iinsi ka'uu mala jedhamee sodaatamee ture.

Hanga yoonaa eenyu waliin mari'atanii, maal jedhan?

UAE

Haleellaa US fi Israa'el torban Guraandhala 28 egalan torban sadaffaatti ce'eera.

Iraan michuuwwan US Baha Giddugaleessaa jiran irratti haleellaa cimsiteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanneen haleellaan Iraan itti jabaate keessaa tokkommoo biyya xiqqoo dinagdee guddaa ijaarte, UAE'dha.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Pirezidantii UAE waliin guyyaa Roobii bilbilaan mari'achuu miidiyaan mootummaa biyyattii WAM jedhamu gabaaseera.

Mariin bilbila isaanii kuni yeroo Iraan addatti UAE fi Qaataar irratti halleellaa cimsitee taasifame.

''Waraanni cimee dhiibbaa hamaa naannichaa, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii idil-addunyaa naannicharratti qabu,'' ilaalchisuun mari'ataniiru jedhameeera.

Ministirri Muummeee Abiy haleellaa Iraan balaaleeffachuu gabaasni kuni eeree jira.

Haleellaan Iraan birmadummaafi seera idil addunyaa sarba jedhaniiruus jedhe gabaasichi.

Itoophiyaan UAE bira akka dhaabbattu, akkasumas ''muddamni atattamaan akka dhaabbatu'' dureewwan lamaan mari'achuu isaaniillee gabaaseera.

Kana caalaa akka hin hammaanne mariin cimaa akka taasifamullee mari'achuun isaanii gabaafameera.

Torban dura yeroo balaliin xiyyaaraa sababa waraanaan danqametti MM Abiy ''daawwannaa hojiif'' gara UAE imalanii turan.

Keessumaa Pirezidantii UAE Sheek Mohamed bin Zayid Al Nahyan qaamaan wal arganii mari'ataniiru.

''Mariin keenyas michummaa yeroo dheeraa Itoophiyaafi Yunaayitid Arab Emireetis gidduu ture gabbisuu, walta'insaafi tasgabbii naannawaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ture,'' jedhan MM Abiy yeroos Facebook isaaniirratti.

Akka UAE irraa gabaafametti taanaan dureewwan lamaan waraana adeemaa jiruurratti mari'ataniiru.

Inumaa MM Abiy haleellaa Iraan balaaleeffatan jedhan miidiyaan mootummaa UAE WAM jedhamu.

Hariiroon Itoophiyaa fi UAE keessumaa erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii haalaan cimeera.

Suuraan daawwannaa isaanii qoodames kanuma raga baha.

Egaa kuni ta'ee guyyoota muraasa booda bilbilaan irra deebiin kan mari'atan.

Biyyoota Giddugala Bahaa Iraan haleellaa nurratti raawwatte jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota Giddugala Bahaa Iraan haleellaa nurratti raawwatte jedhan

Amma inni ijoo daawwannaan isaanii maal nutti himaadha?

Daawwannaa isaanii kana kanneen gootummaan ibsan jiru.

UAE'n bara bulchiinsi MM Abiy rakkoo keessa ture waan dhaqqabdeef, isaaniis yeroo biyyattiin rakkoo keessa jirtu daawwachuun michummaa jabaa ibsa jedhan.

Xiinxaltoonni Gaanfa Afrikaa xiinxalaniis kuni amanamtummaa MM Abiy UAE'f qaban agarsiisa jechuun yaada isaanii kennaniiru.

Faallaan kanaan kanneen isaan qeeqanis jiru.

Kuweet

Guyyoota jalqabaa waraanni eegale biyyoota haleellaa Iraaniin hubaman keessaa tokko Kuweeetidha.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraanni eegalee guyyaa lammataatti haleellaa Iraan Kuweet irratti raawwatte balaaleeffachuun gabaafame.

Bulchaan Itoophiyaa kana dubbachuun isaanii kan ibsame haleellaa Iraan hordofee Bitootessa 01, 2026 Ilma Mootii Kuweet Sheek Sabaah Kaalid Al Hamaad waliin bilbilaan marii taasisaniini.

Ministirri Muummee Abiy marii Ilma Mootii Kuweet waliin marii taasisaniin birmadummaa biyyattiifi daangaa qilleensaa isheerratti haleellaa raawwatu cimsanii balaaleeffachuu isaanii Maddi Oduu Kuweet (Afaan Ingilizitti geessa) gabaaseera.

Waraanni Yunaayitid Isteet fi Israa'el haleellaa Iraan irratti raawwataniin Ayaatolaa Ali Kaameniifi kaan ajjeefamaniiru.

Iraan isa haaloo bahuuf jecha biyyoota Galoo Galaanaa michuu Yunaayitid Isteet ta'anitti haleellaa qilleensaa kan cimsite.

Haleellaa kanaanis miidhaan dhaqqabeera, biyyoonni kunis mufii jabaa ibsaa jiru.

Akka gabaasa miidiyaa Kuweetitti wanti raawwate seera idil addunyaas ta'e chaartara Biyyoota Gamtoomanii kan cabsedha jedhaniiru.

MM Abiy bilbilaan marii taasisan irratti lammiilee Kuweet fi dhaabbilee biyyattiirratti haleellaa raawwatu balaaleeffataniiru jedhameera.

Dabaluunis, mootummaan Kuweet fi hooggansi biyyattii birmadummaa biyyattii, tasgabbiifi nageenya ishii kabachiisuuf tarkaanfii fudhattu maraaf deeggarsa isaanii ibsuu gabaafameera.

Qaataar

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Emirii Qaataar waliinis mari'ataniiru.

Waraanni eegalee guyyaa lammataatti haala Kataar keessa deemaa jiruurratti gaafachuufi Itoophiyaan haala kana keessatti Qaataar bira akka dhaabattu dubbatuun ibsameera.

Akka ibsa kanaatti, MM Abiy Qaataar haala amma jiru ''karaa nageenyaafi tasgabbii'' Qaataar mirkaneessuun akka furan amantaa akka irraa qaban dubbataniiru.

Emiriin Qaataar Sheek Tamiim bin Hamaad Al Taanii gama isaaniin ''michummaa isaaniif'' gama isaaniin bulchaa Itoophiyaaf galata dhiheessuufi hariiroo gaarii biyyoonni lamaan qaban leellisan..

Dureewwan lamaan naannicha nageenyatti deebisuuf mariifi furmaata dippilomasiif akka dursi kennamu dubbachuun isaanii ibsameera.