Qumaarri ugguraa haaraan, US, Iraan irratti eegalte ni hojjataa?

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Ameerikaa dooniiwwan Galoo Galaana keessatti ulaa Hormuuz seenanii fi bahan ugguruu akka danda'u irratti shakkii hin jiru. Garuu gaaffiin jiru uggurri kun maal galmaan ga'a kan jedhudha.
Waggoota 30 oliif waraana Ameerikaa keessatti tajaajilaa kan turaniifi amma soorama kan bahan Maarki Montgomery BBC'tti akka himanitti ''karoorri kun waan hojjatu natti fakkaata. Filannoowwan biroo US fayyadamuu dandeessu caalaas balaa xiqqaa qaba jedhan.
Yaadonni kanaan dura Pirezidaanti Tiraamp kaasu tokko tokko baayyee balaa guddaa qabu turan. Isaan keessaa Odoola Kargi qabachuu ykn dooniiwwan karaa ulaa Hormuz keessa darban eeguufaa kan dabalatu ture. Gochoonni sun humnoota Ameerikaa misaa'ela Iraaniif, dirooniiwwanii, akkasumas fanjiwwaan galaanaatiif saaxiluu danda'a ture.
Faallaa kanaatiin, uggurri dooniiwwan ulaa Hormuuz keessa seenanii fi ba'an humni waraanaa Ameerikaa bakka sanarraa fagoo ta'anii, bishaan Galoo Galaana Omaan keessa socho'uun, dooniiwwan buufata doonii Iraan keessaa ba'an akka hordofanii fi akka fedhanitti akka dhorkan taasisu danda'a.
Admiral Montgomerii akka jedhanitti, ''malli kun ulaa Hormuz dhiphoo keessa socho'uu caalaa nageenya qaba.'' Humni galaanaa Ameerikaa humna addaa, helikooptarootaa fi bidiruuwwan saffisaa ergama kana raawwachuuf barbaachisanis qaba jedhu.
Uggurri dhiheenya kana Veenzuweelaa fi Kuubaa irratti raawwatame US hojii akkanaa raawwachuu akka dandeessu agarsiise. Jalqaba bara kanaa Ameerikaan doonii boba'aa Raashiyaa kaaba Atlaantiik keessattis to'attee turte, kunis hojiin akkasii bakka kamittuu raawwatamu akka danda'amu kan agarsiisedha.
Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa akka jedhetti uggurri kun ''dooniiwwan biyyoota buufata doonii Iraan seenan ykn keessaa bahan hunda loogii tokko malee kan ilaallatudha''. Garuu dooniiwwan buufata doonii Iraan hin taane fayyadaman hin ugguraman.
Dooniiwwan meeshaalee gargaarsa namoomaa fe'an akka darban ni hayyamama jedha Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa, garuu ''sakatta'iinsa ni qabaatus'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu ni hojjetaa?
Kaayyoon inni guddaan ifaadha. Iraan yeroo waraana kanaatti boba'aa ishee alatti ergachuun mallaqa guddaa argataa turte.
Biyyoonni Galoo Galaanaa biroo garuu akka ulaa sana hin darbine dhorkuun doolaara biliyoonaan lakkaa'amu argatteetti.
Uggurri amma Ameerikaan taasifte milkaa'aana al-ergii Iraan waraana kanaaf ishee barbaachisu dhaabuu fi dinagdee ishee daran laaffisuu danda'a.
Garuu Iraan, kan kanaan dura haleellaa US fi Israa'el ji'a tokkoo ol irratti raawwatame dandamachuu guddaa agarsiifte, kiyyoo biraas dandamachuu akka dandeessu amantaan itti dhaga'amuu mala.
Ogeeyyiin tokko tokko Iraan uggurri kun yoo itti fufe gatiin boba'aa ni dabala jettee eegdi jedhu. Gatiin olka'uun Ameerikaa fi michoota ishee miidhuu fi biyyoonni Galoo Galaanaana ulaan kun akka banamu akka gaafatan dhiibbaa taasisu danda'u.
Ergamaan addaa Ameerikaa dhimma namoomaa Baha Giddu Galeessaa duraanii Deeviid Saatarfiild BBCtti akka himanitti, ''Iraan mormitoota ishee caalaa yeroo dheeraaf dhiibbaa dandamachuu danda'a jettee yaaddi''jedhu.
Deeviid "US gatii boba'aa irraan kan ka'e dhiibbaa keessa seenuu fi biyyoonni Galoo Galaanaa Ameerikaa irratti dhiibbaa akka gochuun ulaan Hormuuz akka deebi'ee banamuu akka taasisan eegdis" jedhan.
Garuu Waashingitan, kutannoo jabaa Iraan tilmaama keessa galchuu dadhabde ykn kutannoo Iraan xiqqeessuu malti.
''Iraan akka waraana kana injifatanitti itti fakkaata kanaaf mormitoota isaanii caalaa yeroo dheeraaf dhiibbaa dandamachuu akka danda'an amanu"

Madda suuraa, AP
Ogeeyyiin dooniiwwan buufata doonii Iraan keessaa bahanii fi ulaa Hormuz keessa darban ilaalaa jiru, uggurri Ameerikaa dhiibbaa akkamii akka fidu ilaalaa jiru.
Xiinxaltuun dhimma galaanaa Misheel Wiiz Bookmaan dooniiwwan yeroo qabatamaa keessatti ulaa Hormuz keessa socho'an hordofaa akka jirtu dubbatti.
Namoonni doonii oofan baayyee yaaddoo keessa akka galan ibsiti.
Erga Tiraamp uggura kan labsee booda dooniiwwan hedduun ofirra deebi'anii naannoo sana gadhiis aniiru jedha Richard Meyade, gulaalaa olaanaa Lloyd kan dhimma nageenya galaanarraa hordofu.
Akka Richardi jedhutti sa'aatii 48 darban keessatti dooniiwwan gara 30 ta'an ulicha keessa darbaniiru - erga waraanni kun dhuma Gurraandhalaa keessa jalqabee yeroo itti akka malee hojiin itti baay'atedha.
"Dooniiwwan ba'uuf yaalu fakkaata ture," jedha.
Yeroo ammaa kana sochiin baayyee xiqqaa waan ta'eef, humni galaanaa Ameerikaa dooniiwwan buufata doonii Iraan seenuu ykn keessaa ba'an dhorkuu isaa arguuf yeroo muraasa fudhachuu danda'as jedhe.
Dhukaasa dhaabuun ammallee waan jiruuf, waraanni Iraan yeroodhaaf gara lola uggura wal dorgoman lamaatti jijjiiramee dinagdeen addunyaa gidduutti qabamee jira.
Dhukaasa dhaabuun ammallee waan jiruuf waldhabdeen kun gara dorgommii uggura lama gidduutti jijjiirameera. Diinagdeen addunyaa giddu galeessatti qabamee jira.
Chaayinaan Iraan marii dippilomaasii Islaamaabaaditti akka hirmaattu jajjabeessiteetti jedhamee amanama. US uggurri kun dhiibbaa Beejiing irraa dhufu akka dabalu eegdi. Chaayinaan addunyaa irratti boba'aa Iraan bituu sadarkaa guddaa qabdi. Kuusaa guddaa qabaattus jeequmsa dhiyeessii yeroo dheeraa salphaatti dandamachuu hin dandeessu.
Tarkaanfiin Pirezidaanti Tiraamp kun qumaara guddaadha. Bu'aan isaa yeroo dhiyootti dhiibbaa uumuu danda'a.













![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)

