Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoota beekamoorratti himatni birrii biliyoona 1.7 waliin dhahuun dhiyaate maali?
Poolisiin Federaalaa namoota beekamoo fi artiistota dhaabbata Fenteek Investimeent hundeessan waliin waliindhahuu birrii biliyoona 1.7 ta'uun shakkee irratti himannaa banuu beeksise.
Dhaabbatichi kan hundeeffame Obbo Daani'eel Yohaannis Iyyesuusiifi Girmaay Gabaramikaa'eel jedhamaniin yoo ta'u, hundeessitootni dhaabbatichaa kun namoota bebbeekamoo fayyadamuun namoota 1200 ta'an irraatti miidhaa maallaqa birrii biliyoona 1.7 ta'u qaqqabsiisaniiru jechuun shakkaman.
Poolsiin Federaalaa namoota kana irratti qorannoo yakkaa 19 ta'an erga gaggeessee booda Abbaa Alangaatti erguu fi Abbaan Alangaas himannaa banuu beeksiseera.
Himannaan yakka kanaa jalqaba Poolisii magaalaa Finfinneef dhiyaatus ''yakkichi walxaxaafi kan daangaa ce'u'' ta'uusaatiin gara Poolisii Federaalaatti dabarfamuus gabaase.
Hundeessitoota dhaabbatichaa lamaan keessaa Daani'eel Yohaannis to'annoo jala oolee himannaan irratti banamee mana amala sirreessaa ta'ee dhimmasaa hordofaa akka jiru ibsameera.
Girmaay Gabramaariyaamiin garuu ammallee to'achuuf hordoffiin godhamaa ture jedhame.
Namni kun bara 2010 Waancaa Addunyaa Afrikaa Kibbaatti qophaayee tureen walqabatee lammiilee gara imalanii daawwachuu fedhaniif haala mijeessineerra jedhee maallaqa miliyonaan lakkaa'amu sassaabee biyyaa badee akka ture Poolisiin galmee yakkaasaarraa hubachuu ibseera.
Shakkamtootni lamaan namoota 1200 ta'aniin ji'oota sadi keessatti abbaa konkolaataa isin goona jechuun jalqaba walakkaa gatii konkolaatichaa, jechuunis kuma 950 harkaa fuudhee walakkaa isa hafe ammoo liqaa waggaa shan keessatti dhala malee kanafalamu baankii waliin mijeessuun akka irraa sassaabu amansiisee akka ture Poolisiin ibseera.
''Lammiilee waliindhahuun kaffaltii akka raawwatan godhaniiru'' ibsi Poolisii Federaalaa, namoota kaan amansiisuuf konkolaattota 148 biyyattii galchuun 100 ta'u namootaaf kennanii akka ture hime.
Kana keessaamoo konkolaattota gaggaarii 48 dhoksaan gurguruun cinaatti ''ragaa tokkollee osoo hin jiraatiin konkolaattota 350 alaa akka galchan fakkeessuun uummata burjaajessaa turan'' jedhe Poolisiin.
Dabalataan Konkolaattootni bakka hin jirretti konkolaattotni 400 buufata doonii Jibuutii gahaniiru adeemsa gara biyyaatti galchuurra jirra jechuun uummataaf odeeffannoo sobaa kennuu Poolisiin ''mirkaneeffadheera'' jedhe.
''Addabaabayii Masqalaatti konkolaattota ergisaan walitti qabanii haala uummata burjaajessuun konkolaattota biyya alaatii galchan fakkeessuufi dhaabbata Chaayinaa konkolaataa elektirikii omishu BYD waliin osoo waliigaltee tokollee hin qabaatiin akka waliigaltee qabuu fakkeessuun yakka waliin dhahuu raawwachaa turuu qorannoon godheen bira gaheera'' jedha ibsi Poolisii.
Dhaabbata BYD Jibuutii jiru waliinis waliigaltee raawwatanii konkolaattota kaffaltii jalqabaa 10% erga fudhatanii booda 90% osoo hin kaffalanii hafuus Poolisiin beeksiseera.
Dhaabbatni Feenteek kun namoota 1200 ta'an irraa kanfaltii jalqabaa gatii konkolaataa kan ta'e birrii kuma 950, birrii kuma 285 gibira mootummaa akkasumas birrii kuma 130 chaarjara konkolaataa elektirikii jechuun walumatti tokkoon tokkoon isaaniirraa birrii miliyoona tokkoofi kuma 365 fudhataniiru jedhe Poolisiin.
Aartistotniifi namootni beekamoonoo maaliin shakkamoo ta'an?
Poolisiin Federaalaa hundeessitoota dhaabbatichaa lamaan cinaatti aartistotniifi namootni beekamoon torba yakka kanaan walqabatee to'annoo jala ooluu beeksiseera.
Isaanis Artiist Salamoon Boggaalee, Artiis Saraawwiit Fiqiree, Artiist Yiggaram Dajanee, Daani'eel Tagany, Abrahaam Gizaaw, Mansuur Jamaaliifi Kaaliid Naasir ta'uu ibse.
Namootni beekamoon kun ''dhaabbata Fenteek Investimeent haala hin malleefi gurra guddisuun beeksisuun maallaqa waliin dhahuun sassaabamerraa qooddachuun shakkaman'' jedheera Poolisiin.
Poolisiin Federaalaa namoota kana guyyaa kaleessaa mana murtiitti dhiyeessee manni murtiis qorannoon dabalataa akka irratti gaggeeffamu hanga Ebla 8, 2026 beellama qabateera.
Pooliisiin abbootii qabeenyaa dhaabbatichaa maallaqa seeraan ala argame seerawaa gochuuf yaalaniifi qabeenya uummataa burjaajessan, akkasumas yakka daangaa ce'een walumatti yakkoota 19 shakkee akka qoratu beeksise.
Namoota beekamoo maqaasaanii fayyadamuun tokkoo tokkoon isaanii maallaqa yakkaan argameerraa konkolaataa BYD gabaa amma jiruun miliyoona saddeet ol baasu kennaan fudhatanii akka hin malletti dhaadhessuun uummatni akka burjaaja'u godhan ittiin jedherratti qorannoo eegale cimsee akka itti fufu Poolisiin ibseera.
Artistootni kuni maallaqa seerawaa hin taane seera qabeessa gochuuf yaaluufi uummatarraa birriin biliyoona 1.7 akka waliin dhahamu gochuunis kan shakkaman ta'uu ibseera.